Yukireen Kiivitti dirooniidhuma mataa ishee rukuttee kuffifte

Diroonii Yukireen rukutame

Madda suuraa, Reuters

Humni waraanaa Yukireen magaalaa guddittii biyyatttii Kiiv keessatti diiroonii waraanaa isaa ''to'annoon ala'' ta'e jedhame rukuttee kuffise.

Diroonii waraanaa kana rukutanii kuffisuuf daqiiqaawwan 15-20 kan fudhate yeroo ta'u, humni qilleensaa biyyattii dhiiyenya waajira pireezidantiitti dhuukasa hedduu gaggeesaa ture.

Jalqaba hoogganaan waajira pireezidantii Andriiy Yirmaak diroonii diinaatu rukutamee kufee jedhan.

Booda garuu humni qilleensaa biyyattii dirooniidhuma mataa isaa rukutuu ibse, sababni ammoo balaa hin eegamne qaqqabsiisuu mala kan jedhuudha.

Dirooniin rukutame omisha Tarkii kan ta'e Baayraaktaar TB2 jedhamudha. Diroonichi gara galgalaa naannoo sa'aa lamaatti naannoo Kiivitti balaliif ka'ee to'annoon ala ta'e.

Sababni rukitameefis to'annoon ala ta'uun isaa balaa hin eegamne waan hordofsiisuu maluuf jedhame.

Ibsi humna ittisaa biyyattii dirooniin rukutamee kufe miidhaa geessise hin qabu jedheera.

''Nama gaabbisiisa, garuu ammoo kun teeknoolojiidha, wanti akka kanaa ni mudata, rakkoo teeknikaan akka ta'utti dalaguu dide ta'a, rakkoo isaa adda baasuutti jirra.''

Diroonicha rukutanii kuffisuuf yaaliwwan godhaman viidiyoon agarsiisu miidiyaa hawaasaarratti qoodameera. Dhukaasa hedduu booda yeroo kufu namootni gammachuu ibsataniiru.

Gama diroonichi irratti kufetti ibiddi qabatus dafee to'atameera.

Ta'iin kun Roobii darbe Raashiyaan Yukireen pireezidant Putiin irratti yaalii ajjeechaa raawwatte jechuun himachuu hordofee raawwate.

Kamisa dubbii himaan mootummaa Raashiyaa Dimiitrii Peeskoov ragaa osoo hin dhiyeessiin US kana keessaa harka qabdi jedhaniiru.

Dubbii himaan Nageenya Biyyaalessaa US Joon Kirbiiy gama isaaniin ''himannaa qaanessaadha'' ittiin jedhaniiru.