Ameerikaan qoricha lammiilee biyyattii hunda ajjeessuu danda'uufi sammuu adoochu to'achuu beeksifte

Madda suuraa, Getty Images
Ameerikaan bara 2022 tti qoricha Fentaanil jedhamu lammiilee Ameerikaa hunda ajjeesuu danda'uufi sammuu namaa adoochu to'annoo jala oolchuu beeksfte.
Bulchiinsi To'annoo Qorichaa Federaalaa dooziwwan qoricha sammuu namaa adoochuu Fentaanil jedhamu miliyoona 379 ta'u akka to'ate beeksise.
Akka gabaasa Bulchiinsi To'annoo Qorichaa kanaatti, qorichi Fentaalin baay'ee araada kan nama qabsiisu yoo ta'u Heroyiinii caalaa dachaa 50 baay'ee cimaafi balaa hamaaf kan nama saaxiludha.
Qorichi araada nama qabsiisuufi balaa hamaaf nama saaxilu kun US keessatti yaaddoo uumaa jira.
Qorichoonni Fentaanil jedhaman kun hedduun isaanii Meeksikoo irraa gara US akka galan beeksise Bulchiinsi To'annoo Qorichaa.
Bulchiinsichi qorichoonni Fentaanil 4,500km to'achuu yoo beeksisu bifa kiniinii dhibee fooyyessuuttti fakkeeffamee omishame miliyoona 50.6 to'achuu beeksise.
Kuni ammoo kan bara 2021tti to'annoo jala ooleen yoo wal bira qabamu kan baranaa dachaadhan dabale.
Qorichoonni kun hedduun isaanii Meeksikoo keessatti dhoksaadhan qaamolee qoricha sammuu namaa adoochan Sinalowaa fi Jaalisko jedhamaniin warshaa qoricha omishu keessatti omishame jedhame.
Gareen qoricha sammuu namaa adoochu omishuu irratti bobba'an kunneen keemikaala galteef isaan gargaaru Chaayinaa irraa akka argatan beeksie Bulchiinsi To'annoo Qorichaa US.
Qorichi fentaanil kun baay'ee cimaa ta'uu irraa kan ka'e doozin baay'ee xiqqoo ta'e miidhaa cimaa namarraan ga'uu danda'a.
Bara darbe qoricha hamma barbaadamuun ol fudhachuu irraa kan ka'e US keessatti namoota 10,000 du'e. Isaan keessaa lama sadaffaa kan ta'an sababa qoricha fentaanil jedhamu kanaatin du'an.
Hangi qoricha fentaanil bara kana to'annaa jala oole US keessatti namoota miliyeena 330 ajjeessuu kan danda'uudha jedhame.
"Oppireeshiniin Bulchiinsa To'annoo Qorichaa inni ijoon qaamolee qoricha sammuu namaa adoochan daddabarsuun beekaman lamaan- Sinolowaa fi Jaaliskoo balleessudha. Fentaanil lammiilee Ameerikaa ajjeessaa jiruuf itti kan gaafatamu isaani," jedhan Bulchaan Bulchiinsa To'annoo Qorichaa kan ta'an Anne Milgiraam.












