Hiddasaa ulaa Gaazaan alatti diriirsee kan jiru Hamaas meeshaa waraanaafi maallaqa ittiin of ijaaru eessaa argata?

Madda suuraa, Getty Images
Caasaan madda maallaqaa isaa walxaxaa kan ta'e Hamaas bu'uurri isaa Ulaa Gaazaa ta'us hiddhi isaa fagoo jira.
Ameerikaa fi Gamtaan Awurooppaa shororkeessaa jedhuun, sirna baankii idiladdunyaa keessa seenee maallaqa akka hin arganne qoqqobbiin irra kaa'ameera.
Kanaaf gama maallaqaan akkaan miidhamaadha.
Haata'u malee Onkoloolessa 7 wayita haleellaa rookeetii, diroonii fi meeshaa waraanaa gurguddaa kumaatamaan dagachiisee Israa'el haleele eenyu akka ta'e addunyaatti mul'iseera.
Garee humna maallaqaa hin qabne akka taanes hubachiise. Garuu maddi maallaqaa isaa maali, meeshaa waraanaa gurguddaa fi ammayyaawaa akkanaa eessaa argata?
Bara 1987 kan hundaa'e gareen sochii Islaamummaan taliigamu Hamaas, damee siyaasaa fi waraanaa qaba.
Dameen waraanaa isaa Ezzedine al-Qassam Brigades jedhamu loltoota Israa'el guddoo qoreera.
Waggoota darban haleellaawwan gurguddaa fi haleellaa badanii balleessuu boombiidhaan Israa'el irratti raawwateera.
Dameen siyaasaa Hamaas ammoo Ulaa Gaazaa keessatti uummata miiliyoona 2.3 bulcha, qondaaltonni ergama siyaasaa raawwataniif kuma 50 ta'u.
Akka jaarmiyaa siyaasaa fi hawaasummaatti ammoo gibira uummatarraa wlaitti qaba, jaarmiyaalee tola ooltotaa fi michuuwwansaa biyya alaarraa gargaarsa idiladdunyaa ni argata.
Erga haleellaa Onkoloolessa 7 ammoo maallaqa qofa osoo hin taane meeshaalee waraanaas argachaa jira.
Gareen kun sanada karoora invastimantii idil-addunyaa iccitii kan yeroo baayyee maallaqa kirpitoo fayyadamu qaba, kanas qoqqobbii idil-addunyaa bira darbuuf akka tooftaa fi tarsimoo ijootti fayadama.
Hamaas fi Qataar
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Biyyi xiqqoon Galoo Galaanaa addunyaarratti diinagdeen cimtuu taate Qataar biyyoota muraasa Hamaas tumsan keessaati.
Bara 2007 erga Hamaas fi gareen Filisxeem kaan- Fatah jedhamu waldhibdee dhiiga dhangalaasise booda gargar ba'anii booda Tarkii fi Qataar Hamaasiin deeggaruu eegalan.
Baruma sana wayita Israa'el Gaazaa marsaitee cuftu (uggurtu) Qataar Filisxeemota ulaa Gaazaa keessa jiraniif deeggarsa namoomaa dhiheessuu murteessite.
Bara 2012 bulchaan yeroo sanaa Qataar Imir Sheekh Hamad bin Kalifa al-Saanii Gaazaa daawwachuun doolaara miiliyoonaan lakkaa'amu waadaa seenaniif, Israa'el boodarra gargaarsi kun akka taasifamu waliigaluun mirkaneessiteetti.
Sheek Hamad bin Kalifa al-Saanii qondaala biyyaa jalqabaa bulchiinsa Hamaas jalatti Gaazaa daawwataniidha.
Hamaas Gaazaa keessatti qormaati itti hammaannaan michootasaa alaa bira jiraachuu eegale, sababa waraana Siiriyaa Damaaskas keessa jiraachuun wayita itti ulfaatu Qataar bara 2012 irraa eegaltee da'oo taateef.
Deeggarsa siyaasaa fi maallaqaa taasisteefii Dohaa keessaa bakka laatteef.
Hoogganaa Hamaas kan jedhamuu fi boodarra nama Kaalid Meshaal jedhamuun kan bakka bu'e Ismaa'el Haniyeeh, akkasumas hanga bara 2021 Afgaanistaan to'atanitti dureewwan Taalibaan, hundinuu magaalaa Qataar keessa turan.
