Dhiphinni sammuu maali? Dhiphina gara waan gaaritti jijjiiruu dandeenyaa?

Madda suuraa, Getty Images
Namoonni umuriin gaheessa ta'an heddu mallattoowwan dhiphina sammuu, mataa bowwoo hanga yaadda'uutti, isaan mudata.
Dhiphinni tokko tokko fayidaa yoo qabaatu, dhiphinni sammuu baay'ee cimaa ta'e qaama keenyarratti miidhaa cimaa fida.
Ogeeyyin fayyaa akka jedhanitti dhiphinni fayyaa xiinsammuufi qaamaa irratti kallattiin dhiibbaa fida.
Fayyaa sammuufi qaamaa miidhun jireenya namaa jeequu danda'a.
Garuummoo dhiphina to'achuun fayidaaf akka oolu gochuun ni danda'ama- dhiphinarraa kan ka'e mudhukuurra akka madda cichoominaatti (resilience) itti fayyadamuun ni danda'ama.
Dhiphinni maali, maalif nama mudata?

Madda suuraa, Getty Images
Dhiphinni hormooniin akka gadi lakkifamu kakaasun qaamni namaa rakkoo fuulduratti isa mudataniif akka of qopheessu gargaara.
Kuni ammoo xiyyeeffannoon akka dabaluufi gahuumsi (performance) akka fooyya'u gochuu danda'a.
Haa ta'u garuu, dhiphinni yeroo dheeraf yoo namarra ture, yaaddoo, dhibee onnee, dandeettin dhibee ittisuu gadi bu'aa dabalatee rakkoolee fayyaa cimoo ta'aniif nama saaxiluu akka danda'u ibsa dhaabbanni dhaabbanni American Psychological Association.
Wantoonni dhiphinni akka nama mudatuuf sababa ta'an ammoo: hojii, hanqina maallaqaa, walitti dhufeenya dhuunfaaa fa'aa yoo ta'an wantoota yeroo baay'ee nama mudataniidha.
Haa ta'u garuu, hangi dhiphinni nama irra turu murteessadha: dhiphinni cimaan (acute stress) yeroo gabaabaf kan turu yoo ta'u fayidaa qabaachuu danda'a. Dhiphinni hammaataa (chronic stress) garuu rakkoo yeroo dheeraa qaama namaarran gaha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
"Dhiphinni cimaan [acute stress] deebii yeroo gabaabaa haala murtaa'e tokkoof kennamu yoo ta'u, haalli inni fayidaa qabu jira," jetti ogeettin Saayikooteraappii Raacheel Vooraa.
Akka ogeettin kun jettutti, dhiphinni cimaan hormooniin adireenaaliiniifi kortisoolii akka gadi lakkifamu gochuun xiyyeeffannoon akka jiraatu akkasumas yeroof sirni dandeettii dhibee ittisuu akka olka'u gargaara.
Gosti dhiphinaa kun akka ta'utti yoo to'atame, dhiibbaa yeroo dheeraf turu namarraan hin gahu; akkasumas namoonni rakkoo tasaa isaanitti dhufu akka ta'utti deebii akka kennan isaan gargaara.
Dhibbinni hammaataa [chronic stress) garuu qaama namarratti dhiibbaa yeroo dheeraf turuu danda'u qaqqabsiisa.
Ogeettin xiinsammuu Raacheel akka jettutti, dhiphinni yeroo dheeraf yoo namarra ture, hormooniwwan dhiphinaa olkaasun dhibee onnee, dandeettiin dhibee ittisuu xiqqaachuu, rakkoo sirna soorataa fa'aaf nama saaxiluu danda'a.
Dabalataanis dhiphinni hammaatan yaadda'uufi mukaa'uu wajjin sirriitti wal-qabata. Dandeettii yaaduu miidhuu, hirriba namaa jeequu, qaamni dafee akka dulloomu gochuu danda'a.
Dhiphinni akkamiin qaama namaa miidhuu danda'a?
Tajaajilli Fayyaa Biyyoolessaa UK akka ibsutti sababa hormooniwwan dhiphinaa , keessumaa koortisoolifi adireenaalinii, gadi lakkifamaniif dhiphinni qaamni deebii akka kennu kakaasa. Deebiwwan qaamni kennu kanneen armaan gadii of keessatti hammata:
- Dhikkisi onneefi dhiibbaan dhiigaa ni dabala.
- Anniisaa hatattamaan dabaluun sadarkaa sukkaara dhiigaa keessa jiruu dabala.
- Sirni nyaatafi hojiin sirna dandeettii dhibee ittisuu ni to'ata.
Haa ta'u garuu, dhiphinni yeroo dheeraf namarra yoo turu dhiibbaa qabaachuu danda'a. Dhiphinni hammaatan kanneen armaan gadii waliin wal-qabata:
- Ulfaatina dabaluu, sabababa hormoonin kaastiroolii dabaluuf keessumaa naannoo garaachatti ulfaatinni ni dabala.
- Yeroo dheeraf hormoonii dhiphinaaf saaxilamuurraa kan ka'e waa yaadachuufi xiyyeeffannoo dhabuu.
- Hirribni namaa jeeqamuu, kuni ammoo qaamni akka of hin ijaarre danqa.
Dhiphinni fayidaa qabaataa?
"Cichoominni waanta qabdu ykn hin qabne osoo hin taane, dandeettii turtii ueroo keessatti argachuun danda'amuudha," Yuunivarsiitii Kaalifoorniyaatti qorataa kan taate Dr. Golnaaz Tabiibniyaan.
Akka isheen jettutti rakkoolee dhiisurra, wajjin wal-dhaansoo qabuun cichoomina nama barsiisa.
Namoonni dhiphinni waan hamaa ta'uurra waan fayidaa qabuudha jedhanii yoo fudhatan deebin dhiphina xiinsammuu akka gadi bu'u himti.
Sammuu namaa keessatti jijjiiramni akkasii gaafa jiraatu, yaadda'uu hir'isuun akkasumas dandeettiin yaaduu akka dabalu gochuun waanti gaarin akka uumamu taasisa.
Dhiphinniifi yaadda'uun garaa garummaansaanii maali?

