Namtichi haadha warraasaa morma kutee ajjeese waggaa 8n adabame

Mona Heydaarii

Madda suuraa, ILNA

Namtichi haadha warraasaa kan umrii waggaa 17 morma muruun ajjeese, hidhaan waggaa saddeetii itti murtaa'uu Abbaan Alangaa Iraan hime.

Namni maqaansaa Sajjaad Heydarii jedhamu, "ajjeechaa kabajaa" maqaa jedhuun erga mataa haadha warraasaa, Monaa, irraa muree waliin suuraa ka'ee mullatee ture. Kun ammoo bara darbe dheekkamsi ummataa akka uumamuyyu taasisee ture.

Iraan dabalatee biyyoota tokko tokko keessatti shamarran ykn dubartoonni "safuu hawaasaa cabsaniiru" yoo jedhaman abbaa, obboleessa ykn mnama itti dhiyaatuun ajjeefamu. Gocha kana ammoo "honour killing " ykn [ajjeechaa kabajaa] jedhuun. "Ajjeechaan Kabajaa" maalidhaa?

Dubbi himaan haqaa, adabbii hidhaa kan namtichaaf hir'atteef, waan maatiin Monaa ajjeechaa raawwateef adabbiin akka cimuuf gaafachuu dhiisanii dhiifama taasisaniif jedhe.

Abbaan intalaa duraanii akka ajjeesuuf hayyama hin kenniineef jedhanii turan.

Monaan waggaa 12 irraa kaasuun abbaa warraa isheetti kan heerumte yoo ta'u, osoo waggaa 14 jirtu mucaa dhiiraa tokkoo deesseefii jirti.

Miidiyaaleen biyya keessaa akka gabaasanitti, miidhaa mana keessaa abbaa warraa isheetiin irra gahu irraa ka'un akka ishee hiiku gaaffattus waan dideef gara Tarkiitti baqattee turte jedhan.

Haata'u malee erga omtu akka ishee hin mudane maatii isheetiin itti himameen booda, ajjeechaa isheetiin guyyoota muraasaaan dura baatii Guraandhalaa keessa gara Iraaniitti deebiite ture.

Dubbi Himaan Haqa biyyattii, Maasuue Setaayeshiin Roobii darbee gaazexessitootatti akka himaniitti, namtichi ajjeechaa kana raawwate kunis gocha ajjeechaatiif hidhaan waggaa torbaafi walakaa kan itti murtaa'ee yoo ta'u, miidhaa irratti raawwataa tureef ammoo hidhaan baatii saddeetii dabalataan itti murtaa'eera.

Itti dabalunis, murteen kenname haaluma seera Iraan kan namni itti yaadee ajjeechaa raawwate tokko yoo maatii nama ajjeeffameetiin dhiifama taasifameef malee du'aan haa adabamu jedhuutiin kan murtaa'eedha jedhan.

Obbooleessi buddeen Monaa kan ajjeechaa kana qindeessee ammoo hidhaa baatii 45 itti murtaa'u hime.

Bara darbe Indiyaatti maqaa ajjeechaa kabajaa jedhuun abbaan intala isaa umuriin waggaa 17 taate mroma muruun ajjeessuu hordofee mormiin jabaan dhalatee ture.

Ajjeechaan kabajaa jedhamu kunis Iraan keessatti seerri miidhaawwan mana keessaa dhorkuufi miidhamtootaaf falmu akka jiraatu gaaffii kaaseera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Akkasumas umuriin dubartoonni itti heeruma inni xiqqaan akka ol ka'uuf waamichi taasifameera. Ammaan tanattis Iraan keessatti daa'imman umurii sanaa gadiilleen hayyama seeraafi maatiin seeraan heerumsiifamaan kan jiran ta'ulleen, umuriin heedumaa 13 dha.

Bara 2020 keessa, Shamarreen waggaa 14 Romaaniyaa Ashiraaf erga jaalallee ishee waliin manaa baddee booda abbaa isheen mormi qalamte ajjeeffamun dhiikkamsa walfakkaatu kaasee ture.

Abbaan intala tanaa yoo ishee ajjeessee addabbiin attamii akka isa mudatu nama seeraa mariisisee ture irrattis hidhaa waggaa sagaliitu ture. Kunis kan seeraan taa'een waggaa tokkoon gadi.

Kanaan kan ka'es mootummaan wixinee seeraa miidhaawwan dubartoota irra gaha garaagaraa yakka ta'u labsuu mirkanneessee ture.

Haata'u malee, seerichi hojiirra oolfamuu ganaa miseensootapaarlaamaatiinmirkanneeffamu qabaata.

Iraan ammatti mormii mootummaa kan du'a shamarree mana hidhaa keessatti raawwatameetiin eegaleen raafamaa jirti.

Mormii sanaan walqabatees hanga ammaatti namoota to'annaa jala oolfamanii duuti itti murtaa'ee 18 keessaa afur du'aan adabamiiru.

Gareewwan mirga namaatiif falman garuu adeemsa murtee seeraa haqa qabeessa hin taaneenin itti murtaa'e jedhan.