Godiina Goojjaam Kaabaatti haleellaa diroonii fi kaaniin namoonni hedduun du'an - jiraattota

Madda suuraa, South mecha comm.
Naannoo Amaaraa Godiina Goojjaam Kaabaa Aanaa Meeccaa Kibbaa keessatti humnoonni mootummaa ji'a Onkoloolessaa eegalee tarkaanfii fudhataniin namoonni 100 ol ajjeefamuu namoonni ijaan argan BBCtti himan.
Magaala guddoo aanichaa kan taate Garcac keessatti ALI Onkoloolessa 1 - 4, 2017'tti haleellaa diroonii fi kaaniin daa'imman dabalatee manguddoonniifi dargaggoonni ajjeefamuu maatiin miidhamtootaafi jiraattonni BBCn dubbise ni himu.
Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa waa'ee ajjeechaa gaggeeffame jedhame kanaa gabaasni isa gahuu fi odeffannoo sassaabaa akka jiru BBC'tti hime.
Raayyaan ittisa biyyaa humnoonni Faannoo naannicha too'achuuf haleellaa banuu ibsuun, "miseensota finxaaleeyyii 53" ajjeessuu beeksise.
Jiraattonni akka jedhanitti, gaafa ALI Onkoloolessa 01, 2017'tti haleellaa diroonii guyyaa naannoo sa'aatii 7:00tti "irra deddeebin" magaalattii keessatti gaggeeffameen daa'ima ganna saddeetii dabalatee namoonni saddeet du'aniiru.
Haleellaan diroonii kun buufata Fayyaa Mahaal Gannat jedhamurratti akka raawwatameefi manneen jireenyaa namoota dhuunfas haleelamuu himu jiraattonni kun.
Ogeessi fayyaa buufata fayyaa sana keessa hojjatu nageenyasaaf jecha maqaansanii akka ibsamu hin barbaanne akka jedhanitti, haleellaa diroonii gaggeeffameen, faarmasiin buufata fayyaa Mahaal Gannaat manca'uufi namoonni saddeet du'uu BBC'tti himan.
Kanneen du'an keessaa tokko ogeessa faarmaasii buufata fayyichaafi kaansaanii namoota waldhaansaaf naannoo sanarraa dhufan akka ta'an hima ogeessi fayyaa kun.
Naannoo magaalattii muddamni guyyootaaf kan ture ta'uu kan dubbatan jiraattonni kunneen, yeroo haleellaan diroonii gaggeeffamu hidhattoonni Faannoo magaala keessa akka hin jirre ibsu.
Hidhattoonni Faannoo waaree booda sa'aatii 11:30tti magaala seenuusaanii hordofee, humnoota mootummaafi hidhattoota gidduu "lolli sa'aatii shaniif ture" gaggeeffamee turuu kan himan jiraattonni kunneen, dhukaasni erga tasgabbaa'ee booda humnoonni mootummaa manarra deemun akkasumas karaarratti namoota heddu "ajjeesuu" dubbatan jiraattonni BBC Afaan Amaaraa dubbise biroo sadi.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
''Sagalee rasaasaa fi iyya namootaa wayita dhageenyeetti sodaannee osoo manaa hin bahiin manuma keessa turee'' kan jedhan jiraataan tokko, erga hidhattoonni Faannoo bahaniifi haalli tasgabbaa'een booda bakkichatti ajjeechaan raawwatamu dubbatan.
“Yeroo sanatti hidhattoota argchu waan hin dandeenyeef haaloo ka bahan ummaticharratti'' kan jedhan jiraataan kun namoonni dhibbaan lakkaa'aman ajjeefamu himan.
“Kan daandiirratti, mana keessatti argame hunda haleellan... baasanii haleeluu qofaa ture. Humnootiin mootummaa kan jedhan meeshaa keessan fidaadha'' kan jedhan jiraataan kun, ajeechichis hidhattoota Faannooti jechuun raawwatamu dubbatan.
Ajjeechaa jalqabaatiin saaxilamtoonni kanneen naannichi tasgabbbaa'era jechuudhaan gara manasaaniitti deebii'aa turan gara 15 kan ta'an ta'usaanii kan dubbatan jiraataan kun, isaanis maasii mishingaa keessaati ajjeeffamu himan.
''Isaan booda mandara hunda keessa seenan. Mana mana seenuunis 'waaraanaa turtan jechuudhaan amma meeshaa waraanaa fidaa' jedhan. Ittaansees ajjeessuu itti fufan'' jechuun jiraattoota BBcn dubbise keessa tokko ragaa bahan.
Namoota humnoota mootummaatiin ajjeefaman jedhaman 30n keessaa firriisaa akka argamu kan dubbatan jiraataan tokko, amaatiifi mucaa isaan waliin jiraatu kan waggaa 17 waliin manaa akka bahu taasifamuun akka ajjeefame dubbatan.
Hatii warraa nama ajjeefame kanaas ulfa baatii afur ta'u kan dubbatan jiraataan kun, namni ajjeeffame kunis hojii daldalaa irratti kan boba'e ta'u kaasan.
