Wal makuu miciree sanyii kilinikii keessatti mudateen dubartiin ilmoo nama biraa deesse

IVF

Madda suuraa, Getty Images

Wal jala fuudhamuu miciree sanyii kilinikaalaa hormaata fayyaa tokko keessatti mudateen dubartiin tokko ilmoo nama biraa baattee dahuun dhagahame.

Taateen kun kan mudate biyya Awustiraaliyaatti sababii kilinikiin miciree sanyii gabbisuudhaan gadameessa haadhaa keessa kaa'u, dogongora raawwateen haatii jedhamte tun baatiiwwaniif mucaa nama gara biraa garaatti baattee deesse.

Kilinikiin Monaash IVF jedhamuufi magaalaa Biriizbe keessatti argamu kun killee sanyii namaa qaruuraa keessatti erga gabbiiseen booda kan gadameessa haadhaa keessatti akka guddatuuf miciree galchudha.

Adeemsa kana keessa dogongorri kilinikichi keessatti umamees namoota achi hojjataniin ta'u miidiyaaleen biyya keessaa gabasan.

''Maqaa Monaash IVF'n waan ta'eef dhugaadhaan hangam akkan gadde dubbachuu barbaada,'' kan jedhan hojii gaggeessaa Olaanaa, Maayikeel Knaap dubbataniiru.

Itti dabalunis, taatee mudate kanaan namoonni kilinikicha keessa hojjatan hundi ''gadda guddaan itti dhagahameera'' jedhan.

Bara darbe keessas kilinikiin kun tajaajilamtoota dhibbaan lakkaa'aman kanneen miciree isaanii gabbiisuu barbaadan jalaa miciree balleessuu isaatti addabbiin doolaara Awustiraaliyaa miiliyoona 56 (£26.8m) itti murtaa'un ni yaadatama.

Dubbi himaan kilinikii Monaash IVF akka jedhaniitti, hojjattoonni kilinikichaa dogongorri raawwatamu kan hubatan Guraandhala darbe yeroo dubartiin micireeshee hafe gara kilinikii biraatti akka darbuuf gaafatteetti jedhameera.

Dubbi himichi ''micirree hafan qofaa osoo hin taanee micireewwan gara biraa dabalataan argaman'' jechuusaa ABCn gabaaseera.

Monaash akka mirkanneesseetti sababii micireen dubartii biraa dogongoraan dabarfamusaatti dubartiin tun ilmoo nama biraa ulfooftee deesse.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kilinikichii dogongora raawwate hordofee qorannoon bamauusaafi aanga'oota to'annoo dhimmisaa ilaalatuutti beeksiifamuun ibsame.

Hojii gaggeessaa olaanaan kilinikichaa garuu dogongora kanaan alatti kan biraa akka mudatee hin beekne dubbatan.

Bara darbe Monaash IVF addabbii dolaara Awustiraaliyaa miliyoona 56 kanfaluuf kan waliigale, sababii dogongora miciree namoota 700 ol kilinikichatti hordoffii wal hormaata fayyaa hordofaa turan irratti raawwatameen ture.

Kilinikichi micireewwan kutaa kuusaa isaa keessa olkaa'e keessaa %35 kan ta'u fayyaa qabeessoo fi kan ulfa umuu danda'a yoo ta'an, sababii dogongora mudateetiin tajaajilaan ala taasifamaniiru.

IVF ykn in vitro fertilization, mala saayinsii hanqaaquu ykn killeen ovaarii dubartii keessaa erga fudhatameen booda laaboraatoorii keessatti isparmii dhiiraa waliin akka wal argan taasisuudhaan micireen laaboraatorii keessatti akka guddatu kan ittiin taasifamuudha.

Hanqaaquun ykn likkeen kilinkikicha keessatti guddattee yoo gara micireetti jijjiramu, gadameessa dubartii keessa galfama. Adeemsi kunis baayyee qaalii yoo ta'u, yeroo hunda milkaa'aa ta'u dhiisuu danda'a.

Bara 2021'tti Awustiraaliyaa fi Niiw Ziilaanditti daa'imman 20,690 adeemsa wallaansa IVF'n dhalataniiru akka gabaasni Yunivarsiitii Niiw Saawuz Weels mul'isutti.