Dubartiin Iraaq YouTube irratti beekamtu abbaasheetiin ajjeefamuun uummata dheekkamsiise

Madda suuraa, @TIBA99 VIA YOUTUBE
Dubartiin Iraaq YouTube irratti beekamtu Tibbaa al-Ali jireenya dhuunfaasheerratti viidiyoo hojjechuun hordoftoota hedduu argatteetti, baayyee jaallatamti.
Bara 2017 umriishee waggaa 17tti Iraaq irraa gara Tarkii imaluun chaanaalii YouTube banatte.
Waa'ee bilisummaashee, hiriyaashee fi dhimma meeshaalee bareedinaa (make-up) akkasumas dhimmoota dhuunfaa kaan kaaftee YouTube irratti maxxansiti.
Tibbaan wayita hojiishee hojjetaa turte gammachuutu irraa mul'ata, hordoftoonni ishees baayyee ishee jaallachuu ibsaafii turan.
Bara kana Amajjii keessa maatii ishee dubbisuuf gara Iraaq imaltee turte, achumaan abbaanshee ajjeese.
Haata'u malee, ajjeechaan kun itti karoorfamee kan raawwatame miti jedhamuun abaanshee hidhaa ji'a ja'aa qofaan adabame.
Ajjeechaan Tibbaa guutummaa Iraaq keessatti mormii uummataa kaasiseera.
Ajjeechaa dubartiin maqaa maatii balleessite jedhamuun raawwatamu- ajjeechaa kabajaa (honour killings) irratti namoonni akkaan mufachuun hiriira ba'an.
Ajjeechaan akkasii biyya duudhaa dur duriitti cichitu kana keessatti akkaataa dubartoonni itti ilaalaman kan agarsiisuudha.

Madda suuraa, @TIBA99 VIA YOUTUBE
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Tibbaan yeroo gabaabaa keessatti maamiloota (subscribers) 20,000 horatte- lakkoofsi kun ergasheen ajjeefamtee booda baayyee dabale.
Jalqaba bara 2021 wayita viidiyoo waa'ee jiruu dhuunfaashee YouTube irratti maxxansitu, gara Tarkii barnootaaf akka imalte ibsitee turte.
Garuu jireenyi waan mijateefii tureef barnoota dhiistee hojiima YouTube itti fufte.
Abbaanshee Obbo Xayyib Alii intallisaanii gara Tarkii imaluun lammii Siiriyaatti heerumtee magaalaa Istaanbul keessa jiraachuu eegaluusheetti hin gammanne.
Sababa kanaan Tibbaan wayita Amajjii darbe maatiishee ilaaluuf Iraaqitti imaltu abbaa waliin waldhabde.
Gabaasaaleen akka ibsanitti abbaan Tibbaa gaafa Amajjii 31 bakka isheen raftutti morma hudhee erga ajjeesee booda harka kennate.
Iddoo Tibbaan itti ajjeefamtetti namni qondaala mootummaa ta'e tokko abbaanshee Ebla darbe hidhaa yeroo gabaabaadhaan adabame jedhe.
Tibbaan erga ajjeefamtee booda dubartoonni Iraaq dhibba hedduutti lakkaa'aman hiriira mormii gaggeessaniiru.
Keessattuu seera ajjeechaa kabajaa (honour killings) walqabatee jiru irratti mormii dhageessisaniiru.
Seerri adabbii yakkaa Iraaq namni tokko maqaa maatii balleessuun dhiibbaa miseensa maatiirraan ga'uurra, kabaja maatii eegsisuuf ajjeechaa raawwatamu akka ajjeechaa kabaatti bakka ni kennaaf.
Ajjeechaan miira akkasiin raawwatame yoo jiraate adabbii hordofsiisurratti ilaalchi ni taasifamaaf jedha seerri adabbii yakkaa kun.
Dubbi himaan Ministeera dhimma biyya keessaa Iraaq Gen Saad Maan ''Ajjeechaan Tibbaa irratti raawwate gama seeraan yoo ilaalamu yakkadha. Ilaalcha biraatiin ammoo ajjeechaa kabaja eegsisuuf raawwatamedha,'' jechuun BBCtti himan.
Gen Maan akka jedhanitti Tibbaa fi abbaanshee Iraaq keessatti baayyee wal qoccolaa turan.
Ajjeefamuushee dura dubbiin hamaatee waan tureef poolisiin gidduu seenuuf yaalaa ture jedhan qondaalli kun.

