Jooyis Chepkurii: Atileetiin fageenya dheeraa Keeniyaa qoricha si'eessituu fudhachuun waggaa afuriif dhorkamte

Madda suuraa, Getty Images
Atileetiin fiigicha fageenya dheeraa lammii Keeniyaa Joyis Chepkuriin qoricha si'eessituu fudhachuun waggoota afuriif dorgommiirraa dhorkamte.
Atileetiin ganna 33 kuni bara 2014 Taphoota Koomaniweelz Gilaasgow qophaa'erratti 10,000m injifattee turte. Waggaadhuma sana Maarakechitti Afrikaarraa fageenyichaan injifattuu turte.
Erga paaneliin ekispartootaa saamuda dhiigaa Atileetiksiin Addunyaa bara 2016 - 2017 gidduutti walitti qabe qoratan booda bara 2019 eegalee yeroof dhorkamtee turte.
Paaneliin kuni si'eessituu fayyadamuun hammi seelii dhiiga diimaa qaama ishee keessa dabale ''olaanaa'' ture jedhe.
Chepkuriin gama isheetiin hormoniin ishee wal madaaluu dhabuun akka ishee rakkiseefi karaa qaama saala ishee dhiigni dhangalaa turuu himte. Kanaafis, qoricha gosa sadii fudhataa turuu ibsite.
Dabalataan, qoricha dhala to'achuuf oolu akka fudhattuufi nyaata albuuda ayiranii baay'atu akka soorattu himuun tarii kanaaf hammi seelii dhiiga diimaa dabaluu akka malu himte.
Haata'u malee, manni murtii waldhibdee ispoortii furu, Court of Arbitration for Sport (Cas), jedhamu Chepkuriin waggoota afuriif akka adabamtu mureera.
Manni murtichaa ol iyyannoo Athletics Integrity Unit jedhamuufi kana dura Atileetiksii Addunyaan dhihaate fudhachuuni murticha kan murteesse.
Adabbiin waggaa afuriis bara 2019 yeroof akka dhorkamtu isa taasifamteerraa eegala.
Qabxiin atileetiin kuni Ebla 6, 2016 hanga Hagayya 4, 2017 galmeessite ni haqama. Yeroo kana keessa Maaraatoonii Boostan bara 2016'tti sadaffaan xumurtee turte.
Badhaasa, medaaliyaafi kaan waan dorgommiirra dhihaatteef isheef kanfalame deebisti jechuudha.
Akkasumas dhaabbati Ejansii Farra Si'eessituu Keeniyaa baasii adeemsa seeraaf bahe dolaara 2,140 Atileetiksii Addunyaaf akka kanfalu manni murtii kuni mureera.
Keeniyaan yaaddoo si'eessituun Eejansii Farra-si'eessituu Addunyaa (Wada)'tiin biyya sadarkaa A jala ka'amtedha.
Sababa kanaaf, atileetonni Keeniyaa Shaampiyoonaa Addunyaa fi Taphoota Olompikii dura ji'oota 10 jiran keessatti qorannoo dorgommii duraa sadii taasisuu qabu.
BBC'n Atileetiksiin Keeniyaa tarree A jalaa nan baha jedhe abdatee turuu odeeffateera.