Haala kanaan Qataar gareewwan warri lixaa shororkeessitoota ittiin jedhanii fi waliin taa'anii mari'achuun akka hin danda'amne murteessan bakka buutee mariif teessisuuf yaalaa yoona geesseetti.
Hamaas fi Israa'el gidduutti duraan jaarsummaa taa'aa kan turte Masiriin milkoofteetti, ammammoo dabareen kan Qataar.
Tibbana waliigaltee dhukaasa dhaabuu Hamaas fi Israa'el ilaalchisuun biyyi adda durummaan jaarsummaatti jirtu Qataar.
Waliigalteen dhukaasa dhaabuu kun namoota butaman gadhiisisuu irratti kan xiyyeeffateedha.
Biyyi miseensa Nato ala taatee US waliin michummaa qabdu Qataar, uummata Gaazaa sababa Israa'el daangaa cufteen rakkoo keessa jiraniif gargaarsa doolaara biiliyoonatti tilmaamamu ergiteetti.
Biyyattiin gargaarsi kun uummata Filisxeemiif malee Hamaasiif akka hin taane himti.
Gargaarsi namoomaa kun maallaqaan hagam akka ta'e sirriitti beekamuu baatus xiinxaltoonni bara 2014 Qataar doolaara biiliyoona 1 di 2.6 gidduu ta'u Gaazaaf erguu tilmaamu.
Bara 2016 Imir Sheekh Tamim bin Hamad al-Saanii namoota weerara Israa'eliin ulaa Gaazaa keessatti dararaman gargaaruuf doolaara miiliyoona 30 ramaduu ibsanii turan.
Maallaqi kun gariin miindaa qondaaltota Hamaas kuma 50 ta'anii kaffaluuf oola, kaan ammoo elektirikii Israa'el Gaazaa irraa kutte boba'aa bituun ibsuuf oola, kan irraa hafe maatii hiyyeeyyii Gaazaaf ji'aan doolaarri 100 kaffalamaaf.
Gargaarsi kun qindoomina Qataar, US fi Israa'eliin Gaazaaf kennama jedhe Yuniversitii Northwest Qataaritti pirofeesarri qo'annoo Baha Giddugaleessaa Kaalid al Hroub.

Madda suuraa, Getty Images
''Gaazaa dabalatee gargaarsi gara daangaa uummata Filisxeem seenu kamuu addunyaarratti akkaan kan hordofamuu fi beekamuudha. US, Israa'el, Jordaan fi Masiriin itti dhiheenyaan hordofu. Maallaqi kun karaa baankiisaanii waan darbuuf,'' jedha xiinxalaan dhimma Filisxeem kan dhimma Hamaas irratti barreessuun beekamu.
Maallaqi kun jalqaba Dohaa irraa Israa'el seena, achirraan shaanxaadhaan Gaazaa seena.
Daangaa Kaaba Gaazaa karaa Erez jedhamuun erga seenee booda poostaa fi karaa suuqiiwwanii harka qalleeyyiif hirama.
Deeggarsi idiladdunyaa hedduun haala kanaan wayita Gaazaa seenu garri caalaan harka Hamaasitti dhuma jedhu xiinxaltoonni.
Hamaas garuu rakkoonsaa dhuunfaasaatti maallaqa argachuu akka hin taane jechi al Hroub ni mirkaneessa.
''Rakkoon maallaqaa Hamaas inni ijoon damee siyaasaa yookiin humna waraanaa isaa deeggaruu miti, kun waan salphaadha. Rakkoo hamaan uummata Filisxeem miiliyoonaan lakkaa'aman akkamiin gargaarra kan jedhuudha. Kan Hamaas dhiphisu isa kana,'' jedha.
Maallaqi Qataar fi deeggarsi idiladdunyaa uummata Gaazaa kan dandamachiisuudha malee mataansaa madda rakkoo ta'uu hin danda'u jedhu xiinxaltoonni.
Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Ejansiin dhimma baqattoota Filisxeem Baha Giddugaleessaa keessa jiranii (UNRWA) dhababata Gaazaa keessatti deeggarsa namoomaa idiladdunyaa taasisu isa ijoodha.
Gargaarsi isaan dhiheessan to'annoo cimaa akka qabuu fi miseensota isaan akka hiramu dubbi himaan jaarmiyaa kanaa BBCtti himaniiru.

Madda suuraa, Getty Images
Hamaas miseensota garee Warraaqsa Diddaa Iraaniin hoogganamu Axis of Resistance jedhamuuti.
