Appii dhiibbaa dhiigaa cimaan qabamuu fi dhiisuu ittiin baruuf isin gargaaru

Nama dhiibaa dhiigaasaa safaraa jiru

Namoonni baayyeen dhiibbaa dhiigaa cimaadhaan qabamuu fi dhiisuusaanii adda baasanii hin beekan. Dhiibbaan dhiigaa ammoo dhibbeewwan dadarboo hin taanee bara kana keessa baayyataa jiran keessaa tokko.

Namoota dhiibbaa dhiigaatiin qabaman biiliyoona 1.3 keessaa gara walakkaan isaanii haala fayyaa isaanii hin beekan.

Sababiin namoonni baayyeen qabaachuufi dhiisuu isaa adda baasanii hin beekneef ammoo namoonni baay'een mallattoon dhukkuba kanaa itti hin dhaga'amneefiidha.

Waa'een rakkoo fayyaa kunis yeroon yoo adda baafamuun hordoffiin taasifame malee miidhaa fayyaa wal xaxaa ta'e qaqabsiisuu danda'a.

Yeroo yeroodhaan haala dhiibaa dhiigaa ofii hordofuun ammoo rakkoon akkasii jiraachuufi yoo jiraatees atattamaan tarkaanfii barbaachisaa ta'e fudhachuuf murteessaadha.

Malli ittaanus haala sadarkaa Fayyaa Addunyaa (WHO)tti saaxilamummaa namni tokko dhiibaa dhiigaa olaanaa ta'eef qabu baruudhaaf, dubbisni dhiibbaa dhiigaa maal jechuu akka ta'e baruu fi fayyaa keenya eeggachuuf tarkaanfiiwwan fudhatamu qaban irratti gorsa kennuuf yaadamee kan qophaa'edha.

Mee isinis mala kana yaalaa, hiriyootafi namoota beektaniifis qoodaa.

Maaloo birozarii keessan haaromsaa

Maaloo birozarii keessan haaromsaa