Atileetii dorgommii erga eegaltee waggoota 38 booda umrii 50'n warqii injifatte

Kiristiinaa Taam

Madda suuraa, Christina Tham

Ibsa waa'ee suuraa, Kiristiinaa Taam umri ishee 50'tti dorgomtee warqii lama argatte

Turtii waggoota 38 booda haa ta'uyyuu malee cimtee hojjechuu isheetin atileet Kiristinaa Taam gatii dhamaatii ishee hin dhabne.

Taam Taphoota Kibba Baha Eeshiyaa irratti biyya ishee Singaappoor bara 1981 bakka buutee dorgomtee ture. Yeroos umriin ishee 12. Gosa dorgommii bishaan daakaan meetii argatte.

Yeroo ammaa umrii ishee 50'n dorgommii torban kana biyya Filippiins dorgomamaa jiru irratti deebiteemmoo dorgomuun kan kana caalu argatte.

Sanuu, warqi tokko qofa miti, gosa ispoortii bishaan jala dorgoman 'underwater hockey' jedhaniinifi barana yeroo duraaf dorgomamu irratti warqii lama argatte.

''Takkaa dorgommii kana irratti deebi'a jedhee yaade hin beeku. Takkaa hangana dorgomtuu cimtuu nan ta'a jedhee hin beeku,'' jechuun gammachuu ishee dubbatte.

Kiristinaa dorgommii irratti

Madda suuraa, Christina Tham

Ibsa waa'ee suuraa, Taam dorgommii pirefeshinaalaatti deebi'u kan murteessite bara 2005 ture

Taam yeroo umriin ishee 7 ture maatii ishee waliin gara Maaleeziyaa dhaqanii turan. Yeroos abbaan ishee haroo tokkorra osoo daakanii xiqqoodhumaaf du'arraa hafan.

Abbaan ishee ga'eessa turan erga lubbuu baraaramani as maatiin hunduu bishaan daakuu akka baru taasisan. Ergasii Taam bishaan daakuu hin dhiifne.

Erga bara 1981'tti medaaliyaa argatte waggaa lama boodas deebitee bishaan daakuudhaan 200m'n medaaliyaa meetii biraa argatte.

Garuu ergasii waggaa soddomatti siquuf hin dorgomne.

Achiitii hojii seeraa hojjechuu eegalte. Boodana garuu bara 2005'tti ispoortiitti deebite. Oduu gaazexaa irraa dubbifteetu ishee kakaase.

Gosa ispoortii haaraan warqii lama irratti argate yaaluu akka feetu erga of amansiiste booda waggoota darbanif shaakala cimsitee hojjettee torban kana biyya isheef gumaacha guddaa taasifte.