Tapha Arsenaal morkataasaa Yunaayitid mo'aterratti Hoyilund fi Yuuroon miidhaman

Madda suuraa, Getty Images
Tapha dorgommii duraa Loos Anjalasitti gaggeeffameen Arsenaal goolii 2 fi 1n morkataasaa Maanchester Yunaayitid mo'ateera.
Tapha kanarratti jifataan Yunaayitid Raasmas Hoyilund fi bara kana paawondii miiliyoona 52n Yunaayitid kan seene Leenii Yuuroo miidhamuun dirreedhaa ba'aniiru.
Hoyilund daqiiqaa 10ffaarratti kubbaa Maarkas Raashfoord dabarseef gara gooliitti geeddaruun Yunaayitid dursa qabatee ture.
Jifataan kun daqiiqaa 15 booda kubbaa Aaron Bisaakaa dabarseef gara gooliitti wayita yaalu miidhaa maashaa sarbaasaa mudateen daqiiqaa 25ffaarratti jijjiiramee dirreedhaa ba'e.
Taphataan umrii waggaa 18 Yuuroonis miidhaa isa mudateen dirree keessatti yeroo dheeraaf erga yaalamaa turee booda jijjiiramee ba'eera.
Bara darbe taphattoonni hedduun jalaa miidhamuun goolamamaa kan ture gareen Eriik Ten Haag, ammas ganamumaan taphattoonni abadataman lameen miidhamuun isa yaachiseera.
''Miidhaan taphattoota kunneen mudate hagam ulfaataa akka ta'e baruuf sa'atii 24 eeguutu nurra jira,'' jedhan leenjisichi taphaan booda wayita yaada kennan.
''Keessattuu ammoo Leeniif eeggannoo cimaa goonee turre. Taateen mudate gaddisiisaa ta'us waan gaarii eegna, kanaaf ammoo bu'aa qorannoo eeguu qabna,'' jedhan.
Maanchester Yunyaaitid tapha kanarratti jalqabbii gaarii agarsiisee ture, garuu hin milkoofne.
Jifataan Arsenaal Gaabreel Jesuus daqiiqaa 25ffaarratti goolii walqixxeessitu galche. Gabreel Maartineeliin ammoo boqonnaa booda itti dabale.
Kanaan taphichi 2 fi 1n xumurame.
Taphattoota miidhamaan dirreetii ba'aniin alattis Yunaayitid jalaa Viiktar Liindiloof osoo shaakalarra jiruu miidhaa salphaan irra ga'eera.
Tapha kaleessaarratti taphattoonni lameen miidhamuun Yunaayitiditti rifaatuu uumus garuu dandeettiin Meesan Maawont agarsiise ammoo kilabichatti abdii horeera.
Bara darbe gara caalu miidhamaan kan dabarse Maawont dandeettiisaa duraanii agarsiisuurra darbee gara fuulduraatti deemuun garee faallaa hubuu akka danda'us tapha galgalaa irratti agarsiiseera.

Madda suuraa, Getty Images
Gama Arsenaaliin, kilabicha ni gadhiisa jedhamee kan ture, Emiil Ismiizroow tapha kanarratti hin hirmaanne.
Taphataan kun gara Fuulhaam imaluu danda'u gabaasaaleen jedhan ba'aa jiru.
Taphataan Rikaardoo Kaalaafiyoorii jedhamu taphataa haaraa barana Arsenaalitti dabalamuuf eegamu yoo ta'u, Delaan Raayis fi Bukaayoo Saakaa tapha waancaa Awurooppaatii deebi'anii kilabichatti dabalamu.
Tapha galgalaa kanaan Gaabreel Jesuus milkii gaariirra ture, Maartineeliinis waancaa Koppaa Ameerikaa booda haala gaariirra ture.
''Maartineeliin shaakala tokkittii taasisee raawwii ajaayibsiisaa argamsiise. Kun cimina xiinsammuuti,'' jedhe leenjisaan Arsenaal Mikeel Arteettaa.
''Gaabreelis hedduu jijjiirame. Yeroon kun yeroo itti dandeettiisaa mirkaneessuu qabuudha,'' jedhe leenjisaan kun.