Gareen Islaamaa Lebaanon fi Siiriyaa keessa maandheffate Hizboollaanis miseensa garee kanaati.
Kan tokko isaan taasisu faallaa Israa'el fi Ameerikaa ta'uu isaaniiti.
Dhiibbaa Israa'el qolachuu fi aangoo mootummaa Ayaatullaa itichuuf Tahraan naannawa kana keessatti caasaa cimsachuu barbaaddi.
Kanaaf garee kana leenjisuu, maallaqaa fi meeshaa waraanaan deeggaruu irratti xiyyeeffatte jedhe Sanaam Vaakil.
Sanaam Vaakil daarektara sagantaa Chatam House jedhamuu kan Baha Giddugaleessaa fi Kaaba Afrikaa tibbana maxxanfameeti.
Kanneen keessaa Iraan erga bara 1990 as irratti xiyyeeffattee kan deeggaraa jirtu Hamaas fi garee hidhattootaa Filisxeem kaan ta'uu hime Vaakil.
Akka US jettutti deeggarsi Iraan Hamaas, Islaamik Jihaad fi Adda Bilisummaa Filisxeemiif taasistu waggaatti doolaara miiliyoona 100tti tilmaamama.
Waraana Siiriyaa keessatti eegalame booda Hamaas fi Iraan waldhabanii turan. Hamaas mootummaa Bashaar al Asaad deeggaruu dide.
Haata'u malee ''deeggarsi Iraan garee Hamaas irraa citee hin beeku. Sochiiwwan siyaasaa muraasa irratti deeggarsa dhaabanii ta'uu mala. Deeggarsi maallaqaa garuu ittuma fufe,'' jedhe Inistitiyuutii imaammataa- Near East kan Waashigitanitti argamutti xiinxalaa kan ta'e Policy Maatiw Leeviit.
Al Hroub Hamaas waggaatti maallaqa hangam Iraan irraa akka argatu ibsuu baatus, gareen kun ammallee deeggarsa maallaqa argachaa jiraachuuibse.
Bara 2022 hoogganaan Hamaas mataansaa Al jazeera irratti wayita dubbatu Iraan baayyee akka isaan tumsitu ibseera.
Hojii misaa'ela isaaniif maallaqa doolaara miiliyoona akka kenniteef dubbate.
Guyyaa haleellaa Hamaas booda ammoo miidiyaa Raashiyaa irratti dureen hariiroo dhimma alaa garee kanaa Alii Barakaa deeggarsa isaaniif taasisuudhaan kan Iraan dursu akka hin jirre hime.
Iraan maallaqaa fi meeshaa waraanaan akka isaan deeggaraa jirtu himeera.
BBCn deeggarsa Iraan taasisaa jirti jedhamu kana Ministeera Dhimma Alaa biyattiirraa adda baafachuuf yaalus deebii hin arganne.
Gibira akka madda galii Hamaasitti

Madda suuraa, Getty Images
Hamaas akka qaama Gaazaa bulchuutti gibiras walitti qaba. Meeshaalee seeraan ala karaa Masiriitiin darbee ujummoo lafa jalaan seenuu fi kanneen magaalaa keessatti gurguraman irratti gibira guddaatu kaffalama.
Hamaas gibira kanarraa maallaqa hagamii akka argatu garuu ifatti hin beekamu.
Ministirri Maallaqaa Hamaas Rashdi Abualouf bara 2016 BBCtti akka himetti maallaqi gibira irraa argamu doolaara miiliyoona 15.
Xiinxaltoonni akka Maatiw Leeviit ammooo miiliyoona 300 hanga 450 ta'a jedhu.
Wanti sirriitti ifa galee jiru garuu Gaazaa keessatti gibirri kaffalamu akkaan olaanaa ta'uusaati.
Biyyi hoji-dhabdummaan dhibbeentaa 45 ta'ee fi uummannishee dhibbeentaa 80 ta'u deeggarsa namoomaa eeggatu gibira guddaa Hamaas irra kaa'eenis dhiphatti.
''Gaazaa fi West Bank bulchiinsa tokkoon taliigamu. Galiin namoota garaagara ta'us,'' jedha al Hroub.
Hamaas dabalataan ''daangaa Israa'el cufte deebisanii dandamachiisuu'' maqaa jedhuunis gibira kaffalchiisa.
Kunis sigaaraa, kofoowwan gara biyya keessaa galan, konkolaataa fi gosoota nyaataa garii irratti kan dabalamuudha.
