Maddi dhibee sammuu maali? Abaarsa, tolchamoo ykn kan biraa?

Dubartii dhiphina keessa jirtu suura agarsiisudha

Madda suuraa, Getty Images

Hawaasa keessatti nama dhibee sammuu qabu sadarkaa of to'achuu dadhabuun karaa gubbaatti bahan 'maraatuu' jedhanii waamu namoonni.

Kana qofaas osoo hintaanee, aadaadhaan waa'ee madda dhibee sammuus wayita himan ''tolchatu maraache, hojii seexanaati ykn abaarsa ykn dheekkamsa Rabbii fi kkf'' yoo jedhaman dhaga'ama.

Ofii dhibeen sammuu tolcha harka namaa ykn falfalaan dhufaa? Hawaasa keessatti dhukkubsataan dhibee sammuu akkamitti ilaalamu?

Dhimma kanarratti Kolleejjii Fayyaa Hospitaala Adaamaatti Ispeeshaalistii wal’aansa dhibee sammuu fi gargaaraa Pirofeesaraa, Daani’eel Tolasaa BBC’n dubbiseera, dhiyaadha.

Sababoota maaltu dhibee sammuu namatti fida?

Madda dhibee sammurratti hawaasa keessatti waanti himamuufi kan saayinsiin jedhu garaa garummaa qaba.

Dr. Daani’eel akka himanitti, namoonni harki caalaan tolchatu dhibee sammuu namatti fida jedhanii amanu.

Hawaasa keessatti dhibeen sammuu akka abaarsa Rabbiitti, akka waan seexanaan dhufutti akka ilaalamu eeran.

''Rabbiitu itti dheekame, tolcha jedhanii namoonni yaadan jiru,’’ jedhu.

''Dhibeen sammuu akka dhibee seexanattii ilaaluun hubannoon namoonni kallattii saayiinsii irratti qaban xiqqaa ta’uu agarsiisa.

Dhibeen sammuu hariiroo addaa seexana wajjiin hin qabu,’’ jedhan.

''Maddi dhibee sammuu rakkoo hawaasummaa, xin-sammuufi dhalootaa (bio-pscho- social) wajjiin walqabatu,'' jedhan ispeeshaalistiin wal’aansa dhibee sammuu Dr Daani'eel.

Dhibeewwaan biroos osoo madda isaa hin bariin dur hawaasa keessatti akka dhibee seexanni fideetti ilaalamaa akka ture dubbatu ogeessii kun.

Hawaasni dhukkubsattoota dhibee sammuuf bakka qabaa?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Hawaasa keessatti bakki dhukkubsattoota dhibee sammuuf kennamu gargari, akkuma ''hawaasatti bal'aadha'' jedhan Dr Daani’el.

''Namoonni garaa laafanii warra rakkoo sammuu qaban gargaaruuf ka’an akkuma jiran, kanneen tuffatan, waan dhukkubsataniif eenyummaan isaanii namaa gadi akka ta’eetti kan ilaalan jiru,'' jedhan ogeessi kun.

Kanaaf, dhukkubsattoota dhibee sammuu qaban karaa hedduudhaan loogiin irra gaha jedhan.

Magaaloota gurguddoo Itoophiya keessatti namoonni dhibee sammuu qaban, dawoofi nyaata hin qabneefi daandii cinatti irraanfataman arguun kan barame.

Namoota uffata gatanii daandii cinatti argaman baayyeen isaanii kanneen dhibee sammuu jajjaboon rakkatan ta'uu kaasu.

Sadarkaa Itoophiyaatti qorannoon dhibee sammuu maaliirra akka jiru sirriitti agarsiisuu danda'u akka hin jirre dubbatu ogeessi kun.

Magaalaa Finifinneetti qorannoo namoota daandiirra jiraatan irratti kanaan dura gaggeeffameen, namoota daandiirra jiraatan keessa harki caalmaan dhibee sammuun akka hubaman agarsiisa.

Bara 2014tti Magaalaa Finifinneetti qorannoo namoota karaa gubbaa jiraatan irratti gaggeeffameen, namoonni % 90’n dhibee sammuufi rakkoo araadaan walqabatu qabaachuu muli'seera.

Qorannoo sanaarratti namoota 200 ol ta’an hirmaachuu kan kaasan ogeessi kun, dhukkubsattota dhibee sammuu mana maatiisaanitti hafan, kaan irraa ammoo hidhamuufi moggaatti baafamuun irra qaqqaba jedhan.

Dhibeewwan sammuu akka saayiikoosisiif namoota saaxilaman iddoowwan manatti hidhanii, nyaata karaa foddaatiin bakki itti kennamuuf ni jiru jedhan.

Dhukkubsattoota dhibee sammuu manatti hidhamuurran kan ka’e mada’uu fi miidhama qaamaa biraaf saaxilaman arganii akka beekan eeru.

'‘Dhukkubsattoota sammuu hidhuun sarbamiinsa mirga namoomaati,’’ jedhan.

Gosti dhibee sammuu meeqa?

Dhaabbilee fayyaa keessatti dhukkubsataan sammuu tokkoo akka ofiisaafi namoota biroos hin miine jedhamee yeroo muraasaaf wanti ittiin to'ataman jiraachuu kaasu ogeessi kun.

Haata'u malee, kunis amma qorichi kennameef hojjatutti qofaaf kan turuufi booda gorsa ogessaa qofaan akka gargaaraman dubbatu.

Wal’aansa dhibee sammuuf rakkoo guddaan dhimmoota ta'an keessaa tokko, loogii dhukkubsattoota dhibee sammuu irra qaqqabu ta'uu kaasan Dr Daani'el.

Gosoonni dhibee sammuu 300 oli ta’a akka jiran dubbatu ogeessi fayyaa sammuu Dr Daani'eel.

''Gosoonni dhibee kunneen maddi isaanillee gargari. Mukaa’uu/dawwaa’uu, dhiphina sammuu (anxiety disorder), dhibeewwan sammuu jajjaboo akka Iskizoofireeniyaa, Baayipoolar disoorder fa'i jidu.

''Kan amma kaafne kanneen dabalatee gosoonnii dhibee sammuu hunduu hawaasa keenya keessa jiraachuu yeroo yaallu ni argina,'' jedhan.