Jordaan kiniinii qoricha 'adoochaa hiyyeessaa' jedhame mil. 6 to’atte

Kiniinii sammuu adochaa

Madda suuraa, EPA

Jordaan kiniinii qoricha sammuu hadoochu karaa daangaa Iraaqiin dadabarsamaa ture toonii tokko to’achuu beeksiifte.

Kiniiniin qoricha maqaansaa Captagon jedhamuun beekamuu fi baayyinnisaa miiliyoona jaha ta’e kunis konkolaataawwan fe’umsaa lama keessatti to’atame.

Qorichi sammuu adochu haala kanaan baay'inaan wayita qabamu kan jalqabaa ta’uu Qajeelchi to’annoo Gumuruka Jordaan beeksise.

Kiniiniin Captagon kan ‘‘kokeeyinii namoota hiyyeeyyii ta’anii’’ jedhamuun beekamu, baayinaan biyya waggoota dheeraaf waraanaan dadhabde Siiriyaa keessatti oomishama.

Yeroo waraanni cimuutti haamleesaanii cimsuuf jecha gareewwan milishootaa qorichoota kanneen loltoota isaanitiif kennu.

Haala iyyummaa Siiriyaa keessatti babal'ataa jiruun wal qabatees, lammiileen nagaa biyyattii daldala qoricha sammuu adochoo kana keessatti hirmaataa kan jiran yoo ta’u, innis daldala alergii seera qabeessa kamuu caalaa maallaqa olaanaa kan argamsiisu ta’aa jira.

Mootummaa Siriyaatiin haa haalamu malee, gabaasaaleen garuu qondaaltonni mootummaa olaanoo daldalicha keessatti hirmaachuufi waraannis qoricha Captagon oomishuufi raabsuu keessaa harka qabaachuu eeru.

Kiniinii kunis biyyoota ollaa kanneen akka Jordaan fi Leebaanoonitti karaa seeraan alaatiin dabarfamu.

Yeroo baayyees dhumni gabaa qorichoota kenneenii olaanaan biyyoota galoo Galaanaati.

Qorichi olaanaan tibbanaa kunis buufata daangaa Al-Kaaraamaah kan Iraaniifi Jordaan jidduu qaxxaamuru irratti to’atame.

Qoricha amma to’atame kana ilaalchisuunis odeeffannoon gadi fageenyaan kenname hin jiru. Fakkeenyaaf kiniiniiwwan eessatti gurguramuuf akka tureefi namoonni meeqaa akka to’annoo jala oolfaman ilaalchisee kan himamee hin jiru.

Gabaasni garee Saayiprasiitti bu’ureeffate tokkoon bara 2021tti ifa taasifame akka jedheetti, bara duraa oomishinni Captagon gatii gabaa doolaara biiliyoona 3.5 ((£2.7bn; €3.2bn) ta’u qaba.

Walitti bu’iinsi waraanaa Jordaaniifi daddabarsitoota qoricha sammuu hadoochoo kanaa jidduutti mudatus baramaa dhufeera.

Loltoonnis imaamata dhukaasuun-ajjeessuu jedhu qabu. Amajjii darbee keessa wayita waraannii Joordaan tarkaanfii yaalii qindaa’aa daangaa biyyattii qaxxaamuruuf taasifameerratti fudhateen daddabarsitoota qorichaa 27 ajjeesanii turan.