Sagalee qabatamaan hin jirre dhagahuun mallattoo dhibee sammuu ta'uu beektuu?

Madda suuraa, Getty Images
Dhibeen sammuu haalota qabatamaadhaan hin jirree dhagahuu, arguu fi fuunfachuun wal qabatu beektuu?
Dhibee sammuu gosa akkasii kanas ogeeyyiin fayyaa sammuu Iskizoofireniyaa (schizophrenia) jedhanii waamu.
Rakkoon sammuu Iskizoofirenyaa jedhamu kunis, rakkoo sammuu cimaa gosa akka namni tokko walitti dhufeenya yaada, miiraa fi amalaa jijjiruudha.
Kanaanis hubannoo dogoggoraa, gochaa fi miira hin malle, dhugaafi hariiroo dhuunfaa irraa gara miira qabatamaa hin taane (guyyaan qaajja'uutti) yaaduutti akka seenu taasisa.
Ispeeshalistii fayyaa sammuu Hospitaala Riifaraalii Yuunvarsitii Amboo, Dr Abdii Baacaa, namoonni rakkoo akkasiitiif isaan bira wal'aansaaf dhaqan, ''yeroo baayyee natti moran, budaatu na nyaate, qoricha natti godhan, qoricha na nyaachisan nuun jedhu,'' jedhan.
Sababiidhuma hubannoo gadaanaa dhimma dhibee sammuutiin wal qabatee hawaasa keessa jiruutiinis, namoota rakkoo fayyaa sammuu mudate gara mana yaalaatti geessuun wallaansiisurra mana amantaa geessuun caala baratamaa ta'uu himu.
Haala kanaafis fakkeenya yoo eeran, dhukkubsataan sammuu tokko erga maatiinsaa waggoota 10 oliif mana amantaarra joorsanii ijibbatanii booda, wal’aansaaf isaan bira kan geeffame jiraachu kaasu.
Kanneen isaan bira geeffamuun wallaansa argatan keessaa kan fayyanii jireenya idileesaanitti deebi’an jiraachuu BBC'tti himan Dr Abdiin.
Dr Abdiin namoota rakkoo kanaan isaan bira wal'aansaaf dhaqan keessaa tokko abbaa ijoollee lamaa kan ta'an akka fakkeenyaatti yaadatu.
Wallaanamaan kunis ''Sagalee of ajjeesiitii Rabbii bira dhaqxa jedhun irra deddeebiin dhagahee. Kaan ammoo sagalee magaalli xuroofteetti qulleessi sagalee jedhuun dhagahe jechuun kosii funaanaa'' jiraachu, garuu mana yaalaatti geeffame dhibee kana qabaachuun mirkanaa'u dubbatan.
Boodas waggaa lamaa oliif haala akkasitiin erga daandiirra jiraatanii booda, wallaansa argachuun fayyuun jireenya idileesaaniitti deebii'uu dubbatan.
Namoota rakkoo sammuu gosa akkasiitiin qabaman keessa harki shan ol ofiin of ajjeesu jedhan.
Sagalee hin jirree dhagahu qofas osoo hin taane, kanneen osoo hakiima wallaanu bira taa'anu ''kunoo bofni ykn hantuunni hin argituu?' nuun jedhan jiru,'' jechuun mudannoosaanii kaasu.
Iskizoofireniyaan maali?
Ogeessi kun akka jedhaniitti, dhibeen sammuu kun gosoota dhibee sammuu hunda caala hamaadha.
Iskizoofireniyaan dhibee namummaa, qor-qalbii, hawaasummaa, maatii, barnoootaafi hojii ykn haala jireenya nama tokkoo waliigalaarratti dhiibbaa jabaa qaqqabsiisu dha.
Dhaabbannii Fayyaa Addunyaa (WHO) namoota rakkoo sammuu akkanaa qaban irra qolliifamuu fi saarbamni mirgaa qaqqabuun baratamaadha jedha.
Dhibeen kun addunyaarratti namoota 300 keessaa nama tokkorratti mul'ata jedha dhaabbatichi. Kana jechuunis addunyaarratti namoonni miliyoona 24'tti dhiyaatan dhibee kana qabu.
Itoophiyaa keessattis lakkoofsi namoota rakkoo fayyaa sammuu kanaa qaban xiqqaa akka hin taane ibsan Dr Abdiin.
Guyyaatti namoonni 20- 30 wal'aansa dhibee sammuun walqabatuuf hospitaala riifaraalii Amboo akka dhaqan kan himan ogeessi kun, yeroo gara yerootti lakkoofsi namoota haala kanaaf wallaansa barbaadan dabalaa jiraachuu himan.