Madda suuraa, Reuters
Ajjeechaa Tibbanaafi murte kenname ilaalchisee mootummaan Iraaq ejjennoo akkamii qaba gaaffii jedhu kan gaafataman qondaalli kun, ''Qaamoleen nageenyaa karaa sadarkaasaa eeggateen qorannoo gaggeessanii seera hojiirra oolchaniiru. Qorannoo jalqabaa fi qorannoo mana murtii taasisaniiru. Ragaa hunda walitti qindeessanii murteedhaaf mana murtiitti dabarsaniiru,'' jechuun deebisan.
Manni murtii garuu yakka ajjeechaa adabbii hidhaa cimaa hanga du'aan adabuu gaafatu, ji'a ja'a qofa itti murteesse.
Inumaa poolisiin biyyattii Tibbaan ajjeefamtee guyyaa shan booda mormii rogeeyyiin biyyattii 20 ta'an Waajjira olaanaa Mana Maree waliigalaa Abbootii Seeraa fuuluduratti ba'uun dhageessisuuf turan dhorkeera.
Rogeeyyiin kunneen yeroo muraasaaf wayita ba'anii turan dhaadannoo kana dhageessisaa turan: ''Dubartoota ajjeesuu dhaabaa! Keewwata 409 haqaa. Dubartoota ajjeesanii kabaja jechuun hin jiraatu.''
Rogeettii fi quuqamtuun mirga namoomaa Iraaq Rawaa Kalaaf, seerri Iraaq fooyya'uu qaba jette.
Seerri biyya kanaa akkaataa seera idiladdunyaan wal simuu qaba jetti dubartiin kun.
Murteen abbaa Tibbaa irratti darbe haqa kan dabsee fi murteen akkanaa mirga dubartootaa ittiin sarbuuf kan qophaa'eedha jetti Ruwaa Kalaaf.
Quuqamtuun mirga namoomaa Iraaq kan biraan Hanaan Abdulkaaliq ''dhimma kanaaf furmaata barbaaduu qabu. Haalli kun dafee dhaabbachuu qaba. Dubartii ajjeesuun baayyee salphaa ta'aa jira,'' jette.
''Hudhuu, waraanuun dubartii ajjeesuun baayyee salphateera. Biyyattii keewwata 409 ni haqxi jennee abdanna.''
Seenaan Tibbaa seeronni hin fooyyofne akkamiin dubartoota miidhaa fi booddeetti hambisaa akka jiran kan mul'isuudha.
Addunyaarratti seeronni dubartootaaf hin dhabbanne fi inumaa miidhaa mirga dubartootaaf karaa saaqan ammallee jiraachuu mul'isa seenaan kun.
"Ajjeechaan Kabajaa" maalidhaa?
'Ajjeechaa kabajaa' jechuun dubartoota kabaja maatii hir'isaniiru jedhaman yaadamanirratti miseensa maatiidhaan ajjeechaa raawwatamudha.
Sababawwan ijoo 'ajjeechaa kabajaa' jedhamu kanaaf ka'umsa ta'u jedhan warren mirgoota namoomaaf falmaniifi Huumaan Raayitis Waacha walitti qabe keessaa:
Nama maatiin isaaniif filetti heerumuu yoo didan
Dirqamaan gudeedamuu ykn miidhaan sababa saal-qunnamtii yoo isaanirratti raawwate
Gaa'elaan alatti hariiroo saal-qunnamtii nama biroo waliin qabu jedhamee yoo yaadame
Kana malees, sababiiwwan baayyee funaansa ta'an barbaaduun kan akka 'uffata hin malle uffachuu' ykn amala hin taane agarsiisuun ajajamuu didan yoo jedhan ajjeechaan dubartoota irratti raawwatamuu danda'a.












