Eeboo natti qiyyaafatan: Hawaasa Amaazoon keessatti adda ofbaase waliin bosona qooddatanii jiraachuu

Madda suuraa, Fenamad
Toomaas Anez Doos yeroo sagalee shokoksa faana miila namaa dhagahu Peruviyaan Amaazoon keessatti hojii qulqullinaa hojjetaa ture.
Battalatti marfamee dhaqnisaa rifaatuun diilallaa'e. "Tokko dhaabbatee eeboo natti qiyyaafate" jedha. Marfamuusaa wayita baru fiigicha keessaa fuudhe.
Warra Mashko Pirodhaan fuulaa fuulatti walitti dhufe. Waggoota kudhanii oliif Toomaas Magaala Xiqqoo Nuyeva Oshiniyaa jedhamtu, ollaa hawaasa bosona keessa jiraatanii fi qunnamtii namoota bosonaan ala jiran waliin uumuu balaaleffatan jiraate. Garuu hanga yeroo dhihootti qaamaan isaan argee hin beeku.
Hawaasni Mashko Piro jedhaman kuni waggoota 100 caaluuf dhala namaa kaanira adda of baasanii jiraatu. Ulee dheeraa fi eeboo qara qabuun adamoo Bosona Roobaa Amaazon kana keessatti gaggeessuun ofjiraachisu.
Toomaas akkas jedha, "Fooricaa namarsan. Sagalee bineensotaa akkeessu, akka sagalee simbirrootaas. Ani 'Obbolaakoo' jechaan ture. Walitti yaa'anii natti siqan. Eegasii gara lagaatti gadi qajeellee fiigne" jedha.
Gabaasni dhaabbata 'sarvaayivaal Internaashinaal' guutuu addunyaarra garee namootaa 'of foo'anii jiraatan' 196 ta'antu jira. Isaan kessaa Warri Mashko Piro lakkoofsan guddaadha.
Akka gabaasa kanaatti mootummaan gareewwan kanaaf kunuunsa yoo hin goone waggoota Kudhan itti aananitti walakkaan isaanii gara hawaasaatti makamuu malu.
Akka hawaasni naannoo jedhanitti, Warri Mashko Piro kuni yeroo dhihoon asitti yeroo yeroodhaan gara Nuyeva Oshiniyaa kana dhufaa jiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Magaalattiin bakka hojiin kiyyeessa qurxummii itti hojjetamu yoo taatu, laga Tahumanu kan gidduu Peruviyaan Amazon keessatti argamurra jirti. Bakka qubsuma namaa dhihoo jirurraa bidiruudhaan sa'aatii kudhan deemsisa.
Bakki kuni akka bakka hawaasni adda ofbaase jiraatutti beekamtii waan hin arganneef kaampaanotni bakkichatti hojii hojjetan nijiru.
Akka Toomaas jedhutti, sagaleen maashina hojiirra jiruu halkanii fi guyyaa waan dhagahamuuf warri Mashko Piro akka bosonni isaanii jeeqamaa fi manca'aa jirutti hubatu.
Hawaasni Nuyeva Oshiniyaa keessa jiraatan yaadota lama qabu. Warri kaan eeboo warra Mashko Piroo kana sodaatu. Gama kaaninimmoo warra bosona keessa jiraatan 'Obboloota' jedhaniin kana kunuunsuu fi eeguu barbaadu.
"Akka jiraachuu barbaadanitti akka jiraatan heeyyamuufii qabna. Aadaa isaanii jijjiiruu hin qabnu. Kanaafi isaanirraa fageenya keenya eegnee kan jiraannu" jedha Toomaas.
Warri Nuyeva Oshiniyaa waa'e warra bosona keessa jiraatuu kana yaaddoos qabu. Heedduu isaan jeequu fi namoota alaa waliin yoo walitti dhihaatan ammoo dhukkuba isaan madinummaa itti hin qabnef saaxilamuu malu kan jedhuun.
Latishiyaa Rodrigeez osoo bosona keessaa daa'imashee waggaa lamaa qabattee muduraa guurrachaa jirtuu sagalee jara kanaa dhageesse.
"Sagalee wacaa fi boo'ichaa nama hedduu dhageenye. Waanuma gareen isaanii hundi erga tokko iyyaa jiru fakkaata" jetti.
Dubartiin kuni yeroo jalqabaatiif warra Mashko Piro kana ijaan argite. Eegasii fiigdee bakkichaa gadhiiste. Bakkichaa deemte sa'aatiiwwan boodayyuu rifaatuun ishee hin gadhiisne ture.
"Kaampaanotni naannoo sanatti dhaabbatan mukkeen ciraa turan. Kanaaf sodaatanii asiif achii osoo fiiganii nubiraan bahan. Nubira osoo gahanii maal nugodhu kan jedhu hin beku. Kan soda natti naqe kana" jetti.
