Saayintistoonni akkamitti weerara Koleeraa hawaa keessaa raaguu danda’u?

Madda suuraa, Manpreet Romana / Getty Images
Saayintistoonni mala weerara koleeraa hawaa keessaa saatalayitii jijjirama qilleensaafi hubannoo nam-tolchee (artificial intelligence) tti gargaaramuun raaguun danda’amu argatan.
Argannoon kun iddoowwan weerarri dhibee miidhaa qaqqabsiisaa turetti lubbuu namoota hedduu baraaruu akka danda’u abdatameera.
Ejensii Qo’annoo Hawaa Awurooppaarra ogeessi qo’annoo Dr Pawuloo Kipolini, ‘’hedduu waan qalbii harkisuu malu’’ akka ta’e dubbate.
‘’Saatelaayitoonniifi hawaan rakkoo fayyaa ni fura jedhamee hin yaadamu, Haata’u malee, yaad-rimeen kun bal’inaan fudhatama argateera,’’ jedhe.
Qorannichi weerara koleeraa qarqara qaama bishaanii naannoo Indiyaatti tamsa’e harka 89% haala milkaa’aa ta’een raaguu danda’eera.
Gartuun qorattoota Ejensii Qo’annoo Hawaa Awurooppaafi giddu -aleessi yaalii galaanarra Pilimooz, odeeffannoo saatelaayitiin ganna saddeetiif sassabdeefi hubannoo nam-tolchee (artificial intelligence) tti gargaaramuun tooftaa tamsa’ina koleeraa ittiin hordofuun danda’amu kalaqaniiru.
Dhibeen koleeraa soorataafi bishaan baakteriyaa Vibiroo koleeraa jedhamuun falameen nama qaba.
Dhibeen kun naannoo qarqaraa qaama bishaan gurguddoo namoota jiraatan, keessattuu handarraa mudhii lafaa, bakka namoonni heddummachuun jiraatanitti hammaata.
Namoota dhibichaan qabaman keessaa harki walakkaan biyyoota qarqara garba guddaa Indiyaatti argaman keessa jiraatu. Akkasumalle, iddoo qo’annoo kun itti gaggeeffame Indiyaattis ni mul’ata.

Madda suuraa, ESA
Jijjirama bishaanirratti mul’atu adamsuu
Qorattoonni weerara koleeraa raaguuf safartuulee garaa garaa torba saatelayitoota heddurraa argamanitti fayyadamaniiru.
Saayintisoonni kun jijjiramni bishaan ashaboorratti mula’tu akka baakteriyaan guddatuuf gargaaru hordofu.
Kana malees, dabaluu ho’aa iddoo namoonni bashannaanaf dhaqan ykn hamma roobaa safaru.
Qorattuun Emii Kaambel jedhamtu, "qorannicha waanti adda godhu, waantota jijjirama uuman hedduurratti hundaa’uu keenya,’’ jetti.
‘’Bishaanitti qabiyyeen ashaboon heddummachuun waan haaraadha, Weerara koleeraa raaguuf waanta baay’ee fayyadudha,’ ’jetti Emiin.

Madda suuraa, ESA
"Wayita weerarri koleera ka’uuf jedhu hubachuuf yoo itti gargaaramne, talaajilli kun akka jiraatu qophii gochuu dandeenya. Kanaafuu iddoo tokko tokkotti yeroo talaalliin kennamu wajjin akka walsimatu gochuun ni danda’ama," jette.
Weerarri koleeraa namoota hagamii miidha?
Saayintistoonni akka jedhanitti, jijjiramni haala qilleensaafi haallii qilleensaa hedduu qorruu ykn ho’uun weerara koleeraaf ka’uumsa ta’a.
Akka Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa jedhutti, waggaa waggaan koleeraan namoota miliyoona afur ta’an qabata, isaan keessaa143,000 kan ta’an sababa dhibee kanaatiin du’u.
Namoota hedduurratti dhibichi mallattoo salphaa kan argarsiisu ta’ulle, gara kaasaa namaatti cimisuun yoo wal’aansa hin arganne sa’aatii muraasa keessatti lubbuu dabarsuu mala.
"Daa’imman, keessattu kanneen umriin isaanii ganna shanii gadii dhibee bishaan faalameen daddarbu kanaan caalaatti miidhamoodha.
Kanaafuu, yeroo dhibichi itti ka’u raaguun yoo foyya’e daa’imman dhibichaaf akka hin saaxilamne fayyada," jetti saayintistii gameettiin Dr Meerii Faanii.
Saayintistoonni raagni kun waqtiin gannaa otoo hin dhaqqabiin dura 93.3% sirrii akka ta’e dubbatu.
Caalaatti tajaajilicha amansiisaa gochuuf garuu foyya’iinsi akka barbaachisu ogeeyyiin kun himaniiru.
Raagni weerara Koleeraa hawaa kun biyya Indiyaa qofa keessatti kan yaalame yoo ta’u, raaga kana fooyyessuun lubbuu namootaa baraaruu akka danda’u abdatamera.




![Amazon rainforest]](https://ichef.bbci.co.uk/ace/ws/660/cpsprodpb/13CB8/production/_117308018_mediaitem117308015.jpg.webp)









