Namichi adurree barbaacha meeshaa hidhatee gamoo seene hidhame

Adurree

Madda suuraa, PA Media

Ibsa waa'ee suuraa, Namichi adurrittiin eessa akka jirtu baruu barbaade, jedhee manni murti (File photo)

Meelboorn Awustiraaliyaatti namichi adurree isaa barbaachaa wiirtuu kunuunsa bineensotaa meeshaa hidhaatee seenuun himatame, mana murtiitti dhiyaate.

Toonii Wiitmaan Wiixata wiirtuu sana meeshaa guutuu hidhatee seenuun hojjattuu gidduugalicha keessa turte meeshaa waranaan dorsiseera.

Dubartii kanaa fi waayilootni ishee wanta uumame Kanaan hedduu rifachuu isaanii poolisiin ni hima.

Wiitman, ganna 44, yakka uggurruu, sobaan hiidhuu, meeshaa waraanaan saamuu fi meeshaa waraanaa qabachuun himatameera.

Poolisiin akka jedhutti Wiitman wiirtuu 'Lost Dogs Home' yeroo bilbileetti adurree isaa baddee turte fudhachuuf guyyaa biraa eeguu akka qabu itti himame.

Boodarra wayyaa waraanaa uuffatee gara wiirtuu sana deemuun, duubartii hiidhee adurreenkoo eessa jirti jedhe gaafachuun himatame.

Wiitman “waanan siin jedhe dhageesse yoo hojjate rasaasaan si hin rukutu,” jedhee dorsiiseera.

Utuu poolisii hin waamiin akka ishee hanga 100tti akka lakkooftu dubartittitti himuu isaa poolisiin ni hima.

Sana boodaa wiirticha irraa baqatee uffataa fi meeshaa isaa mana isaa biratti awwaale jedhameera.

Yeroo gochi kun ta’etti beeyladoonni fudhataman ykn miidhaman akka hin jirre miidiyaan biyyatti gabaaseera.

Guyyaa itti aanuu Wiitman wiirtichaatti deebi’ee addurree isaaf fudhachuu akka yaale mana murtiitti himameera.

Boodarra Kibxata to’annoo jala oolee yakka isaa amanuu poolisiin himeera. Akka poolisiitti himeetti addurreen koo yeroo hedduu “wanta hamaa irraa na olcheera,” jedheera.

Qorattuun poolisii Jo MakDoonald “ yeroo kanatti aduurree isaa fudhachuu barbaade kana yoo bayyeete sa’aatii 10 qofaaf eegu qaba ture,” jechuun mana murtiitti himteetti.

Wiitman looltuu akka tureefi “tajaajila sirri gaggeessuu dhabuu isaan” ari’aamu himteetti.

Abukaatoon Wiitman akka jedhutti dhibee xiinsammuu post traumatic stress jedhamu akka qabu himeera.

Mirga wabii gaaffiif dhiyeesse didamee Ebla keessa mana murtiitti dhiyaata.