Eezzee gara Maan Siitii, Biruunoo gara PSG, Keevin de Biruun...jijjiirraa taphattoota ganna kanaa

Jijjiirraa taphattootaa ganna kanaa itti fufeera

Madda suuraa, Getty Images

Maanchister Siitiin taphataa Kiristaal Paalaas Eberechee Eezzee mallatteesisuuf gaafachaa jiraachuu himame.

Keevin de Biruun gara kileboota Sawud Arabiyaa deemuu danda'a erga jedhamee Maan Siitiin bakka isaa buusuuf Eezzee gaafachaa akka jiru gabaafameera.

Paalaas taphataa kana paawondii miliyoona 60 gadi akka hin gurgurre ibseera.

Tootenhaam dabalatee kileboonni hedduun Eeezzee gaafataa jiru.

Maanchister Siitiin karra eegaa isaa Edersan kan dhabu yoo tahe, karra eegaa PSG Jiyaanluujii Doonaaruumaa mallatteesisuuf fedha akka qabu himama.

Al Itihaad karra eegaa Siitii Edersan kan argachuu danda'u yoo paawondii miliyoona 50-6- kaffale qofa akka tahe kilebichi ibsuu miidiyaaleen gabaasaniiru.

Hanga ammaa haasaan Doonaaruumaa waliin jalqabe jiraachuu baatus Maan Siitiin Istiifan Orteegaa karra eegaa isaa jalqabaa gochuu akka barbaadus ibsameera.

PSG'n taphataa Maan Yuunaayitid Jeden Saanchoo fi Biruunoo Fernaandez mallatteesisuuf fedha akka qabu gabaafame.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Saanchoon ergisa Boorushiyaa Doortimondi irraa gara Maan Yuunaayitiditti erga deebi'ee as leenjisaa duraan wal dhabanii turan Erik Ten Haag waliin haasahuun rakkoo gidduu isaanii furaniiru.

Leenjisichi Saanchoo waliin dubbannee xumureera. Gahumsa gaarii qabu fayyadamuun milkaa'ina kileba kanaaf gumaacha jedheen abdadha jedhaniiru.

PSG, Juuvantasii fi Baarseloonaanis Saanchoo mallattesisuuf akka fedha qaban yeroo adda addaatti gabaafameera.

PSG garuu erga Impaabbeen bahee taphataa sarara duraa tokko dabaluu akka barbaadu ibseera.

Fernaandez garuu Maanchister Yuunaayitidiif taphataa murteessaa waan taheef waan kilebichaa bahu miti.

Dabalataan PSG taphataa Benefiikaa Jaayoo Neeves jedhamu paawondii miliyoona 100tti siquun mallattesisuuf sosso'aa akka jiru gabaafameera.

Arsenaal taphataa sarara ittisaa Kiristaal Paalaas Maark Gehii mallatteesisuu barbaada.

Edi Nikeetaa kennuun taphaticha fudhachuu kan barbaadu Arsenaal Paalaas taphataa kana gadhiisuuf gatii guddaa gaafataa ture.

Aston Viilaan erga taphataa Everteen Amaduu Onaanaa mallatteesisanii taphataa Atileetiikoo Maadirid Jaayoo Feeliksi mallatteesisuu akka barbaadan himame.

Feeliksi ergisaan Baarseloonaaf taphataa turus Baarseloonaan taphataa kana waan mallatteesisu miti.

Rakkoo maallaqaa waan qabuuf amma xiyyeeffannoon Baarseloonaa Niikoo Wiiliyaamsi irrattidha.

Niwkaastil leenjisaan isaa Edii Haaw kilebicha waliin akka turaniif marii dabalataa gaggeessan.

Leenjisaa garee biyyaalessaa Ingilaandi akka tahaniif maqaan isaanii waan ka'eef Edii Haaw kilebichi waliin akak turuuf Niwkaastil gaaffii dhiyaatuuf akka hin fudhanne ibse.

Oduu biraan ammoo Maanchister Yuunaayitidii fi West Haam taphataa sarara ittisa cinaa Baayern Munik Noosar Maazoraawwii mallatteesisuuf wal dorgomaa jiru.

Muniik taphataa kanaaf paawondii miliyoona 19 qofa barbaada. Yuunaayitid Aaron Waan Bisaakaa gurguruu danda'a.

PSG taphataa Naappoolii Viiktar Osimeen mallatteesisuuf yaaliin gochaa ture danqamuu himame.

Naappoliin taphataa kana gadhiisuuf paawondii miliyoona 100 ol barbaada.

PSG ammoo gatii haga kanaa kaffaluu akka hin barbaannee fi yoo milkaa'uu baates taphattoota isaa sarara duraa Gonkaaloo raamosii fi Kooloo Muyaaniitti akka amanu hime.