Shamarran Somaaliyaa qoricha sammuu si'eessuun machaa'an- hanga lubbuu dhabuutti

Madda suuraa, FATHI MOHAMED AHMED
Rakkoon araada dubartoota Somaaliyaa keessatti hammaataa jiraachuu kan agarsiisee taatee bara darbe magaalaa Moqadishoo keessatti mudateedha.
Reenfi dubartii umrii waggaa 22 magaalaa walakkaa daandiirratti gatamee argame, ogeeyyiin fayyaa dawaa sammuu namaa adoochu- opioid jedhamuun humnaa ol fayyadamuun duute jedhan.
Hiriyoonni dubartii miidiyaa hawaasaa irratti dhiibbaa uumuun beekamtuu kanaa yeroo dheeraaf dawaa kana waraannachaa akka turte ragaa bahan, yeroo hunda miira si'oominaa olaanaadhaan Tik Tok waraabdi turte.
Poolisiin dubartoota dabalatee namoonni qoricha kana fayyadaman Moqaadishoo fi bakkeewwan biroo Somaaliyaa keessatti akkaan dabaluu galmeesseera.
Namoonni gara gosa qoricha haaraatti garagalaa jiru jedha poolisiin.
Duraan jimaa qama'uu, alkoolii dhuguu fi shiishaa aarsuutu ture, amma qorichoota opioids jedhamu karaa ujummoo dhiigaa isaanii ofitti galchuun fayyadamuutti dacha'an jedhe.
Isaan keessaa morfiin, tiraamaadoolii, peetiidiinii fi koodeenii kan jedhaman ni argamu.
Jalqaba Muddee keessa poolisiin qoricha ajaja ogeessa fayyaatiin kennamu baay'inaan opioids buufata xiyyaaraa idil-addunyaa Moqaadishootti baayyeesaa to'ateera. Warra alaa galchan to'annoo jala oolche.
Doktarri magaalaa Moqaadishoo maqaasaa eeruu hin barbaanne tokko, ''qorichoonni liqimfamanii fi lilmoodhaan fudhataman dubartootaa fi shamarran Somaaliyaa biratti heddummaataa jira,'' jedhe.
''Qorichoonni kunneen hedduunsaanii kanneen araada namatti ta'aniidha, dukkaana qoricha hedduu keessaa ajaja ogeessa fayyaa malee bitamu.''
'Konkolaataa keessa rafuun eegale'
Qorichi kan biraan shamarran Somaaliyaa hedduutti araada ta'ee rakkisaa jiru tamboo nyaatamu- ''tabbuu'' kan jedhamuudha. Kun ammoo kaansarii afaanii fi laagaaf saaxilaa jira.
Dubartiin umrii waggaa 23 Amino Abdi waggoota shanan darbaniif qoricha humnaa ol fayyadamaa turte, dhiibbaan inni qabu akka saaxilamuuf jecha waa'ee qoricha sammuu hadoochuu dubbachuu eegalte.

Madda suuraa, FATHI MOHAMED AHMED
''Jalqaba dubartii waliin jiraannu waliin taanee tabbuu nyaachuu eegalle,'' jette Amino Abdii.
''Dhiibbaa badaa narratti fide. Araada tamboon qabameen isa booda gara qorichoota hamoo kaaniitti darbe.''
Erga abbaa warraan waldhabdee ammoo dawaa fayyadamuu akka heddummeessite himte. Amma abbaa manaa hiiktee daa'imashee dubaraa tokko waliin jiraatti.
''Akkan araadatti seenuuf sababi hiriyaa kiyya duraati. Hangan sammuu kiyya dhabuutti na geessise araadi qorichaa. Booda konkolaataa keessa, daandiirra rafuun eegale,'' jetti.
Adde Amino Abdii yeroo ammaa araada kana keesaa ba'uuf kutannoo qabdi, garuu salphaa akka hin taane dubbatte. Sababni ammoo Somaaliyaan wiirtuu nama akkasii dandamachiisu hin qabdu waan ta'eef jette.
Araada dawaa hundaa altakkaa keessaa ba'uun ni ulfaata kan jettu Amino Abdii, amma opioids dhaabdus tamboo nyaachuu fi shiishaa aarsuu ittuma jirti.
Haadholiin daa'immansaanii manneen barnootaa jiran hedduun araada kanatti seenuutti baayyee yaadda'uu himu.
Kadijaa Adan intalli ishee umurii waggaa 14 amala addaa agarsiisaa jiraachuu himte.
''Yeroo malee rafti, akka wayii ishee godha. Yeroo tokko dawaa liqimsamuu fi tamboo nyaatamu borsaa ishee keessaa arge. Gaafan ittiin lolu, hiriyootashee waliin ta'anii qoricha sammuu hadoochu fudhachuu akka eegalan natti himte,'' jetti.
Yaaddoo daa'imman daandiirraa
Biyyi dhiibbaa waraana waggoota 40 keessaa ba'uuf wal'aansoo qabaa jirtu Somaaliyaan, araada to'achuun hafee lammiileesheellee nyaachistee jiraachisuu hin dandeenye.
Jaarmiyaalee xixiqqoo muraasatu dirqama kana fudhatanii tattaaffiirra jiru.

Madda suuraa, AFP
Ministeerri Dubartootaa fi Mirga Namoomaa Somaaliyaa, daa'imman daandii cinaa jiraatan keessaa dhibbeentaa 40 kan caalan araada qorichootaan qabamaniiru jedha.
Kanneen karaarra jiraatan keessaa tokko shanaffaan shamarrani, dhibbeentaa 10 kan ta'an umriinsaanii waggaa ja'aa gadi, hedduun waggaa sadi fa'a.
Daa'imman kunneen jimaa, maastishii xuuxuu fi tamboo nyaachuun beekamu turan, ammaan tana garuu opioids dhibbeentaa 10, akkasumas dawaa isaan raatessee raffisu ammoo dhibeentaa 17 fayyadamaa jiru.
Araadi dawaa dargaggootaa fi shamarran biratti heddummaachuun yakki akka hammaatu taasiseera.
Keessattuu miidhaan shamarran fi dubartoota irra ga'u kan yeroo kamuu caalaa hammaate.
Dukkaanota qorichaarratti dhiibbaa uumuu
Ogeeyyiin fayyaa akka jedhanitti malli ittiin dawaa opioids to'atan inni ijoon dukkaanota qoricha kunneen gurguran irratti dhiibbaa uumuudha.

Madda suuraa, FATHI MOHAMED AHMED
Poolisiin dukaanota qorichaa irratti tarkaanfii fudhachuu eegaleera.
Ogeessi faarmaasii maqaasaa eeruu hin feene tokko innii fi hiriyoonni isaa tarkaanfii poolisiitiin akka mufatan hime.
Dubartoonni gameeyyiin akka Amino Abdii fi Kadiijaa Adan dhiibbaa araadi qorichaa dubartoota, shamarran fi dargaggoota irraan ga'aa jiru ifatti dubbachuun dhimma kana ajandaa ijoo godhaniiru.
Tarkaanfiin poolisii fi sagantaan waa'ee miidhaa qorichaa barsiisu babal'achuunis rakkoon kun haga tokko furamuu danda'a abdii jedhu uumeera.