Madda suuraa, Getty Images
BBCn hojjattoota dhaabbata namoota rakkoo yaadda'uu qaban gargaaru akka isan garaa garummaa dhiphinaafi yaadda'uu ibsaniif gaafatee ture.
Dhiphinni haalota alarraa nama mudatan kanneen akka sa'aatin hojii wayii itti xumuran namatti gahuu fi qormaata fa'aa ta'uu ibsan. Yeroo rakkoon sun darbu dhiphinnis akkasuma nama dhiisa.
Yaadda'uun garuu osoo sababni isaa hin beekamin iyyuu turuu danda'a. Yaadda'uun miira idilee namoonni haala rakkoo keessatti akka dammaqoo ta'anif kan isaan gargaaru ta'us, yeroo hammaatufi jireenya guyyuu namaa jeequ balaa qaba.
Dhinnis ta'ee yaaddoon qaamni namaa waanta sodaachisaa ykn yaaddessaa ta'eef akka of qopheessu dammaqiinsa uumu.
Kana jechuun lamaansaanituu mallattoolee akka dhikkisi onnee dabaluu, dafquu, hollachuu fa'aa akka mudatu gochuu danda'u; haa ta'u garuu rakkoon yaadda'uu dhiphina caalaa kan turuufi miira namaa to'atuudha.
Dhiphina to'achuun akkamitti danda'ama?

Madda suuraa, Getty Images
Qorannoowwan akka agarsiisanitti, dhiphinni qaama namarraan miidhaa akka hin geenyef shaakalawwan amalaa gochuu qabnu jiru.
Sochii qaamaa taasisuun hormooniwwan dhiphinaa akka hir'atu gochuun miirri gaarin akka dabalu godha.
Gaarummaa, qajeelummaa, gara laafinaa, waan gaarii yaaduu, manaan alatti yeroo dabarsuu, maatiifi hiriyoota waliin yeroo qabaachun wantoota dhiphina hir'isan keessayi.
"Dhiphina to'achuun waa'ee bashannanuu osoo hin taane, haala jireenyaa fayyummaa sammuufi qaama keetii gargaaru uumuu jechuudha," jetti Dr. Goolnaas Tabiibniyaa.
Hirriba gahaa rafuu, sochii gochuu, yaada gaarii qabaachuufi nyaati wantoota dhiphina to'achuuf gargaaran keessaa ijoo akka ta'an kaasti ogeettin kun.
Dhiphina gara fayidaatti jijjiirun akkamiin danda'ama?

Madda suuraa, Getty Images
Jireenya keessatti dhiphinni waan namaaf hin oolledha; garuu rakkoo dhiphinni geessisuun gidirfamuun waan nama hunda mudatu akka hin taane kaasu ogeeyyin.
Qorannoowwan akka agarsiisanitti, namoonni "dhiphinni fayidaa" qaba jedhanii sammuusaanii amansiisan gahuumsi isaanii ni dabala, mudhukuu ni hir'isy, fayyummaansaanii miira isaanii ni dabala.
Dhiphiina akka yaaddoo guddaatti ilaalurra akka rakkootti yoo fudhatan, miidhaa inni qaamarraan gahus akkaan xiqqeessun akka danda'amu qorannoon Harvard Business Review ni agarsiisa.












