Balaa xiyyaara Mineesotaatti qaqqabe irraa namni lubbuun hafe hin jiru jedhame

Madda suuraa, Getty Images
US'tti xiyyaarri xiqqaa Iowaa irraa gara Mineesotaatti balali'aa ture tokko erga mana naannoo magaalaa jiru keessatti kufee ibiddi itti qaabatee gubachuu qondaaltonni Samabata kaleessaa himan.
Xiyyaarri kun akka biyyaatti naannoo sa'aatii 1220 (1720 BST) erga kaateen booda Mineesotaa naannoo mana jireenyaa Paarkii Biruukliin jedhamu keessatti kufusaa Bulchiinsi Aviyeeshinii Federaalaa beeksiseera.
Qorattoonni xiyyaaricha keessa namoonni meeqa akka turan ifa miti kan jedhan yoo ta'u, garuu hoogganaan garee balaa ibiddaa Paarkii Biruukiliin, Shaawn Konwaay imaltoota keessaa namni lubbuun hafe hin jiru jedhan.
Bakka xiyyaarichi itti kufeetti namni mana keessa jiru ajjeefamuu ammoo hin gabaafamne.
Boordiin Nageenya Geejjibaa Biyyaalessaa sababa balaa xiyyaara kanaa qorachuuf akka yaadame ibsuun, hanga ammaatti hin beekamne jedhan.
Ejensichi gara bakka balaan kun itti dhaqqabe Minnesotaatti imaluuf daandii irra jiraachuu kan hime yoo ta'u, Dilbata har'aa akka qaqaban eegama.
"Qorattoonni tokkicha bakka sanatti erga argamanii booda adeemsa bakka sana galmeessuu fi xiyyaaricha qorachuu jalqabu. Sana booda xiyyaarichi qorannoo dabalataa gaggeessuuf gara bakka nageenya qabuutti ni deebifama," jechuun ibsi dhaabbatichi baaseen beeksiseera.
Viidiyoonni miidiyaa hawaasaa irratti qoodamee akka agarsiisutti, xiyyaarichi erga mana jireenyaa erga kufeen ibidaan liqifameen booda miseensonni kutaa ibiddaa naannoo sanaa ibidda dhaamsuuf yeroo yaalan mul'ata.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Hogganichi, Konweeyiin yeroo hojjattoonni balaa ibiddaa bakkicha dhaqqabaniitti ibiddi gara ''ibidda caasaa guutuu hirmaachiseetti'' guddateera jedhan.
Paarkiin Biruukiliin, bakki xiyyaarrichi itti kufe, naannoo magaalaa Miniyaapoolis keessatti argama. Magaalattiin namoota 82,000 kan gara kaabaatti gara maayilii 11 fagaattee argamu keessa jiraatan qabdi.
Bulchaan Mineesotaa Tiim Waaltz gareen isaanii ''qondaaltota naannoo bakka balaan kun itti dhaqqabe Paarkii Bruukliin keessatti argaman waliin wal qunnamaa jiraachuufi haalicha itti dhiyeenyaan hordofaa jirra'' jedhan.
Itti dabaluudhaanis, "namoota jalqabaa bilbila kanaaf deebii kennaniif galata guddaa qabna," jedhan.
Taatee kunis kan mudate balaa xiyyaaraa hedduu dhiheenya kana mudateefi erga taateen kunis pirezidaant Doonaald Tiraamp kaabinee isaanii hojjattoota dhaabbilee federaalaa hir'isanii kakaaseen booda, xiyyeeffannoo ummata Ameerikaa hawwateen boodadha.
Hojjettoonni nageenya qilleensaa gargaaruuf itti gaafatamummaa qaban dhibbaan lakkaa'aman hojiirraa ari'atamuu isaanii Asoosheetid Prees gabaaseera.












