Abbaan intalasaa ''suuraa irratti dhiiraa wajjin mul'atte'' jechuun ajjeese

Suuraa dhiigaan laaqameera

Madda suuraa, GETTY IMAGES

Poolisiin Paakistaan ''ajjeechaa kabajaa'' shamarree ganna 18 qorachaa jira.

Shamarree suuraan ishee miidiyaa hawaasaa irratti qoodamaa ture irratti dhiiraa waliin mul'atte jedhamuun ajjeefamte.

Poolisiin suuraan sobaan qindeeffame jedhe. Maatiin garuu suuraa arganii dhiira waliin mul'atte jedhanii amanan.

Qondaaloti bulchiinsa Paakistaan magaalarraa fagoo Kohistaan jedhamtuu shamarreen kuni ajaja gumii gosaa(jirgaa) jedhamurraa kennameen abbaafi eessaumasheen itti dhukaafamee ajjeefamte jedhu.

Shamarreen maqaanshee hin dhahamne, abbaanshee to'annoo jala ooluun ajjeechaan yoo himatamu, eessumnishee miliqee hin qabamne.

Namni ishee wajjin suuraa irratti mul'ate jedhameefi warri jirgaa ajjeesuuf barbaadan to'annoo seeraa jala jira.

Dargaggoonni biroo -dhiiraafi dubartiin suuraa sobaan qindaa'ee miidiyaa hawaasaa Paakistaan irratti qoodameen doorsisi irra gahaa jira.

Suuraaleen lamaaniyyuu footoshooppiidhan gulaalamanii akkaawuntii sobaa miidiyaa hawaasaa irratti maxxanfaman kan jedhu poolisiin gochaa kana duuba qaama jiru qorchaa jira.

Qondaaloti naannoo dubartii ishee lammataa iddoo eegumsi taasifamuuf erga geessaniin booda, dhaddachi taa'amee mana maatishee iddoo sodaa ajjeechaa hin qabnetti akka deebitu taasifameera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Bulchiinsa Koohistaantti ''ajjeechaan kabajaa'' yeroo dhihoo asitti gabaafamaa kan ture yoo tahu, jiraattonni naannichaa ilaalcha rincicaa qabaachuutu himama. Ajjeechaawwan kunneen yeroo baayyee firoota kabaja maatii eegna jedhaniin raawwata.

Miidiyaan Paakistaan Geo News gaafa Wiixataa akka gabaasetti poolisiin miseensi maatii ajjeechaa kanarratti hirmaate biraan yoo jiraateef jechuun mana maatii shamarree kanaa seenee sakatta'aa tue.

Naannoo kanatti ajjeechaan kan akka kabajaatti fudhatamu, dubartiin tokko himannaan irratti dhiyaateen maatii salphiste jedhamee yoo yaadame, akka aadaa kanaatti dubartiin homaa balleessuu baattullee, miidhaa qaqqabsiisuu baattullee miseensi maatii dhiiraa jalqaba ishee ajjeeseeti, isa dhiiraa ajjeesuuf barbaada.

Falmitoonni mirgoota namoomaa akka jedhanitti sababiin ijoo ajjeechaa kanaa dubartoonni miidhaman kunneen heeruma diduu, gudeedamuufi haleellaan saalaa irra gahuu fa'idha.

Uffannaa ''sirrii hin taane'' kan keewwatan, hayaata gaarii hin agarsiisneefi ajaja hin fudhanne jedhamuunis dubartiin tokko ajjeefamuu dandeessi.

Paakisataan keessatti haala kanaan dubartoonni baayyeen kan ajjeefaman yoo tahu, dhiiroti haala kanaan ajjeefaman lakkoofsi isaanii muraasa.

Bara 2011tti dubartoonni Paakistaan cidha irratti otoo sirbaniifi harka walitti rukutanii viidiyoon waraabaman ajjeefamaniiru. Viidiyoon suni dhiira shubbisaa ture agarsiiseera. Ajjeechaan dubartoota kanaa gara dhiiga walii deebisuutti ce'ee dhiirri biraa tokkos ajjeefameera.

Ajjeechaan kuni biyyattii keesssatti naasuu guddaa uumuun seerri jabaataa akka bahuufi ajjeechaan kabajaa akka dhaabbatu, tarkaanfiin akk fudhatamu waamichi taasifamaa ture.

Bara 2016 Paakistaan seera fooyyessuun namni ajjeechaa kabajaa raawwate hidhaa umrii guutuun akka adabamu tumteetti. Tahus maatiin miidhamaa yoo dhiifama godheef hidhaarraa bahuu mala.

Seerri bahus kanneen ajjeechaa kabajaa raawwatan haqa jalaa bahaa jiru jedhu falmitoonni mirgoota dubartootaa.