Hattoonni kophee 200 ol hatan hunduu kan miila mirgaa qofa ta'uun rakkatan

kophee

Madda suuraa, Getty Images

Peeruu keessatti hattoonni suqii kophee saaman, dogoggora uumaniin ofiin kasaaraa keessa seenaniiru.

Suuqii magaalaa Hunkaayoo argamu tokko namootni sadii cabsanii seenuun kophee 200 ol hatanii badaniiru- ta’us garuu kopheen kunneen hundi kan miila mirgaa qofadha.

Abbaan qapheenyaa suuqii kana kopheen hatame hundi waliigaatti gatii doolara 13,000 akka ta’u tilmaama, ta’us hattoonni kun kophee kunneen gurgurachuun isaan rakkiseera.

Gochi saamichaa bu’a qabeessa ta’uu danda’u ture kun kameeraatiin waraabameera.

Viidiyoon waraabame kun akka mul’isutti, yakkamtoonni kun halkan walakkaa furtuu suqiichaa cabsanii seenuun kophee gosa adda addaa sassaabuun baajaajiitti fe’etanii deemani.

Hogganaan poolisii naannicha Eduwaan Diyaaz akka miidiyaa Peruvian’tti himanitti : “Bakka yakki kun itti raawwaterraa ragaalee funaanneerra. Saamicha kana irratti kan nama ajaa’ibu kophee isaan hatan hundi kan miila mirgaa ta’uu isaadha.”

“Ragaa viidiyoo fi ashaaraa arganneen yakkamtoota kunneen argachuu ni dandeenya.”