Barataa ganna 16 carraa barnoota bilisaa doolaara miil. 9 ta’u yunivarsitoota 125 irraa argate

Madda suuraa, IMAGE 1 PHOTOGRAPHY
Barataan umurii ganna 16, US bulchiinsa Luwiisiyaanaa jiraatu, carraa barnoota bilisaa (scholarship) yunivarsitii, doolara miiliyoona 9 olitti tilmaamamu argateera.
Deenis Baarnes, kan Mana Barumsaa Sadarkaa Lammaffaa Niw Orliins keessatti barachaa jiru, Hagayya darbe yunivarsitoota biyyattii keessa jiran 200’tti barachuuf iyyata galchateera.
Hanga ammaatti manneen barnoota ykn yunivarsitoota 125’tti kan simatame yoo ta’u, utuu galmaa’uuf hin murteessin yunivarsitooti biroon simatamuuf abdata.
Carraan barnoota bilisaa ykn scholarship Deenis argate kun dhiyootti rikordii biyyatti cabsuu mala.
“Karoorri koo doolara miiliyoona 10 ga’uudha,” jechuun miidiyaa biyyatti oduu barataa kana jalqaba gabaase WWL-TV’tti himeera.
Deenis karoora isaa kanaan yoo milkaa’e, rikoordii US waggaa sadii dura jiraattuu Luwiisiyaanaa biraa, Normandii Kormiyeeriin qabamee jiru cabsuu mala.
Yunivarsitii Ekseeviyeer, Luwiisiyaanaa jirurraa ebbifamtee amma Yunivarsitii Bulchiinsa Luwiisiyaanaatti digirii lammataa ishee kan barachaa jirtu Normandiin, bara 2019’tti yunivarsitoota 140 irraa carraa barnoota bilisaa doolara miiliyoona 9.4 argatte.
Akka The Guardian gabaasetti, Normandiin carraa argatte kanaan Galmee Rikoordii addunyaa irratti galmaa’uuf yaaltus, dhaabbatichi nama US’tti carraa kana caala argate argachuu dhabus, rikordii addunyaa cabsuu ishee garuu sababa garaagarummaa sirna barnootaa idil addunyaan adda baasuu hin dandeenye.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Deeniis akka miidiyaa WWL-TV’tti himeen, oduun milkaa’ina isaa erga dhaga’amee booda miidiyaan hawaasummaa isaa xiyyeeffannoo guddaa argateera.
Deenis pirezadaantii Hawaasa National Honours Afaan Ispanishi sirritti dubbachuu danda’u yoo ta’u, qabxiin mana baruumsaa (GPA) isaa kan mudaa hin qabne jedhamuu kan danda’udha. Barataan kun ammumaan barnoota kolleegii Yunivarsitii Southern, Niw Orliinsi jiru irraa argachaa jira.
Mana barnoota hedduutti iyyata galchuun “akka namootni biro yaadan kan guddaa nama dhiphisu miti” jedha. “Jalqaba waggaa barnootatti eegaleen, yeroo dheeraaf iyyaticha galchaan ture.”
Ibsi manni barnootaa isaa baasee akka eerutti, yunivarsiittti damee barnootaa, kompiitar saayinsii fi haqa yakkaan digirii lama argachuu fedha. Ji’a itti aanus kolleejii (yunivarsitii) kamitti barachuuf akka murteesseeru ifa ni taasisa.
Barattoota akka isaa biroof: “Daandii milkaa’ina eegereetti nama gesso dursanii karoorsuu, ogeessota kolleejii waliin hariiroo uumuu fi yoo abjuukee arguu dandeesse galma kee akka keessu baruudha” jechuun gorsa kenneera.