Abbaan amantii tokko ammoo ''ani mataankoo reeffan kaasee kadhannaa ergan taasiseen booda awwaale jirti. Ulfa baatii torbaa waliin awwaalamte. Rasaasaan ajjeeffamte,'' jechuun namoonni baayyee akka ajjeeffaman himan.
''Namni adda baasan hin turre'' jechuun jumlaadhaan akka ajjeessan kan dubbatan jiraataan kun ALI Onkololeessa 1 irraa kaasee haleellaa raawwatameen namoonni ajjeeffamaniifi achi buuteensaanii dhabame hedduu ta'u himan.
BBCn waa'ee ajjeechaa raawwatame kanaa ilaalchisuun madda walabaa ta'erraa mirkanneeffachu hin dandeenye.
''Ganama yoo kaanu reeffa lafarratti agarre. Kamiitu lakkaa'amee keessaa bahama? Anayyuu kan na baasee Gabreeliin kadhadhuudha'' kan jedhan jiraataan gara biraa, lakkoofi baayyina namoota ajjeefaanii baayyee ta'u himan.
“Namoonni ollaa keenyaatti bataskaana Maaramiitti awwaalaman mataansaa 50 ni ta'u'' jechuun namoonni ajjeeffaman baayyee akka ta'anifi reeffi namootaa gaariidhaan walitti qabamuun awwaalchi raawwatamu dubbatan.
Jiraataan gara biraatiis reeffa ''torba saddeeti kaasuudhan gaariitti feenee'' jechuun irra caalaan awwaalcha jumlaa akka raawatame ibsan.
Tajaajilaan bataskaan Garacaciitti argamu BBCn dubbiise tokkos, dhuma torbaniitti namoonni ajjeffaman 72 kan ta'an sirni awwalchasaanii bataskaanoota adda ddaatti raawwatamu saa dubbatan.
Sirni awwalcha namoota 27 bataskaanuma isaan itti tajaajilaniitti raawwatamu kan mirkanneessan abbaan amantaa kun, reeffii namootaa gara gandoota biraattis geessuu dubbatanii, achittis lakkoofsi namoota du'anii baayyee ta'u kaasan.
''Gaddaaf taa'un waan hin turreefuu dinkaanni hin ture. Amma namoonni guyyaa sadii afurii booda akka haaraatti kan boha gahaa jiru'' jechuun yaaddoo isanii ibsan.

Madda suuraa, SOUTH MECHA COMM
Tateen namoonni hedduun iittiin ajjeeffamaniiru jedhame Jimaataa galgalatti ''ajjeechaan hamaa'' akka ture kan dubbatan jiraattoonni kunneen, lolli guyyoota sadiifis itti fufee ture jechuun jiraattonni dubbatan.
Danqamaa fi sodaa magaalattii kessa tureen jiraattonni lubbuusaanii oolfachuuf gara baadiyyaatti baqachuu isaaniis himaniiru.
Ogeessonni buufata fayyaa ‘Mahaal Gannat’ baqatanii bakka sanaa ba’uusaanii kan himan oageessi tokko, buufanni fayyaa waggaatti dhukkubsatoota 25,000 ol tajaajilu cufamuusaa ibsaniiru.
Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) haleellaa Garcac dabalatee, sababa walitti bu’iinsa kanaatiin ,iidhaa namoota nagaa fi dhaabbilee tajaajila ummtaatiif oolan irra gahe qorachaa akka jiru BBCtti himaniiru.
ALI Fulbaana 19, 2017 irraa eegalee Humni Ittisaa gara naannichaatti socho’uu isaa kan dubatan jiraattonni, kana hordofuun hidhattoonni Faannoo gara baadiyyaatti baqachuu isaaniis himaniiru.
Eraga humni ittisaa Magaalaa Garcac to'achuusaatiin dura naanichi waggaa tokko oliif humna hidhattootaan to’atamee turuu isaa jiraattonni ibsaniiru.
BBCn naannoo Amaaraatto godina Goojam Kaabaa dabalatee, aanoota keessatti taateewwan uumamaniin namoonni hedduun ittiin ajjeefamaniiru isa jedhamerratti ibsa dabalataa argachuuf guyyootaaf yaaliin taasise hin milkoofne.
Humni ittisaa ALI Onkoloolessa 02, 2017 miidiyaalee hawaasaasaa irratti humnoonni Faannoo naannoo sana to’achuuf haleellaa geggeesuu isaanii ibsuun, humnoota finxaaleeyyii 50 ol dhabamsiisuu isaa beeksiseera.
Walakkeessa Fulbaanaa keessa duula haaraa ”seera kabachiisuu” jedhu jalqabamuu isaa kan beeksisan dubbi himaan humna raayyaa ittisa biyyaaleessaa Koloneel Geetinnet Adaaneen, “ Faannoon kan filate loladha, kanaaf kana booda afaan inni dubbatuun haasofsiisuu danda’uu qabna jechuun” jedhaniiru.
**BBC’n gabaasa kanaaf jiraattota naannoo sanaa shan kan dubbise yoo ta’u, nageenya isaaniif waan sodaataniif jecha maqaansaanii akka eeramu hin barbaadne.












