Gosa dhiigaa addunyaarratti namni tokko qofi qabu- Namni kun eenyu? eessatti argama?

Madda suuraa, Getty Images
Qorannoo hanga ammaatti jiruun addunyaarratti gosa dhiigaa 48ffaa maqaan ''Gwada negative'' jedhamu kennameef kana kan qabdu dubartii tokko qofa.
Gosi dhiigaa kun dubartii odoola Faransaay jalatti bultu- Guwadelowupe jedhamtu keessa jiraattu keessatti argame.
Jiraattonni odoola kanaa wayita mararsiifatan Giwada jechuun waamu. Saayintistoonnis kanumarraa ka'uun maqaa gosa dhiigaa kanas 'Gwada negative' jechuun moggaasan.
Jaarmiyaa dhimma dhiigaa biyyaalessaa Faransaay Française du Sang (EFS) jedhamutu gosa dhiigaa haaraa kana argachuu ibse.
Argannoon kunis dhaabbata dhimma dhiigaa idiladdunyaa- International Society of Blood Transfusion (ISBT) jedhamurraa beekamtii argateera.
Gosi dhiigaa kun gartuu dhiigaa 48ffaa jedhamuun beekamtii argate. Odeeffannoo hanga Waxabajjii darbeetti tureen hamma yoonaatti addunyaarraa nama tokko qofatu gosa dhiigaa kana qaba.
Gosi dhiigaa tokko addunyaarratti baayyee muraasa ta'uu hubachuuf qabiyyee dhiiga keessatti argamu kan qaamni alaa qaama keenyarratti miidhaa geessisuuf ta'uu nutti himu- EMM antigen jedhamu ilaaluu qabna.
Qabiyyeen kun dhiiga nama hundaa keessatti argama.
Gosi dhiigaa akkanaa kun yoo namoota kuma keessaa nama tokko keessatti kan argamu ta'e, gosi dhiigaa sun akkaan muraasa jechuu dandeenya.
Gosi dhiigaa haaraa argame kunis qabiyyee seelii dhiiga diimaa nama hundaa keessatti argamu- EMM antigen of keessaa hin qabu. Kanaaf adda ta'e.
Qabiyyeen kun seelota dhiigaa keessatti pirootiinii walitti qabuuf gargaara.

Madda suuraa, Getty Images
Gosi dhiigaa kun akkamiin barame?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Bara 2011 dubartii umriinshee waggaa 54 odoola Faransaay jalatti bultu- Guadeloupe keessatti wal'aansa baqaqsanii yaaluu dura qorannoon dhiigaan taasifameef.
Battala sanatti doktaroonni Faransaay dhiigi dubartii kanaa dhiiga namoota kaaniirraa adda ta'uu hubatan.
Dhiigi kun gosa dhiigaa kamuu waliin wal hin fudhatu. Garuu yeroo sanatti dhiigi dubartii kanaa maaliif kan nama kaaniirraa akka adda ta'e hubachuuf teeknooloojiin dandeessisu hin turre.
Guyyaa sanarraa eegalanii gareen qorattootaa doktaroota Faransaay Teerii Beernaard fi Siliim Asuushiin durfaman qorannoo itti fufan.
Bara 2019 gareen saayintistootaa kunneen qorannoosaanii cimsanii itti fufan. Qaccee sanyii qaama keessa jiru hunda toora galchuu eegalan.
Teerii Beernaard qacceen sanyii gosa dhiigaa kana qabaachuu danda'u kan barame erga teeknooloojiin qorannoo kanaaf oolu argameeti jedhe.
Akkaataa qorannoo gaggeeffameen dhumarratti qacceen sanyii kun qabiyyee EMM antigen oomishamuu akka ittisu irra ga'ame.

Madda suuraa, Getty Images
Maatiin nama kanaa lameenuu qaccee sanyii kana qabu. Dubartiin kunis kanuma dhaalte. Teerii Beernaard akka jedhutti yeroo ammaa addunyaarratti gosa dhiigaa kana dubartii kana malee namni biraa hin qabu.
Nama kamirraayyuu dhiiga fudhachuu hin dandeessu.
Dhiigi nama hundaa qabiyyee- EMM antigen jedhamu waan of keessaa qabuuf nama kanaaf dhiiga arjoomuun rakkisaadha.
Odoola kana keessaas ta'e naannawa odoola kanaatii namni biraa gosa dhiigaa kana qabu jiraachuu ilaalchisee qorannoon gaggeeffamaa jira.
Rakkoo nama kana mudachuu danda'u
Namoonni gosa dhiigaa darbee darbee malee hin mul'anne qaban namoota akkasaaniirraa malee dhiiga arjoomaan argachuu hin danda'an.
Yoo gosi dhiigaa biraan dhiigasaaniitti dabalame qabiyyeen dhiiga nama kanaa keessa hin jirre- EMM antigen, gara qaama isaatti seenuu danda'a.
Qaamni nama kanaa qabiyyee kana ofitti fudhachuuf ni rakkata.
''Gosa dhiigaa tokko gara gosa dhiigaa adda ta'etti dabarsuun balaa qaba,'' jedha ogeessi maayikiroo baayooloojii Shaanmukaa.
''Gosi dhiigaa darbee darbee malee hin mul'anne qabiyyee antigen qaba. Dhiigni hunda keenyaayyuu qabiyyee kana qaba. Kanaafuu wayita dhiiga dabarsinu of eeggannoo cimaa gochuu qabna. Garuu akkaataan namoota dhiiga gosa kanaa qabaniif dhiiga itti dabarsinu jira.''
''Namoonni gosa dhiigaa akkanaa qaban ofiisaaniitii dhiiga arjoomuun dhiigi isaanii kuufamuu qaba,'' jedha ogeessi kun.















