Harmee Itoophiyaatti dhiiga arjoomuun 'riikardii qabatan'

Madda suuraa, Lia Tadesse/Twitter
Namni tokko haadha warraa isaa haalaan dhukkubsatte yaalsisuuf gara hospitaala Xiqur Ambassaa deema. Haati warraa isaas yaala argatte.
Hakiimonni namicha waamanii atattamaan dhiigni yuunitii lama [namni tokko erga takkaa dhiiga yuunitii tokkodha arjoomuu kan danda'u] akka barbaachisu itti himu.
Namichis dhiiga barbaacha baankii dhiigaa magaalaa Finfinnee naannoo Istaadiyeemii jiru adeema.
Namichi akkuma dhufeen ''dhiiga anarraa fudhaa itti kennaa'' jedhee kadhachaa ture jedhu Baankii Dhiigaa Biyyaalessaa keessa kan hojjetan Siistar Assaggaash Gosaa.
''Baay'ee dhiphateera'' jechuun waan namichi keessa ture yaadatu. ''Haati warraakoo, haati ijoolleekoo du'uufi. Isheen du'uusheerra ani du'uun filadha,'' jechaa ture jedhu.
Yeroos namoonni dhiigni isaan barbaachisu dhiiga argachuu isaanii dura maatiin isaanii yookiin namoonni isaan beekan erga dhiiga kennanii booda ture dhiiga kan argachuu danda'an.
Egaa kanatu namicha yaaddoo keessa galche.
Osooma kenni jedhameyyuu dhiiga yuunitii kan kennuu danda'u dhiiga yuunitii tokko qofaadha. Kanas gochuu garuu hin danda'u.
Namichi dhiphina, dadhabbii akkasumas sababoota biroon haala dhiiga arjoomuu danda'urra hin turre.
''Ani bakka kee dhiiga nan arjooman jedhe'' jechuun waan isatti yeroos dubbatan BBC'tti himan.
Namichaaf dhiiga yuunitii tokko arjoomuurra kan darbe kanneen tola ooltota biroorraa argame dhiigni yuunitii tokko akka isaaf kennamu taasisan.
Egaa akkanatti dhiiga arjoomuu kan eegalan. Yeroo ammaa si'a 80'f dhiiga arjoomaniiru.
Sistar Assaggaash Gosaa jedhamu.
Ministirri Fayyaa Itoophiyaa Dr Liyaa Taaddasaa ''Sistar Assaggaash Gosaa narsiis, haadhas akkasumas dura aantummaan dhiiga kan arjoomanidhas,'' jechuun ibsaniiru.
Sistar Assaggaash immoo ogeettii fayyaafi Baankii Dhiigaa Biyyaalessaatti ogeettii kominikeeshiniidha jechuun of ibsu.
Baankii Dhiigaa Biyyaalessaatti waggoota 20 olif hojjetaniiru. Hojiin isaanii ijoo hawaasni dhiiga akka arjoomu barumsa kennuudha.
Waa'ee dhiiga arjoomuu yoo dubbatan irra deddebbiin dubbii Ministira Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad - 'dhiiga arjoomuun agarsiistuu jaalalaati' jedhu fayyadamu.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Nama haadhawarraa isaa lubbuu oolchuuf dhiiga arjoomuun eegalan yeroo dheeraaf itti fufaniiru.
Kana dura dubartootaaf ji'a jahaan dhiiga akka arjooman ni gorfama ture jedhu.
Kuni garuu isaaniif gufuu hin turre.
''Ji'a lamaanis ji'a sadiinis dhiiga nan arjooma ture'' jechuun yaadatu. Yeroon jijjiirame amma ji'a sadiin al takkaa dhiiga arjoomuun eeyyamame.
''Yeroo ammaa dhiiga arjoomuun ji'a sadiin taasifamus galmeen kompitaraan waan ta'ef [akka kana duraa] ji'a sadii dursanii dhiiga kennuun hin danda'amu,'' jedhu.
Sababa kanaan yeroo isaanii osoo hin dabarsiin dhiiga arjoomu. Ogeettii fayyaa ta'uu isaaniifi baankii dhiigaa keessa dalaguu isaanii of eeggatanii akka hojjetan isaan gargaareera.
