'Gaaffiin keenya siyaasa osoo hintaane gaaffii jiraachuuti' - Ogeeyyii Fayyaa

Oggeessoota fayyaa wallaansa qaqasanii yaaluurra turan

Madda suuraa, Getty Images

Gaaffii dhiyeessaniif mootummaan deebii yoo hinkennine tarkaanfii hojii dhaabuu fudhachuu akka danda'an ogeeyyiin fayyaa Itoophiyaa beeksisan.

Ogeeyyiin fayyaa Itoophiyaa keessaa gaaffilee mindaa fi faayidaa 'nuuf deebi'uu qabu' jedhan ilaalchisee duula miidiyaa hawaasaa taasisaa jiru.

Gaaffiin mindaafi faayidaa ogeeyyii fayyaa kun kan bubbule ta'us tibbana ammoo dhimmoota miidiyaalee hawaasaarratti bal'inaan qoodaman keessaa tokko ta'eera.

Hakiimonni xiqqaachuu mindaarraa kan ka'e hojiisaanii dhiisuufi geeddaruu himanii fi kanneen jiruu sadarkaa gadi aanaa jiraachuu himatan muudannoo isaanii qoodaniiru.

Hakiimni waliigalaa duula tibbanaa ilaalchisee BBC'f yaadasaa kenneefi maqaansaa akka hin eeramne gaafate, "Gaaffiin keenya inni ijoon 'jiraachuu hin dandeenye' kan jedhudha" jedha.

"Namni tokko tajaajila laachuuf dursa inni jiraachuu qaba. Gaaffiin keenyas wanti jiraachuu nu dandeesisu nuuf yaa kennamu kan jedhudha" jechuun hima.

'Wantoota bu'uraa guuttachuu hin dandeenye'

Hakiimoota

Madda suuraa, Getty Images

Hakiimni waliigalaa duula tibbanaa ilaalchisee BBC'f yaadasaa kenne kun Naannoo Kibba Itoophiyaa hospitaala mootummaa tokko keessa qacaramee hojjechuu erga eegalee waggoota lama lakkoofsisuu hima.

Mindaan ogeeyyiin fayyaa Itoophiyaa keessa jiran argatan akka addunyaattis ta'e biyyoota ollaa baay'ee waliin walbira qabamee yemmuu ilaalamu gadi aanaa ta'uu hima ogeessi kun.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Itti dabaluunis, mindaan xiqqaan inni argatu qaala'insa jireenyaa waliin ida'amee jireenya itti hammeessuu hima.

Mindaan ji'aa yeroo ammaa harkasaa gahu naannoo birrii 7,400 akka ta'e himuun, "Birriin 7,400 yeroo ammaatti Itoophiyaa keessatti maal akka fayyadu ummanni ni beeka" jedha.

Dabalataan mindaan argatu kun hojii hojjetu waliin kan wal hin madaalle akka ta'e himuun, 'Wantoota jireenyaaf bu'uura ta'anillee guuttachuu hindandeenye' jedha.

"Haala kanaan itti fufnaan nuti kufuun keenya hin oolu. Nuti kufnaan immoo akkamitti tajaajila kennuu dandeenya?" jechuunis gaafata.

Akka waldaatti duula miidiyaa hawaasaarratti adeemaa jiru quba qabaachuu kan himan Pirezidaantiin Waldaa Ogeeyyii Fayyaa Itoophiyaa Obbo Yonaataan Daanyaaw, duulli kun qindeessummaa waldichaan adeemaa akka hinjirre himan.

Garuummoo gaaffilee ogeeyyiin fayyaa kaasan waldichi kan deeggaru ta'uu BBC'tti himan.

Gaaffiin mindaafi faayidaalee garaa garaa oggeeyyoonni fayyaa kaasan kunis kan jalqaa miti.

Kanaan duras Caamsaa bara 2019 keessa gaaffiin wal fakkaatu oggeessota kenneeniin ka'ee MM Abiy oggeessoota fayyaa naannoolee biyyattii garaa garaa irraa babahan waliin marii taasisuunsaanii ni yaadatama.

Marii sana hordofuunis gaaffiilee oggeessoota fayyaatiin ka'erratti bu'urreachuun tarree murtee garaa garaa darbuu Ministirri Fayyaa beeksiisee ture.