Bara 2022 namootni lama qaxanaa hawaasa kanaa kessatti qurxummii baasaa turan haleellaan irra gaheera.tokko eeboodhaan waraaname. Inni lubbuun ooleera. Namni inni lammaffaan garuu qaamnisaa bakka sagal eeboodhaan waraanamee guyyootaan booda reeffisaa argame.
Mootummaan peruviyaan seera namoota adda ofbaasanii jiraatan kana waliin qunnamtii uumuu dhorku baaseera.
Imaammanni kuni Biraazil keessaa kan madde yoo ta'u, erga gareen namoota kanaaf falman namootni warra ofbaasan kana waliin qunnamtii uumanii dhibeewwanii fi badiisaaf isaan saxiluu danda'u jechuun duula taasisaniin booda.
Bara 1980 keessa hawaasni Nahuu, kan Peeruu keessatti adda ofbaasanii jiraatan erga hawaasa alaa waliin walitti makamanii hawaasicha keessaa walakkaan waggoota keessatti nidhuman.
"Nmaootni adda ofbaasanii jiraatan saaxilamoodha. Tuttuqqaan gogaa isaanii waliin taasifamu kamuu dhukkuba itti dabarsuu danda'a. dhukkubni salphaanuu isaan dhabamsiisuu mala" jedhan garee Mirga namoota adda ofbsaaniif falmu irraa Femanaad.
Gama aadaatiinis akka hawaasaatti qunnamtiin isaan waliin taasifamu kamuu jireenya isaaniirratti miidhaa qaqqabsiisuu danda'a.
Jiraattota ollaa hawaasa adda ofbaasanii jiraataniif garuu yaanni hariiroo uumuu dhabuu kuni rakkisaa ta'uu mala. Toomaas bakka hawaasa Mashko Piro itti arge kana nugeessee akka nutti agarsiisetti harka isaatiin sagalee dhageessisee achii callisaan gurra qensee dhageefata.
"Yoo isaan deebii kennan duubatti deebina. Amma kan dhagahaa jirru sagale simbirrootaa qofa kanaaf naannoo kana hin jiran jechuudha"
Akka yaada Toomaasitti mootummaan hawaasni Nuyeva Oshiniyaa waa'ee namoota adda ofbaasan kana waliin jiraachuu ilaalchisee hawaasni ofumasaa akka murteeffatu waan dhiise fakkaata.
Mooraa isaa keessa waan nyaataman dhaabe akka warri kuni dhufanii fudhatan godha. Kuni toftaa innii fi warri ollaa isaa jiraatan hawaasa adda Ofbaase kana waliin nagaan jiraachuuf malatani.
Fageenya Kiiloomeetira 200 ta'u gara kibba bahaatti haalli jirummoo kanarraa adda. Hawaasni Mashko Piro karaa Laga Manutiin bakka bosona keessaa qubsuma isaanii beekamaa ta'e qabu.
Ministeerri aadaa Peruviyaa bakka kanatti wiirtuu too'annaa 'Nomole' jedhamuu fi hojjettoota saddeet qabu hundeessee jira. Wiirtuun kuni bara 2013 erga hawaasa Mashko Piro fi Jiraattota gidduutti waldhabdeen uumamee namootni hedduun ajjeefamnii booda hundaa'e.
Akka hogganaa buufata kanaatti Antooniyoo Tirigoson hojiin isaa taateen akka sanaa deebi'ee akka hin muudanne eeguudha.
Bakka kanatti hawaasni Mashko Piro kuni yeroo hunda irra deddeebiin mula'tu. Eegdunni buufataa garuu jara waliin akka wlabeekumsa hin qabnetti himu.
Yeroo mara bakka dhaabbataa ta'e tokkotti walgahu. Achi dhaabbataniiti kan iyyan. Waan nyaatamu waan akka shankooraafaa gaafachuuf iyyu.
"Yoo nuti deebii kennuufii baanne guyyaa guutuu bakkuma sana dhaabbatanii eegu" jedha Antooniyoon.
Wiirtuun too'annoo kuni lafa xiqqaa bakka nyaata jara kanaaf ta'u itti omishan qabu. Tari nyaanni bakkichaa yoo dhume ammoo hawaasni naannoo akka gumaachan gaafatu.
Tarii yoo hawaasa naannoo biraayis nyaanni dhabame ammoo eegdonni buufataa kuni warra Mashko piro Kanaan guyyootaan booda deebi'aa koottaa jedhuuni. Ajajni kuni hanga ammaatti hojjeteera waan ta'eef baayyee dhibdeen hin uumamne.
Antooniyoon warra adda ofbaasee jiraatu kana yeroo hedduu namoota 41 arga. Dhiira, dhalaa, daa'imman maatii adda addaa irraa ta'ani.

