Barana xiyyaaronni baay'een maaliif kufanii caccabu?

Madda suuraa, Getty Images
Dhiheenya kana balaan xiyyaaraa walitti aansuun mudateera .
Miidiyaa hawaasaa irratti namoonni balaa xiyyaaraa akka caarraa jalaa miliqan viidiyoo qooddaa turan.
Ministirri Geejjibaa Ameerikaa Shoon Daafiin gaaffii fi deebii michuu BBC Ameerikaa, CBS News waliin taasisaniin soda jiru tasgabbeessuuf yaalaniiru.
Balaan qilleensaa dhiheenya kana Ameerikaa mudate ''baayyee adda'' akka ta'e daawwattootaaf himaniiru.
Deebiinsaa kuniin erga taateewwan ciccimoo hedduu booda. Amajjii keessa xiyyaarri imaltootaa fi helikooptara waraanaa qilleensa irratti walitti bu'ee Waashingitan DCtti kufuun namoonni 67 du'an.
Xiyyaarri Kanaadaa Torontootti kufee gargales, toora interneetii irratti baay'ee qoodamee, sodaa jiru daran hammeeseera.
Dhimmicha irratti qorannoon daangeffamaa ta'us, qorannoon dhiheenya kana Asoosheetid Prees dhiheesse akka argisiisutti, balaawwan kana hordofee namoonni Ameerikaa garii balali'uu sodaatan.
Garuu BBCn US fi addunyaa guutuutti ragaa xiinxaluun waggoota kurnan lamaan darban keessatti balaa qilleensaa gadi bu'aa akka jiru argateera.
US keessatti hanga dhuma baatii Amajjii bara kanaatti lakkoofsii balaa qilleensaa Boordii Nageenya Geejjibaa Biyyaalessaa (NTSB)'n qindaa'eera.
Ragaan kun akka agarsiisutti US keessatti bara 2005 hanga 2024'tti baay'inni balalii baay'ee dabalus balaan qilleensaa akka waliigalaatti gad bu'eera.
Balaan xiyyaaraa Amajjii bara 2025 mudate 52 ta'u ibsa kunis kan Amajjii 2024(58) fi Amajjii 2023(70) ture irraa gadi ta'uu agarsiisa.
Odeeffannoon Dhaabbata Siiviil Aviyeeshinii Idil-addunyaa (ICAO) kan taateewwan qilleensaa addunyaa hordofu akka agarsiisutti, bara 2005 fi 2023 gidduutti balaan xiyyaaraa gad bu'eera.
Akka addunyaatti lakkoofsii namoota balaa qilleensaan du'aniis yeroo kana keessatti xiqqaachuu mul'isa.
Haata'u malee waggoota garii balaan qilleensaa gurguddoon lubbuu namoota hedduu galaafateera.
Du'a Balaa Xiyyaaraa imaltootaan ta'e

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Bara 2014 balaan xiyyaara hamaan lubbuu namaa galaafate lama mudate.
Ji'a Bitootessaa keessa Xiyyaarri daandii qilleensaa Maaleeziyaa MH370 kan namoota 239 qabatee Ku'aalaa Luumpur irraa gara Beejiingitti balali'aa ture bade.
Ji'a Adoolessa keessa xiyyaarumaan daandii qilleensaa Maaleeziyaa MH17, misaa'ela Raashiyaan hojjetameen baha Yukireen irratti rukutamee namoota 300 siqu ajjeese.
Lakkoofsa namoota du'aniin yoo tilmaamame jijjiirama guddaatti jiraachuu danda'a jedha Yunivarsiitii Kaambiriijiitti piroofeesara istaatistiksii kan ta'e Prof Sir Deevid Ispiigelhalter.
"Balaa osoo hin taane du'a yoo lakkoofte yaaddessaadha. Sababnisaa balaa guddaa tokko keessatti namoota baay'eetu du'uu danda'a waan ta'eef."
"Taateewwan akka tasaa walqixa hin ta'an – walitti qabamu. Kanaaf yeroo balaan xiyyaaraa mudatu namoonni akka waan walqabateetti ilala."
Balaawwan olaanoo ji'oota muraasa darban keessatti walduraa duubaan dhufan ilaalchisee, qorataan balaa qilleensaa olaanaa Fiinlaandi duraanii Ismoo Aaltoonen, nageenyi xiyyaaraa gadi bu'uu isaa kan agarsiisu miti jedha.
"Balaan xiyyaaraa baay'achuun kun nama gaddisiisa, garuu namoonni dhimmoota adda addaa akkasii irratti hundaa'nii waan tokko murteessuu hin qaban." jedha
Ji'oota muraasa darban keessa taateewwan tokko tokko kan tilmaamamuu hin dandeenye ta'uu hubachiisaniiru.
Fakkeenyaaf balaliin daandii qilleensaa Azarbaajaan misaa'ela farra xiyyaaraa Raashiyaatiin erga haleelameen booda Muddee keessa Kaazaakistaan keessatti kufe.
Balalisaan duraanii ammaa Yunivarsiitii Niiwu Baakiinghaamshaayir keessatti barsiisaa olaanaa ta'e Maarkoo Chaan, ''balaa xiyyaaraa waltajjiiwwan miidiyaa hawaasaa irraatti xiyyeeffannoo argachuun saaxilamummaasaa dabalee jechuun BBC'tti hime.
Waggoota dhiyoo asitti balaan xiyyaarota Boeing 737 Max miidiyaalee fi miidiyaa hawaasaa irrattis xiyyeeffannoo guddaa argateera.
Keessumaa erga Amajjii bara 2024 balballi xiyyaara balali'aa ture kufeen booda

Madda suuraa, Getty Images
Bitootessa 10, 2019 xiyyaarri daandii qilleensa Itoophiyaa Boeing 737 Max 8 naannoo Bishooftuutti kufee namoota 157 kan galaafate.
Taatee kun addunyaa guutuutti balaliin xiyyaara Boeing 737 MAX 8 akka dhorkamu taasisee ture.
Balaan xiyyaaraa dhiheenya kana mul'atanis, imalli qilleensaa imala kamuu caala nageenya ta'uu himan.
Du'a geejjibaa waliin walqabatee bara 2022 US keessatti raawwatame hunda keessaa %95 ol karaa irratti akka mul'atan lakkoofsi Ministeerri Geejjibaa Ameerikaa ni mul'isa. %1 gadi kan ta'an imala qilleensaa waliin kan walqabatan.
"Akkamitti gara buufata xiyyaaraatti deemturratti of eeggannoo godhaa" jedha Aaltoneen. "Sun balalii xiyyaaraa wajjin wal bira qabamee yoo ilaalamu baayyee balaa qaba."












