Qoricha yoo dhaabuuf jedhan nama dhukkubu, araadisaa lubbuu dabarsu maali?

Madda suuraa, Getty Images
Fentaanaayil qoricha makaa keemikaalota adda addaa irraa oomishamudha. Namni araada qoricha kanaan qabame qaamni isaa isa malee hin hojjetu.
Yoo qoricha kana hin fudhanne qaamni isaa hollachuu, laamsha'uu, afuura baafachuu dadhabuu fi kaan isa mudachuu danda'a. Lakkoofsi tasa lubbuun isaanii kanaan darbu akka malee dabaleera.
Garuu qorichi kun maali? Akkamiin nama miidha?
Qorichi kun mana yaalaa keessatti dhukkubbii yeroo tajaajila baqaqsanii yaaluu namatti dhagahamu xiqqeessuuf oola jedhamuun of eeggannoo guddaa fi hordoffii hakiimotaa jalatti namaaf kennama ture.
Garuu yeroo gabaabaa keessatti qaamni namaa qoricha kana malee akka hin hojjenne waan godhuuf araada nama qabsiisa.
Ameerikaa dabalatee biyyoota addunyaa hedduu keessatti qoricha humnaan ol fudhatamuun dhaloota galaafachaa jiru jedhameera.
Namoonni qoricha kana fudhatan yeroo gabaabaa keessatti erga araada isaan qabamanii yoo deebisanii dhaabuuf jedhanillee qaamni isaanii dhukkubbii adda addaaf saaxilama.
Akka ragaaleen dhaabbilee fayyaa adda addaa agarsiisaniitti qoricha kana fudhachuu yoo jalqabdu:
- Gogaan qaamaa hooqisisuu, dhiita'uu fi bifa jijjiirachuu
- Goginsa garaa
- Mata bo'uu hamaa fi akka malee fajajuu
- Dadhabbii fi fedhii nyaataa dhabuu, balaqqamsiisuu
- Afuura kutuu fi qaamonni hargansuu miidhamuu fa'aa mallattoolee yeroo qoricha kana fudhachuu jalqaban nama irratti mul'atudha.
Qaamni namaa hojjechuuf qoricha kana irratti hirkataa yeroo tahu yeroo gabaabaa keessatti araada isaarraa bahuun hin danda'amu.
Namni araada isaan qabame battaluma qoricha kana fudhachuu dhaabutti:
- Dafanii aaruu fi mufachuu
- Hirriba dhabuu
- Walitti aansanii hamuummachuu
- Fajajuu fi garaa kaasaa
- Miira akka utaalloon qabamanii namatti dhagahamuu
- Maashaan qaamaa haala gaariin ajajamuu diduu
- Furrii ykn waan akka dhangala'aa walitti aansee funyaanii nama bahuu
- Akka malee dafquu fi qaamni namaa baay'ee ho'uu fi deebisee ammoo hurgufuu
- Maashaaleen qaamaa sirriitti waan hin hojjenneef yeroo sanaaf qaamni akka laamsha'uu namatti dhagahamuun mallattoolee yeroo namni araada qoricha kanaan qabame fudhachuu dhiisuu irratti mul'atanidha.
Qoricha kana fudhachuunis tahe dhiisuun yeroo gabaabaaf dhiibbaa hamaa hanga du'a tasaatti nama geessuu danda'a.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Bara 1960 keessa Ameerikaan yaalii dhukkubbii adda addaaf hakiimonni akka qoricha kana fayyadamuu danda'an eeyyamte.
Tajaajila baqaqsanii yaaluu booda dhukkubbii namatti dhagahamu hir'isuuf jecha hakiimonni of eeggannoo guddaadhaan qoricha kana kennaafii turan.
Haa tahu malee, ergasii madda du'aatii lammiilee Ameerikaa isa guddaa tahe.
Lammiilee Ameerikaa kumaatamaan lakkaa'aman qoricha akka malee araada nama qabsiisu kana fayyadamuun du'aaf saaxilamu.
Araada isaa irraa kan ka'e deebisanii dhaabuuf hedduu rakkisaa akka tahe ogeessonni ni himu.
Bara 2023 keessa qofa lammiileen Ameerikaa 74,000 tahan qoricha keemikaalota adda addaa irraa walitti makamuun hojjetame kana isa eeyyamamuun ol fudhachuun lubbuu isaanii dhabaniiru jedhe dhaabbanni Ittisa Dhibee US, CDC'n.
Qorichoonni kunneen akka Feentanaayilii of keessaa qabanii fi araada guddaa nama qabsiisu fayyadamtoonni hedduun akka hin beekne ibse.
Feentaanaayil baay'ee xiqqoo hanga miligiraamii lama taatu kana jechuun hanga ija irsaasii [pencil] taatu fudhachuun balaa guddaaf nama saaxila.
Oomishni qoricha kanaa adunyaa irratti babal'achuu isaa irraa kan ka'e qaamota to'ataniif hojii manaa guddaa taheera.
Maddi keemikaalota Feentaanaayil oomishuuf oolanii Chaayinaa irraa argama.
Irra caalaan qoricha kanaas Chaayinaa fi Meksikoo keessatti oomishamuun gara Ameerikaa fi biyyoota kaaniitti rabsama.