Gibirri fi taarifni meeshaaleerratti yeroo yeroon dabalamu naannawa kana tasgabbii dhorkeera. Uummatas qoreera. Kanneen mormiif karaatti ba'anis jiru, Hamaas ammoo mormitoota darara.
Investimantii Hamaas
Biiroo Maallaqaa UStti waajjirri dhimma To'annoo Qabeenya Alaa (OFAC) Hamaas investimantii idiladdunyaa akka qabuu fi maallaqi inni sababa kanaan harkaa qabus doolaara miiliyoona 500 akka ta'u ibse.
Investimantiin kun caasaa isaa Sudaan, Tarkii, Sa'uudii Arabiyaa, Aljeeriyaa fi Yunaayitid Arab Imireetis keessaa qaba jedha OFAC.
Caasaa investimatii kana Mana Maree Shuuraa fi Hoji raawwachiistota Hamaastu hoogganu jedha jaarmiyaan kun.

Madda suuraa, Getty Images
OFAC bara darbe tarree maqaa qondaaltota Hamaas, haala mijeessitootaa fi kubbaaniyyaawwan ''Hamaasiif maallaqa walitti qaban,'' baasee ture.
Ameerikaan garee Hamaasiin shororkeessaa jetti, qaama waliin hojjete hunda ni adabdi.
Kubbaaniyyaan biyya Sudaan kan albuuda baasu fi kubbaaniyyaan ijaarsa manaa biyya Tarkii akkasumas kubbaaniyyaan ijaarsaa Sa'uudii kanneen US tarreessite keessaati.
Maallaqa kiriptoo fi arjooma
Hamaas waan ittiin socho'u biyyoota michuu isaa ta'anii fi isaaf gaddan irraas argata jedhe al Broub.
Arjooma kana biyyoota ollaa Filisxeem fi biyyoota araba keessa jiranii fi arabaan ala ta'anirraallee ni argata jedhe.
Arjoomni kun akka duudhaa amantii Islaamaatti ''Zakaa'' jedhama, namni waan qaburraa haga ta'e kan arjoomuudha. Hamaas gargaarsa akkanaas ni argata.
Dhimma sochii Hamaas waliigalaa irratti kitaabota mata duree: ''Hamas: Political Thought and Practice'' fi ''Hamas: A Beginners Guide.'' jedhamaniin barreesse al Hroub, Hamaas arjooma kana yeroo fudhatu waraanasaa tumsuuf jedhee miti jedha.
''Mana barumsaa yookiin hospitaala ittiin ijaarra jedhaniiti. Yookiin ammoo duula siyaasaaf jedhu. Damee waraanaaf ta'uu hin himan,'' jedha barreessaan kun.
Warraaqsa Intifaadaa, Al-Aqsaa Intifaadaa jedhamu booda wayita US garee shororkeessaa jechuun Hamaas irra qoqqobbii maallaqaa keessu, Hamaas garuu guyyaa tokkotti salaata Jum'aa booda doolaara miiliyoona 1.5 hanga miiliyoona lamaa walitti qabate jedhe al Hroub.
Erga bara 2019 as arjoomni haala kanaan Hamaasiif taasifamu karaa maallaqa kiriptoo isa ga'aa ture.
''Hamaas maallaqa kana fayyadamuun isa jalqabaati. Yookiin ammoo arjoomni kun karaa maallaqa kiriptoo akka ta'u gaafachuun qaama jalqabaa ta'a,'' jedha Arii Reedboord.
Arii Reedboord jaarmiyaa hatamuu fi waliidhahuu maallaqaa karaa kiriptoo fi kaaniin raawwatamu ittisuuf dhaabbate TRM Labs jedhamutti dursaa imaammataa fi dhimma mootummaati.
Gareen kun jalqaba Bitcoin fayyadamuu eegale, boodarra garuu bara 2022 irraa eegalee Tron itti dabalate jedhe.
Bara 2020 Ameerikaan marsariitiiwwan maallaqa kiriptoo Hamaas waliin hidhata qaban 150 irraa fudhachuu ibse TRM Labs.
Hamaas yeroo jeequmsi dhalatu maallaqa guddaa wlaitti qabata, erga Onkoloolessaa 7 garuu maallaqi guddaan hin argamne jedhan TRM Labs.
Hamaas maallaqa doolaara 20,000 qofa walitti qabate jedha jaarmiyaan kun.












