Albart Anistaayin pirezidaantii Israa'el akka taa'uuf waamicha dhiyaatef maaf dide?

Albart Anistaayin Israa'el wajjin hidhata cimaa qaba ture

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Albart Anistaayin sochii Zayaanizimii keessaa nama qooda qabuufi Israa'el wajjin hidhata cimaa qabuudha.

Chaayim Wiizmaan pirezidaantii jalqabaa Israa'el ta'ee nama filatameedha. Wiizmaan ogeessa keemistirii beekamaa yoo ta'u, yeroo Israa'el hundooftu pirezidaantii jalqabaa ta'ee kan tajaajile isa.

Haa ta'u garuu erga inni du'ee booda pirezidaantii lammaffaa Israa'el ta'ee akka tajaajiluuf hiddisaa Yihudii kan ta'e Albart Inistaayiniif gaaffiin dhiyaatee ture.

Haa ta'u garuu, Albart Inistaayiin gaaffii kana hin fudhanne. Saayintistii beekamaan keemistirii Chaayim Wiizmaanitu pirezidaantii jalqabaa Israa'el ta'uun kan filame Israa'el hundooftee waggaa tokko booda bara1949tti ture.

Waraana Addunyaa Lammaffaa booda biyya Arabootafi Yihudootaa jedhamuun Filisxeem bakka lamatti akka qoodamtuuf Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii bara 1947tti murteesse.

Bara1948tti Israa'el biyyummaa labsatte. Ministiira Muummee jalqabaa ta'ee kan filame Deeviid Bengooriyoon yoo ta'u, waggaa tokko booda ammoo Chaayim Wiizmaan pirezidaantii jalqabaa biyya haaraa hundeeffamtee ta'uun filame.

Siyaasa Israa'el keessatti aangoo guddaafi murteessaa kan qabu ministiira muummeti. Aangoon pirezidaantii biyyattii murtaa'adha.

Chaayim Wiizmaan fi Albart Anistaayin

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Chaayim Wiizmaan (harka bitaarra kan jiru) fi Albart Anistaayin (harka mirgaarra kan jiru

Pireazidaaantii jalqabaa Israa'el ta'ee kan tajaajilaa ture Chaayim Wiizmaan ganna bara 1952 ganna 77tti du'e.

Keessumaa ilmisaa Waraana Addunyaa Lammaffaa keessatti du'uurraa kan ka'e tasgabbii sammuu dhabeellee rakkataa akka turetu himama.

Erga Chaayim Wiizmaan du'ee booda Ministiira Muummee jalqabaa Israa'el kan tureefi yeroo sana aangorra kan ture Deevid Bengooriyoon nama bakka Chaayim bu'u barbaadutti ka'e.

Bulchiinsi Deevid Bengooriyoon gaaffii pirezidaantummaa kana saayintistii addunyaa beekamaa kan ta'e Albart Inistaayiniif dhiyeesse.

'Ani saayinsii malee siyaasa hin beeku'

Albart Inistaayin pirezidaantii Israa'el akka ta'uuf xalayaa kan barreessef ministiira dhimma alaa yeroo sanaa Abbaa Ebaan ture.

Xalayaa Deeviid Bengooriyoon bakka bu'uun Abba Eban barreessen, Albart Inistaayin pirezidaantii Israa'el ta'uun seenaa biyya haaraa ijaaramaa jirtuu keessaa qooda akka qabaatu gaafate.

Muudamni haaran Israa'el dhiyeessiteef qorannoo saayinsii gaggeessu kan addaan kuchisiisu akka hin taane ibsuun garuummoo US, Niwu Jeersii bakka jiraaturraa gara Israa'el akka deemu ibsuufin xalayaa kana barreessef.

Yeroo gaaffin muudama pirezidaantummaa Israa'elirraa dhiyaatuf sana Albart Inistaayin ganna 73 lakkaa'era. Gaaffiii mootummaan Deeviid Bengooriyoon dhiyeessef akka hin fudhanne xalayaa barreessuun kabajaan ibseef.

Ze'eef Rosankiraanz kitaabasaa The Einstein Scrapbook jedhu keessatti akka ibsetti, Anistaayin muuxannoo qorannoo saayinsii maleeu kan siyaasaa akka hin qabne ibsuun gaaffii mootummaan Israa'el dhiyeessef akka hin fudhanne xalayaa barreessen ibse.

"Gaaffiin kunmootummaa Israa'eel irraa naaf dhiyaachuusaaf kabaja guddaatu natti dhagahama. Jireenya koo guutuu qoraannoo saayinsii gaggeessuu irrattan dabarse. Muuxannoo siyaasaa ykn akkamitti namoota akka bulcha hin qabu waan ta'eef hojii kana gaggeessuuf nan rakkadha," jechuun pirezidaantii Israa'el ta'uu akka hin dandeenye mootummaa Israa'eliif deebii kenne.

