Dubartiin adurreenshee ollaa jalaa mi’a hedduu hateen 'qaanofte'

Madda suuraa, DONNA HIBBERT
Dubartiin tokko erga adurreen ishee olloota jalaa irra daddeebiin uffataa fi nyaata hate booda, qaana’uun Facebook fayyadamuun mi’a kunneen deebisuuf yaalaa jirti.
Adurreen Harii jedhamu kun waggootii afran darban keessatti butaantaa [paantii], foon saamsame fi kophee qaalii dabalatee yeroo hedduu mi’a hatee gara manaatti geessaa ture.
Torban darbe keessa qofa, Hariin olloota isaa UK, Deerbii, Daarlii Aabii keessa jiran jalaa waa ja’a hateera.
Haati [kunuunsituun] addurree kanaa, Doonaa Hibeet, adurreen ishee Hariin mi’ooti kun kennaadha jedhee yaada jettee amanti.
“Adurrooti maatii isaaniif kennaa fiduu jaalatu jedheen yaada, gocha isaa duuba yaadni jiru kana,” jetti.
“Yeroo hedduu addurree ykn hantuuta caalaa mi’a fida, kanaatti ammo nan gammada.”

Madda suuraa, DONNA HIBBERT
Waggootii kunneen keessatti Hariin mi’a gara paawondii 300 (birr 20,300) ta’an hateera jettee amanti.
“Kophee diimaa, kan gatiin isaa qaalii ta’e yeroo tokko hateera,” jetti.
“Qabduu harmaa Ispoortii kan M&S jedhamus fideera, kanaaf kun gatiin isaa rakasa miti.
“Dheengadda korojoo fidee ture garuu homtuu keessa hin turre.”
Mi’oota kunneen keessaa garii bakka miiccamanii fannifamani irraadha, kaan garuu mana namoota keessaa fudhatamani.
“Yoo carraa argate, ni fudhata,” jetti Aadde Hibeet.
Adurreen Harii jedhamu kun obboleessa Luunaa jedhamu qaba, innis mi’a adda addaa mana ni fida garuu yeroo hedduu kosii kan akka waraqaa buskuutii fi tamboodha.

Madda suuraa, DONNA HIBBERT
Aadde Hibeet amma mi’oota hataman kana suuraa kaasuun fuula Feesbuuki, Spotted: Darley Abbey jedhamu irratti maxxansuu eegalteetti.
“Ganda keenya keessatti yoona namni ‘uffata kana as fanniseen ture’ ykn ‘mana kana keessa ture,…ammammoo badeera’ jedhee yaadu jira jedheen yaadda’e,” jetti.
“Feesbuukii irratti ollaan keenya tokko suuraan maxxanse arguun ‘kun kan koodha. Anoo maraachaan jiraa jedheen yaadee ture,’ jedhan.
“Torban kana mi’a adda addaa ja’a fide, hundi isaanii amma abbootii qabeenyaa isaaniitti deebifamuuf qophaa’aniiru.”















