Ameerikaan xiyyaarota Yaman B-2'n boombiin haleeluuf dhaadatte

Deeggaraan garee Huutii lammii Yaman tokko magaalaa guddoo Sana'aa keessatti moodeela misaa'ela "Palestine-2" olqabaa jiru

Madda suuraa, EPA

Waraanni Israa'el misaa'elli Yaman irraa gara Israa'elitti erga dhukaafame booda garee Huutii Ansar Allah Yaman keessa jiru irratti haaloo ba'uuf dhaadate.

''Hireen Iraan Yaman irra ga'uuf jira'' jedhan.

Tibbana gareen Huutii "gocha Israa'el Gaazaa keessatti lammilee Filisxeem irratti raawwatteef deebii kennuuf" gara Israa'elitti "misaa'ela balistikii" dhukaasuun gabaafamee ture.

Erga waraana guyyota 12f Israa'elii fi Iraan gidduutti taasifamaa turee dhukaasa dhaabuun Waxabajjii 24 taasifamee booda gareen kun yeroo duraaf misaa'ila gara Israa'elitti dhukaase.

Ministirri Raayyaa Ittisa Biyyaa Israa'el Israa'el Kaatiz ibsa kennaniin, "hireen Yaman hiree Iraan ta'uuf deema.

"Akkuma Tehraan keessatti halleellaa cimaa taasifne, Yaman keessattis Huutii irratti xiyyeeffachuuf deemna,'' jedhan.

Israa'el gareen Huutii haleellaa kana yoo kan itti fufu ta'e haleellaa humna galaanaa fi qilleensaatiin akka raawwatu doorsiseera.

Akka ibsa humna waraanaa Israa'el kanaatti misaa'ellii naannolee biyyattii hedduu keessatti furguggifamaa turan qolatamaniiru.

Faallaa kanaatiin, gareen Huutii ibsa Kibxata galgala baaseen haleellaa kanaaf itti gaafatamummaa fudhateera.

Dubbi himaan waraana Huutii Yahiyyaa Sarii akka jedhanitti gareen kun buufata xiyyaaraa fi bakka murteessaa Israa'el biroo irratti xiyyeeffachuun haleellaa afur raawwachuu ibse.

Israa'elitti Ambaasaaddara Ameerikaa Maayik Hukaabee

Madda suuraa, EPA

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Israa'el keessatti Ambaasaaddarri Ameerikaa Maayik Hukaabee toora X irratti maxxansaniin, "Misaa'elootni gara Israa'elitti dhukaafaman xumurameera jennee yaadne turre.

''Garuu Huutiin ammallee misaa'ela itti dhukaase. Akka carraa ta'ee sirni ittisa qilleensaa Israa'el haala ajaa'ibsiisaan balaa ga'uu danda'u xiqqeessera. Tarii xiyyaaronni boombii B-2 Yaman mil'achuu mala'' jedhan.

Humni qilleensaa Ameerikaa Waraana Iraani fi Israa'el xiyyaarota boombii B-2 jedhaman fayyadamuun iddoowwan niwukilaraa Iraan irratti haleellaa raawwachuun ni yaadatama.

Gareen loltoota Huutii haleellaa Israa'el Gaazaa keessatti taasiftu mormuufi tumsa qaban agarsiisuuf misaa'elota gara Israa'el furguggisaa jira.

Erga waraanni Gaazaa Onkoloolessa bara 2023 jalqabee as Huutiin Israa'elitti akkasumas dooniiwwan Galaana Diimaa keessa qaxxaamuran irratti xiyyeeffachuun sochii daldala idil-addunyaa jeequun isaanii ni yaadatama.

Israa'el Misaa'elaa fi diroonii garee Huutii irraa itti ergaman utuu badii hamaa hin geessisin qolachuu himatti.

Finciltoonni Huutii dhukaasa dhaabuu ji'oota lamaaf Israa'elii fi Hamaas gidduutti ture irratti haleellaa isaanii kan addaan kutan yoo ta'u, Israa'el Gaazatti haleellaa raawwachuu hordofee Huutiinis haleellaa isaanii deebi'anii jalqaban.

Israa'el Yaman keessatti haleellaa hedduu kan jalqabde yoo ta'u, buufata doonii Huutiin to'atamuu fi buufata xiyyaaraa Sanaa kan Huutiin to'atamu irratti xiyyeeffattee jirti.