Madda suuraa, Fenaamaad
Maqaa bineensotaatiin walwaamu. Mootiin isaanii Komotola jedhama. Kanniisa dammaa akka jechuuti. Warri jala jiran inni nama nyaara guuraa fi fuula hin ifne jedhuuni.
Gaggeessaan isaanii kan biraan Tikotkodha. Qurxummii guddaa akka jechuuti. Inni qoosaa nama beeku. Yeroo hedduu isaan kolfisiisa. Dubartiin dargaggeettiin tokkommoo Yomako jedhamti. Bofa Diraagon akka jechuuti. Isheenis dandeettii qoosaadhaan nama kolfisiisuu qabdi jedhuun.
Warri Mashko Piro jireenya uummata isaaniin ala jiraniitiif baayyee hawwii hin qaban. Garuu yeroo warra eegdota buufataa argan waa'ee warra addunyaa isaaniin ala jirtuu nigaafatu. Waa'e maatiisaanii, eessa akka jiraatanfaa gaafatu.
Yeroo eegduun buufataa tokko ulfa turtee fi da'umsaaf boqonnaa baate ashaanguliitii gogaa jaldeessaa irraa hojjetame wayii akka daa'imni ittiin taphattuuf kennaa fidaniifii dhufan.
Warri Mashko Piro uffannaa warri eegdota buufataa uffatan baayyee jaalatu. Keessumaa uffata ispoortii kan haalluu diimaa fi magariisa qaban.
"Yeroo isaanitti dhihaannu uffata moofaa, kan tatarsa'ee fi qulfii ofirraa hin qbane uffanna. Kanaaf isaan isa fudhachuu hin barbaadan" jedha Antoniyoon.
Ogeessi buufata eegumsaa Eduwaardoo Pancho akka jedhutti hawaasni kuni dura uffannaa aadaa isaanii uffatu ture. Amma garuu muraasni isaanii yeroo turistoonni dhufan uffataa fi kophee isaanirraa fudhatu jedha.
Garuu namni alaa yeroo jireenyi bosona keessaa akkami jedhee isaan gaafate waliin dubbii bakkuma sanatti dhaabu.
"Yeroo tokko abidda akkamitti qabsiifattu jedheen gaafadhe. Qoraan qabda mitii naan jedhan. Ammas gaaffii kiyya itti fufee jennaan waan hunda qabda silaa maaf waa'ee keenya beekuu barbaadde naan jedhani" jedha.
Warri Mashko piro 'Nan gaafatin' jedhanii jennaan akka namni suni ajjeefameetti ilaalu.
Eegdonni buufataa warri waggoota hedduu hawaasa Mashko Piro kana bira jiraatanuu hawaasni kuni akkamiin akka jiraatuu fi maaliif bosona keessatti akka hafan wanti beekan muraasa.
Akka eksipartooni jedhanitti Hawaasni Mashko Piro warra Yine, kan kibba baha Peeruu Jiraataniin hidhata qabu. Loqoda warra Yine walitti dhihaatus dubbatu.
Warri Yine garuu amma qonna, qurxummii qabuu fi hojiiwwan kaanirratti bobba'anii jiru. Warri Mashko piro garuu hojiiwwan kuni akkamiin akka hojjetamanuu dagataniiru. Isaan warra adamoodhaan jiraatu ta'aniiru.
"Muuzii nuu kennaa jedhanii gaafatu. Nyaata isaanii goseessuuf yaadaniiti. Eegasiin booda maatiin tokko tokko ji'ootaaf yookan waggootaaf ni dhabamu. 'Ji'a muraasaaf fagaadheen deema. Booda nan deebi'a' jedhu. Eegasii nagaatti jedhanii sokku" jedha.
Warri Mashko Piro naannoo isaaniitti nagumaan jiraatu. Garuu mootummaan daandii bakka albuudni seeran ala bahu walqunnamsiisu ijaaraa jira. Warri buufata eegan garuu warri Mashko Piro hawaasa alaa waliin walitti makamuuf fedhii hin qaban jedhu.
"Muuxannoon buufata kanarratti qabuun jarri kuni qaroomuu hin barbaadan. Akka carraa ilmaan isaanii nu'ii uffata uffatu argaa waan guddataniif waggaa 10 yookan 20 booda gochuu malu ta'a. warri kaan akka astaanuyyuu hin barbaadan" jedha Antooniyoon.
Bara 2016 mootummaan wixinee daangaan warra Mashko Piro Nuyeva Oshiniyaa kan dhuunfate akka ta'u qopheessee turus garuu seeratti ragga'ee hin bane.
"warri kuni akkuma keenya bilsa ta'anii akka jiraatan gochuu qabna. Waggootaaf bilisummaadhaan jiraachaa akka turan nibeekna. Amma garuu bosonni ciramee dhumaa jira" jedha Toomaas.