Gaaffi bubbule

Gaaffiin ogeeyyiin fayyaa miidiyaalee hawaasaarratti kaasaa jiran kun gaaffi waggootaaf ture ta'uu ogeeyyiin fayyaa akkasumas Pirezidaantiin Waldaa Ogeeyyii Fayyaa Itoophiyaa himu.

"Gaaffiin kun gaaffii bubbulefii tasa dhoohedha. Gaafii yeroo namni jiraachuu dadhabutti gadi bahedha malee gaaffii bifa qindaa'een dhiyaatee miti" jedha ogeessi fayyaa BBC'n haasofsiise.

Gama biraatiin ogeeyyiin fayyaa keessattuu bara ALI 2011 as gaaffii isaanii mootummaaf dhiyeessaa akka turan Pirezidaantiin Waldaa Ogeeyyii Fayyaa Itoophiyaa Obbo Yonaataan Daanyaaw himu. Gaaffiin tibbanaas qaamuma gaaffii kana dura ka'aa turee akka ta'es himu.

Waggoota lama dura gaaffilee ogeeyyiin fayyaa kaasaniifi furamuu qaban jedhan, Waajjira Ministira Mummee, Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa, Ministeera Fayyaa fi Komishinii Siivil Sarvisiif dhiyeessuu Obbo Yonaataan dubbatu.

Gaaffileen waqtii sanatti dhiyaatanis gaaffii mindaa, mana jireenyaa, kaffaltii saaxilamummaa (risk pay) fi kunneen biroo ofkeessatti kan qabate ta'us mootummaa biraa garuu deebiin quubsaa akka itti hinkennamne kaasu.

"Gaafiin ogeeyyiin fayyaa dhiyeessine deebii sirrii hinarganne. Gaafileen ogeeyyiin fayyaa amma kaasanis gaafilee nuti hoggantoota mootummaa gaafannedha" jedhan.

"Gaafii ogeeyyii fayyaa bu'urarraa yoo deebi'e malee akkasumaan salphaatti daballii mindaa birrii 1,000 gochuun ni deebi'a jennee hin amannu" jechuunis gaafiin ka'e gadi fageenyaan ilaalamuu akka qabu dubbatu.

Gama biraatiin ogeeyyiin fayyaa baay'een sababa kaffaltii gahaa argachuu dhabuutiin karaa seera qabeessas ta'e seeran alaatiin biyyaa bahaa jiraachuu kan himan Obbo Yoonaataan, haalli kun itti fufnaan sirna fayyaa biyyattiirratti rakkoo kan uumu akka ta'e yaaddoo qabanis himu.

Dabalataan dhaloonni itti aanus damee fayyaa keessatti hojjechuuf fedhii akka dhabu kan taasisu ta'uu dubbatu.

Kanaafis "Mootummaan dhimmicha laaffisee ilaaluurra 'rakkoon ogeeyyii fayyaa maali?' jechuun rakkinicha itti fufiinsaan furuu qaba" jedhan.

Tarkaanfi hojii dhaabuu

Gaafii ogeeyyiin fayyaa kaasaniif mootummaan xiyyeeffannoo gahaa akka hinkennine kan himu ogeessi fayyaa BBC'n haasofsiise, haalli jiru haala kanaan itti fufnaan hawaasaaf tajaajila kennuuf ulfaataa akka itti ta'u hima.

Ammatti amantaa mootummaan gaafii ogeeyyii fayyaa ni deebisa jedhu akka qabu himuun, yoo mootummaan gaafiisaanii hindeebisne garuu tarkaanfii hojii dhaabuu akka fudhatan hima.

"Ejjennoo mootummaan nu dhagaha jedhu qabna. Yoo nun dhageenye garuu mootummaanis, ummannis akka dhagahuuf haalli hojii gariin itti dhaabnu jiraachuu danda'a," jedheera.

Duula miidiyaa ogeeyyii fayyaafi gaafiilee kaasaa jiran ilaalchisee yaaliin BBC'n Ministeera Fayyaa fi Komishinii Siivil Sarvisiirraa deebii argachuuf taasise ammatti hin milkoofne.