Madda suuraa, Getty Images
Mallattolee Iskizoofireniyaa ijoon maal fa'i?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Mallattoleen dhukkuba sammuu gosa kanaatis haaluma sadarkaa dhukkubichi irratti hundaa'uun gargaarummaa qabaachuu malu. Mallattooleen gara jalqabaarratti mul'atan; waan ta'eef xiyyeeffannoo dhabuu, waa dagachuu, mukaa'uu, gadda baayyisuu fi jeeqamuu ta'uu mala jedhu.
Haata'u malee waliigalatti mallattooleen ijoo shan ta'u kaasan. Isaanis:
- Waanti namoota birootti hin mul’anne arguufi dhaga'uu(hallucinations),
- Yaada dogoggora sirriidha jedhanii amanuu (delusion),
- Haasaa toora gadhiise haasa'u,
- Amaloota jeeqame agarsiisufi moggaatti of baasuu,
- Garmalee waa shakkuudha jedhan.
Akkasumas namoonni dhibee kanaan qabaman hojiisaanii sirnaan hojjachuuf ni rakkatu, kaka'umsa hojii ni dhabuu, dhaqna dhiqachuu, uffata jijjirachuu, qeensa qorachuurratti fa'irratti rakkoo qabaachu himu Dr Abdiin.
Miira isaaniilleen ibsachuuf ni rakkaatu, ija keessa ilaalaa nama waliin haasa'ufis ni rakkatu. Namoota rakkoo sammuu gosa Iskizoofireniyaa jedhamu kanaan qabaman keessaa harka shan ol miidhaa lubbuusaaniirraan gahuu danda'u jedhuun attam cimaa akka ta'e himu.
Faalla kanaatinis 'sagalee nama rukutii rukutii naan jedhuun dhagahe' jedhanii kan namoota kaan irraan miidha qaqqabsiisan jiraachus akka beekan kaasu.
Akkasumas shammarreen maatiin ishee qoricha nyaachiisuun na ajjeessuuf jechuun waggootaaf maatii baqataa turte, booda hospitaala geeffamuun rakkoo sammuu qabaachun erga barameen booda wallaansa akka argattee fayyite jiraachu kaasan.
Kanneen namni hundi 'na miidhuuf, ykn namni hundi na jibba, namni hundi na hordofa' jedhanii nama baqatu jiraachu himan oggeessi kun.
Maddi dhibee kanaa maali?
Maddi dhibee kanaa guutumaan guututti bira hin gahamne. Haata'u malee wantoonni madda dhukkuba sammuu gosa kanaa ta’uu danada’u jedhamanii yaadaman jiraachu kaasu oggeessi kun.
Inni jalqabaa qacceedhaan kan darbu yoo ta'u, ijoolleen warrisaanii dhibee kana qaban carraa warrasaaniirraa dhaalu qabu jedhu.
Kan biraa ammoo rakkoo da'umsaarratti daa'ima mudaturraalleen nama qabuu mala. Akkasumas booda keessa dhiibbaa naannoo jireenyaa irraa nama qabuu akka danda'u kaasu Dr Abdiin.
Namoonni qorichoota sammuu adoochan kanneen akka ashiishii fi maaruwaanaa xuuxaniifi yoo yeroo dheeraaf fayyadaman mallattoolee dhibee kanaa agariisu jedhu.
Falli jiraa laataa?
Ilaalacha dogongoraa fi hubannoo dhaburraan kan ka'e yeroo baayyee namoota rakkoo sammuu qaban gara mana yaalaatti geessuurra malawwan aadaa fi amantaatiin wallaanutu mulata.
Haata'u malee, namoonni rakkoo sammuu qaban irra caalaan ofiisaaniifi namoota naannawa saaniirraan miidhaa qaqabsiisuu waan danda'aniif atattamaan wallaansa geessuun barbaachisaa ta'u gorsu oggeessi kun.
Manneen yaalaa qoricha dhukkuba sammuu ittiin wal'aanan qabu. Kanaafuu, nama rakkoo fayyaa sammuutiin qabaachuun shakkamuu tokko atattamaan mana yaalaattti geessuu yeroodhaan fala akka argatuuf ni gargaara jedhu.
Kunis sababiinsaa, namoonni dhibee kanarra fayyaan jiraachuu eeruudhaan, namoonni dhukkuba sammuutiin qabaman osoo itti hin hammaatiin yoo yaalaman carraan fayyuu isaanii ni dabala jedhan.