Fentaanaayil - Qoricha Ameerikaaf Meksiikoo diinomse
Qorichi Feentaanaayil jedhamu kun Ameerikaa, Chaayinaa, Meksiikoo fi Kanaadaa gidduutti waaraana daldalaa fi rakkoo dippilomaasii cimaa fideera.
Bara 2024 keessa kutaan bulchiinsa Ameerikaa Portilaandi labsii yeroo muddamaa guyyoota 90'f turu labsite.
Du'a sababa Feentaanaayilii kanaan dhaqqabe %533'n ol ka'e jedhe bulchaan naannichaa. Kun ammoo miidhama dinagdee fi cabinsa hawwaasaa guddaa nurraan gahe jedhe.
Hojii daldalaa akka malee miidhame. Balaa fi araadi kun waan akka malee dabaleef namoonni hojii isaanii dhiisanii magaalichaa bahaa jiru jedhan bulchaan yeroo sanaa Tinaa Koteek.
Feentaanaayil dabalatee qorichoota sammuu hadoochan biroos seeraan alaa fi namni qabatee argames yakkamaa akka tahuuf seeronni adda addaa bahaniiru.
Garuu daddabarsa qoricha kanaa salphaatti dhaabuun hin danda'amne.
Fulbaana 2024 as Feentaanaayil KG 2,040 tahu karaa daangaa Meksiikoo Ameerikaa seeneera jedhe Gumurukni Ameerikaa.
Qorichoota kana keessaa 98% kan tahu daangaa US fi Meksiikoo irratti to'atame.
Kan hafte ammoo erga gara biyya keessaa galee to'atamuu ibsame.
Akka Dhaabbata To'annoo Qorichaa US, [DEA] jedhamuutti dhaabbileen daddabarsa qoricha sammuu hadoochuu oomishuun beekaman Sinaaloyaa harka keessaa qabu.
Dhaabbanni kun Meksiikoo keessatti kan argamu yoo tahu, hogganaan dhaabbatichaa Ameerikaan barbaadamaa ture Ameerikaa keessatti to'atamee jira.
Dhaabbanni Sinaaloyaa jedhamu kun keemikaalota oomisha Feentaanaayiliif oolan oomishaalee kaan keessa dhoksuun dooniidhaan fe'uun Chaayinaa irraa gara Meksiikoo galchu.
Sanaan booda laabiraatoorii keessatti oomishuun dhoksaafi tooftaa to'annoof ulfaataa tahe fayyadamuun gara Ameerikaatti galchu.
Kanumaafidha Tiraampi akkuma aangootti deebi'een lammiilee keenya oolchuu qabna jechuun Meksiikoo fi Chaayinaa irratti waraana daldalaa guddaa kan bane.
Tiraampi oomishaalee Meksiikoo fi Kanaadaa irratti qaraxa %25 dabarse. Kan Chaayinaa irratti ammoo %10 dabarseera.
Pirezidaantiin Meeksiikoo Sheebuum himata Tiraampi wanbadoonni qoricha kana daddabarsan mootummaa biyyichaa waliin hidhata qabu jedhe dhara jette.
MM Kanaadaa Jastin Tiruudoo ammoo biyya isaanii keessatti dhoksaan oomishamee gara Ameerikaa kan galu %1 hin caaltu jedhan.
Tiraampi godaansa seeraan alaa karaa Meksiikoo gara Ameerikaatti taasifamuu fi qoricha summaa'aa kana dhaabuuf tarkaanfii hatattamaati kan fudhatan.
Ergasii qaamoleen nageenyaa Meksiikoo Feentaanaayilii doozii miliyoona 20 tahu to'achuu ibsan.
Bara 2022 keessa qofa feentaaylii doozii miliyoona 200 tahu osoo gara Ameerikaatti galuuf jedhuu to'atamee ture.
Kun uummata Ameerikaa hundayyuu sammuu dhabsiisuu kan dana'udha jedhe mootummaan Ameerikaa yeroo sana.
Bara 2025 jalqabe kana keessallee ; kaampaanonni keemikaalaa lama Hindi keessatti argaman keemikaalota Feentaanaayi oomishuuf oolan gara Meksiikoo fi Ameerikaa galchaniiru jedhamuun himatamaniiru.
Akka ragaaleen gumuruka Ameerikaa agarsiisanitti Feentaanaayil Ameerikaa galfamuuf osoo jedhuu to'atame 0.2% naannoo daangaa Kanaadaatti to'atame.
Amajji darbees gareen wanbadootaa qindaa'an Kanaadaa keessatti qoricha kana oomishaa jiraachuu Kanaadaan himteetti.
Eegumsa daangaa fi to'annoo Feentaanaayilii cimsuuf mootummaan Kanaadaa Doolaara Kanaadaa biliyoona 1.3 ramadeera.
Daddabarsi qorichoota kanneenii Ameerikaa keessatti qofa osoo hin taane Afrikaa keessattis akka malee dabalaa jiraachuu ragaalee ni agarsiisu.
Gatiin oomisha qoricha kanaa rakasaa tahuu fi namni al takkaa qoricha kana fudhachuu jalqabe dhaabuuf hedduu waan rakkaatuuf lakkoofsi namoota fayyadamanii fi lubbuu dhabaniis addunyaa irratti akka dabalu taasiseera.

Odeessaafi xiinxala biroof BBC Afaan Oromoo Facebook irratti hordofaa.
Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.












