Lafti bosona Amaazoon seeraan ala Feesbuukiirratti gurgurame

Madda suuraa, Getty Images
Lafti bosona beekamaa addunyaa Amaazoon Biraazil keessatti argamu karaa seeraan alaan Feesbuukiirratti gurguramuusaa BBCn qorannoon bira gahe.
Lafti eegumsi taasifamuuf kun bosonni biyyaalessaafi bakka namoota qe'een dhalootasaanii achi ta'eef kenname kan dabalatudha.
Lafa taajaajila beeksisaa Feesbuukirrattii beeksisaman keessaa gariin hanga dirree kubbaa millaa 1,000 bal'atu.
Feesbukiin, "aanga’oota naannichaa waliin hojjachuuf qophaa’aa" ta’uu himus, daldala kana dhaabuuf qophaasaa tarkaanfii akka hin fudhanne garuu ibseera.
“Qajeelfamni daldala keenyaa inni gurguruufi bitu seeraafi qajeelfama akka hordofan gaafata,” jedha dhabbati kun.
Hogganaan hawaasaa dhalattoota nannichaa keessaa wanta kanaan midhaman tokkomiidiyaan hawaasaa kun tarkaanfii dabalataa akka fudhatuuf gaafateera.
Rogeeyyiinis mootummaan biyyattii gurgurtaa kana dhaabuuf fedhii akka hin qabne himu.

Madda suuraa, Ignacio Palacios
“Kanneen lafa weeraran hanga qaanii tokko malee Feesbuuki gubbaatti daldala lafaa seeraan alaa taasisanitti koraa guddaa qabu,” jedha hogganaan dhabbata miti-mootummaa kunuunsa naannoo Kaninde, Ivaniyede Banderiyaa.
Waraqaan ragaa hin jiru
Namni kamuu fuula daldalaa Feesbuukirra galee afaan Porchugiisiin “bosona”, “bosona dhalattootaa” fi “Saanqaa” jedhee nannoolee Amazoniyaan irraa barbaade, beeksisa lafa kara seeraan dhuunfatamee ni argata.
Beeksisoonni tokko tokko suuraa saatilaayitiifi kallatti GPS qabu.
Kanneen gurgurtaa kana taasisan hedduun akka seera Biraazilitti waraqaa ragaa abbaa qabeenyummaa lafichaa akka hin qabne ni amanu.
Gochii seeraan alaa kun industirii horsiisa loon Biraaziliin kan jajabeeffamudha.
‘Yaddoo malee’
Bosona Amazoon Biraaziil mancaasuun wagga 10 keessatti hedduu dabaleera, Gabaan Feesbuukii ammoo namoota akka Fabrisiyoo Guyimares, kan kameeraa dhokataan suurri isaa kaafameef, bakka daldalaa mijataa ta’eera.

"Qaamota mootummaatiin qoratamuu yaaddoon jedhu as hin jiru," jechuun dubbata wayita bosonicha keessaa lafa ibiddaan gubee qulqulleesse keessa deemaa.
Laficha karaa seeraan alaan qulqullaa’ee qonnaaf waan gophaa’eef, gatii jalqaba gaafate dabaluun doolara 35,000’n gurguruu barbaada.
Fabrisiyoon qonnaan bulaa miti. Magaalaa keessa hojii idilee kan qabu yoo ta’u, bosona kana daldaluu akka carraa investimantii qofaatti ilaala.
Boodarra wa’ee qorannoo gaggeesse irratti BBC’n Fabrisiyoo haasofsiisuu yaaluus inni garuu yaada kennuu dideera.
Dhoksaan qorachuu
Beeksisawwan kunneen hedduun Rondoniyaa, bakka bosonni Biraazil baayyee barbadaa’e keessaa ba’u.
BBCn nannicharra namoota lafa gurguran afuriifi hojjetaa akka abukatoo inveestara dureessa tokkoo of fakkeesse gidduutti walga’ii qopheesse.
Namichi Alviim Sowuzaa Alvees jedhamu tokko, bakka kunuunsa dhalattoota Uru Ewu Wawu Wawu jedhamu keessaa lafa jiru pawoondii 16,400’n gurguruuf yaalaa ture.
Lafti kun bakka jireenya ummata Uru Ewu Wawu Wawu 200 ta’aniidha. Akka mootummaa Biraazilitti naanicha keessa gareewwan tasa naannichaa keessa gara addunyaatti ba’anii hin beekne shan biroonis ni jiraatu.
Walga’ii kanaratti garuu Alvees “dhalattoota chii kan ta'an Indiyaan jedhaman achi hin jirani. Yoo xiqqaate lafakoo irraa gara km50 fagaatanii jiraatu. Yeroo tokko tokko garuu nannicha keessa asiifi achii hin deeman siin hin jedhu,” jechuun hima.
Yeroo BBCn beeksisa Feesbuuki kana hogganaa hawaasaa Bitate Uru Ewu Wawu Wawutti agarsiisu, lafti kun bakka hawaasichi adamoof, qurxummii kiyyeessuufi fuduraalee funaannachuuf itti fayyadamudha jedhe.
“Kun kabaja nama dhowwachuudha,” jedha.
“Namoota kannneen ani hin beeku. Galmi isaani garu lafa dhalattootaa barbadeessuu, wanta jiru barbadeessuu natti fakkaata. Jireenya keenya barbadeessuu jechuu dandeessa.”
Anga’oonni dhimmi ilaalu gidduu seenuu qabu. Feesbuukiinis tarkaanfii mataasaa fudhachuu qaba jedha.
Haala jijjiirame
Wanti biraan daldala lafaa seeraan alaa kan jajjabeessa jiru adabbiin akka hin jiraanne amanuudha.
Alvees lafa kana karaa seeraan alaan akka dhuunfatuuf namoota siyaasaa tokko tokkoo waliin akka hojjettu ibseera.
“Dhugaa dubbachuuf: Osoo Pireezdaant Bolsonaaroo aangorra jiruu yoo hin furamne, yoomiyyu hin furamu,” jechuun wa’ee bulchiinsa ammaa dubbateera.
Malli barameeru, lafa tokkorraa bosona erga barbadeessanii booda, angaa’ota siyaasa bira deemuun haala kunuunsaa lafficharraa jiru akka geeddaramuuf gaafachuudha.
Sana booda namoonni lafa hatan kun karaa seeraan mootummaa irraa laficha bitatu.
Kana irratti BBC’n Ministira Kunuunusa Naannoo Biraazil, Rikaardoo Salees yemmuu hasofsiisetti, “mootummaan Pirezdaant Jayir Bolsonaaroo dhimmaa kunuunsa nannoo dabalate yakka kamiiyyuu akk hin simanne ifa taasiseera,” jedha.
Mootummaan baajata dhabbata Feederaalaa dhimmaa bosonaa barbaadeessu to’atu Ibamaa, %40’n hir’iseera.
Feesbuukiin gama isaatiin gurguurtaa isa kamitu seeraan aladha kan jedhu bira ga’uuf waan cimuuf abbootii alangaa fi aanga’oota biroo nannichaatti itti gafattamummaa kennuu wayya jedha.
Nannoo Rondoniyaa keessatti bosona barbadaassuu waggootii gara 30’f kan falmaa turte Ivanedee Bandeeyraa, abdiii kutachaa akka jirtu himti.
“Kun lola cimaadha jedheen yaada. Yeroo bosonni kun barbadeeffamuu fi xiqqaachaa adeemu ilaaluun hedduu nama gaddisiisa,” jetti.
“Seenaa keessatti, bosonni akka hin baadne gochuun tasa akkas cimee hin beeku.”