''Wanta narraa eegamu guutee waanin argamuuf 'amma dhiiga arjoomuu hin dandeessu' jedhamee yeroon itti deebi'e hin jiru jechuun ibsu.
''Dhukkubsadhee dhiigni naaf kennamuurra kennuu naaf wayya. Sammuun koo gammachuu qaba. Namni jalqabarra gargaare yeroo hunda na gammachiisa,'' jechuun dubbatu.
BBC: Namni maaliif dhiiga kennitu kan isin jedhe jiraa?
Sistar Assaggaash: Hin jiru. Haatikoo namni dhiigni barbaachisuuf jiraate dhiiga hin kennu yeroo jedhu kennaa turte. Isheen hubannoo osoo hin qabaatin yoo kakaate animmoo miidhaa akka hin qabne waanin beekuf natti salphata.
Dr Liyaan waa'ee Sistar Assaggaash yoo ibsan hanga isaanii dubartiin Itoophiyaatti dhiiga arjoomte hin jirtu jechuun ibsan.
''Lakkoofsi kuni [si'a 80] riikardii dubartoota dhiiga arjoomaniin kan galmaa'edha. Baga gammadde. Galatoomaa,'' jechuun Fesbuukii isaanii gubbaa barreessan.
Waan Dr Liyaan waa'ee isaanii barreessaniin Siistar Assaggaash ''baay'ee na gammachiise'' jechuun hammana yeroo dheeraaf dhiiga kennuuf hin yaadne jedhan.
Waan Dr Liyaan ibsan alatti Baankiin Dhiigaa Biyyaalessaas sagantaa galateeffannaa isaaniif qophesseera.
BBC: Riikardii warra dhiiraa fooyyessuuf hin yaaddanii?
Sistar Assaggaash: [kolfa…] Dubartoonni dubartoota qofa waliin dorgomu. Nuti dubartoonni da'uu, ulfaa'uu, akkasumas ni hoosisna. Yeroo ulfoofnu, yeroo deenyu akkasumas yeroo hoosisnu dhiiga arjoomuu hin dandeenyu.
Dubartiin tokko erga hoosisuu dhaabdee waggaa tokko boodadha dhiiga arjoomuu kan dandeessu. Kanaaf, yoo xiqqaate si'a 11 yookiin 12 dhiiga arjoomuu dandeessu dhabdi jechaadha.
Kanaaf, dhiirota bira gahee isaan caala yaada jedhu hin qabu.
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa namni kamuu hanqina dhiigaan du'uu hin qabu dhaadannoo jedhu qaba. Kanaaf immoo ummata biyya tokko keessaa 1% kan ta'u dhiiga kennuu qaba.
Haala kanaanis ummata Itoophiyaa miiliyoona 100 ol ta'e keessaa miiliyoona tokko ol kan ta'u ji'a sadi sadiin dhiiga kennuu qaba jechuudha.
Haa ta'u malee, yeroo ammaa hammi namoota dhiiga Itoophiyaatti arjooman walakkaa miiliyoonallee hin geenye.
''Tokko tokko hubannoo dhabanii dhiiga arjoomuu hin barbaadan. Dhiigni waan kuufamu, warra furdatan qofatu arjoomuu danda'a jedhanii kan yaadan akkasumas hubannoowwan sirrii hin taane kaanis jiru,'' jedhu.
Sababa kanaaf, namni ''dhiiga fudhatuurra osoo kennee gaariidha'' jedhu.
Kanneen dhiigni isaan barbaachisu ''yeroo hunda haadhakoo, obboleettiikoo yookiin firakoo osoo ta'aniwoo'' jedhanii of gaafachuun barbaachisa jechuun gorsu.
''Lubbuu namaa du'a oolchuun waan salphaa miti.'' Fuula duratti ''yoo Waaqni jedhe dhiiga arjoomu ittan fufa'' jechuun dubbatu.
Nama haati warraa isaa jalaa dhukkubde gargaaruuf dhiiga arjoomuu kan eegalan harmeen kuni namicha deebisanii argachuu isaanii gaafanne turre. Akka hin arganne nutti himan.
