Dabaluunis, gaaffii muudama pirezidaantummaa Israa'eel fudhachuu baatus walitti dhufeenyi inni Yihudoota waliin qabu onneessaa keessa akka jiruufi eenyummaasaa akka ta'es ibse.

Albart Anistaayinii fi Deeviid Bengooriyoon

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Albart Anistaayinii fi Deeviid Bengooriyoon

Anistaayin gaaffii Israa'el dhiyeessiteef yoo fudhate hojiirratti rakkachuu akka danda'u [muuxannoo siyaasaa waan hin qabneef] Deeviid Bengooriyoon shakkee ture.

"Carraa kana kennuufin qaba. Tole jedhee yoo fudhate, rakkoon nu mudachuunsaa hin oolu," jechuun Albart Anistaayin siyaasarratti rakkachuu akka danda'u Deevid Bengooriyoon dursee shakkee ture.

Yeroo sana ajajaa waliigalaa humna waraanaa kan ture Yisaak Naavoon, kan booda bara 1978 hanga 1983tti pirezidaantii ta'e, akkas jechuun gaafatee ture Bengooriyoon: [Anistaayiin] gaffii dhiyeessineef tole jedhee yoo fudhate maal gochuu akka qabnu natti himi."

Hariiroo Anistaayiniifi Israa'el

Albart Anistaayin pirezidaantii Israa'el akka ta'uuf gaaffii dhiyateef ta'uu jibbee ykn Israa'el jibbee miti kan dide.

Inumaayyuu hundeessitoota Israa'el kan ta'an waliin hariiroo cimaa qaba ture; inumaayyuu qaama sochii Zayaanizimii ture.

Pirezidaantii jalqabaa Israa'el kan ture Chaayim Wiizmaan waliin hariiroo addaa akka qabantu himama.

Albart Anistaayin sochii Zayaanizimiifi hundeeffama Israa'el sirriitti nama deeggaru ta'us, sarbama mirgaa qaamoleen Israa'el leellistoota ta'an Filisxeemotarraan gahan ifatti mormaa ture.

Keessumaa Ajjeechaa Deyiir Yaasiin jedhamuun beekamu kan humni Israa'el Irgun jedhamuun bekamu bara 1948tti "Filisxeemota 100 ol itti ajjeese" jedhamu booda, Albart Anistaayin ifatti mormuusaa kan agarsiisu xalayaa banaa New York Times dhaaf erguutu himama.

Mallaqa Israa'el abbaa nootii shanii suura Anistaayin ofirraa qabu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Albart Anistaayin erga du'ee booda Israa'el maallaqa biyyattii abbaa nooti 5 irratti kabajasaaf suuran akka maxxanfamu goote
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Gochaa humnoonni nageenyaa Israa'el yeroo sana raawwatan jedhamu Anistaayin qofaa osoo hin taane, beektotaafi saayintistoota Israa'el biroo waliin ta'uun kan mormiisaanii ibsatan.

Akkasumas paartii Israa'el Herut jedhamuufi Ministiira Muumme duraanii Israa'el Menaakiim Beeginiin hogganamaa ture "yaada finxaalessummaa hordofa" jechuun mormuun akeekkachiisee ture.

Albart Anistaayin pirezindaantii Israa'el akka ta'uuf gaaffii dhiyaateef fudhachuu erga didee booda bakka isaaf yaadame, Yisaak Been-Zaavii pirezidaantii lammaffaa Israa'el ta'uun filame.

Yisaak Been-Zaavii qorataa seenaafi hundeessitoota Israa'el warra jalqabaa keessaa tokkoodha.

Albart Anistaayin hundeeffama Israa'eliifi sochii Zayaaniziimii nama deeggaru ta'us, mirgi Filisxeemotaafi Arabootaa akka kabajamuuf ifatti dubbachuun gaggeessitoota ilaalcha lellistummaa qabu turan jedhaman kanneen akka Menaakiim Beegiin fa'aa akeekkachiisaa ture jedhama.

Menaakiim Beegiin paartiin inni gaggeessu ilaalcha "finxaalessummaa" adeemsisa jechuun Anistaayin mormus, Menaakiim Beegiiin Ministiira Muummee Israa'el ta'uun bara 1977-1983tti tajaajileera.

Paartiin Menaakiim Beegiin Herut jedhamuufi Albart Anistaayin "paartii finxaalessa" jedhamu boodarra paartii Beeniyaamiin Netaaniyaahuu kan ta'e Paartii Likuuditti makamee ture.