Xiyyaara Miniyaapoolisiirraa ka'ee Toroontootti caccabe keessaa namoonni hundi akkamiin oolan?

Bakka balaan xiyyaaraa mudatetti yeroo abidda dhaamsaa jiran

Madda suuraa, Getty Images

Imaltoonni xiyyaara Deltaa Wixata Guraandhala 18 waaree booda Miniyaapoolisirraa ka'ee Kanaadaa yeroo qubachuu ga'utti kufee ofirra gaggalagale.

Xiyyaarri kun osoo ofirra hin gaggalagaliin dura abiddi itti qabatee ture. Baalleefi eegeen xiyyaarichaa abiddaan gubatee, kaan ammoo yeroo ofirra gaggalagalu caccabeera.

Yeroo kun ta'u hunda namoonni 80 xiyyaara kana keessa turan.

Kan imaltootas ta'e, namoota kaan ajaa'ibeefi gammachiise ammoo hundi isaanii ooluudha. Namni lubbuun darbe hin jiru. Baayyeen imaltootaa osoo qaamni isaanii hin moccoramiin bahanillee jiru.

Imaltoonni tokko tokko ammoo akkuma teessoorratti qabattoo hidhataniin yeroo xiyyaarichi galagale rarra'anii hafan.

Xiyyaara balaan kun akka mudatuuf maaltu akka sababa ta'e qoratamaa jira.

Xiinxaltoonni akka jedhanitti, qilleensi qorraa hamaa ta'e sababa mala, ykn xiyyaarichi haala hamaa ta'een bu'es ta'uu danda;a jedhu.

Akkasumas, lubbuu namootaa baraaruuf meeshaalee nageenya xiyyaarichaaf galata galchaniiru.

Yeroo xiyyaarichi caccabu maaltu ta'e?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Taateen kun Wixata akka saa'aatii nanoo sanaatti 14:00 l irratti ture kan mudate. Xiyyaara moodeliin isaa CRJ-900 ta'e Daandii Qilleensaa Deltaatiin buluufi lakkoofsa balalii DL4819 ta'edha.

Xiyyaarri kun US magaalaa Miniyaapoolisirraa imaltoota 76 fi miseensota hojjettoota xiyyaarichaa afur qabatee ture.

Yeroo qubachuuf jedhu, sarara irra bu'utti akka humnaan darbatamee itti of buuse fakkaata. Isaan booda fageenya hanga ta'e humnaan erga gagantaree booda ofirra gaggalagaluu isaa ijaan arguu Daan Ronaan BBC News'tti hime. Dan Ronaan gaagexeessaafi paailetii Bulchiinsa Aveeshinii Federaalaa US irraa hayyama qabudha.

Viidiyoon TMZ irraa argame akka agarsiisutti, yeroo inni bu'aa jirutti qaama xiyyaarichaatti abiddi qabate. Hojjetoonni ittisa balaa abiddaa ammoo yeroo itti fiiganii bishaan itti biifuun dhaamsuuf yaalan ni mul'ata.

Imaltoota keesaa tokko kan ta'e Piitar Kaarlisan CBCtti akkas jechuun dubbate: "Waan baayyee nama sururu ture."

Yeroo wanti kun mudatetti, "konkiriitiifi sibaalaa" adda jechuun sagalee yaadatu dubbata.

Inniifi namoonni kaan xiyyaaricha keessa turan akkuma teessuma isaanitti hidhamaniin irraa gadi galagalan. Osoo xiyyaaricha galagalee jiru keessaa hin ba'iin dura bakka rarra'anirraa buufamuun dirqama ture.

Namoonni 80 achi keessa turan hunduu oolaniiru. Deltaa ibsa Kibxata baaseen akka jedhetti, imaltoonni 21 madaa'an batalumatti gara hospitaala naannoo sana jiruutti geeffaman. Isaan keessaa ammoo 19 xiqqoo turee hospitaalaa gadhiifamaniiru.

Xiyyaarri akkamiin galgalaa?

BBC Verify komunikeeshinii xiyyaarichaafi to'attoota tiraafika qilleensaa gidduu ture waraabame xiinxaleera.

Haasaa taasifame sana keessatti bakka kamittiyyu yeroo quatutti balaan jiraachuu akka malu wanti dubbatame hin turre.

Kana ammoo namni kanaan dura paayietii tureefi amma Buckinghamshire New University kan UK keessa jirutti barsiisaa ta'e Maarkoo Chaan mirkaneesseera.

Ogeessi xiyyaara caccabe qoratu Ismoo Aaltoonenis akkuma kana sagalicha dhaggeeffatee adda baafateera.

Mr. Chaan ciyyaarichi yeroo qubatutti humaafi saffisa cimaa fayyadamuu mala jedha. Saffisa baratamaa hin taaneen bu'uuf yaaluu ta'a jechuun sababa balaa kanaa ibsa.

Gommaa tokkoon dura waan lafa tuqe fakkaata jechuun BBCtti hie Nr. Chaan. Kun ammoo maarshii ittii bu'u akka wal gadhiisu ykn miidhamu gochuun dhiibbaa uuma.

Yeroo akkas ta'u baalleen isaa daandii yerooo bu'u irra gulufutti bu'ee akka xiyyaarichi galagalu gochuu danda'a jedha ogeessi kun.

Haalli qilleensaas gahee mataasaa qabaachuu mala. Itti gaafatamaan ittisa balaa abiddaa dirree xiyyaarichaa daandiin xiyyaarri yeroo ka'uufi qubatu irra deemu wayita balaan kun mudatutti gogaa ture.

Aanga'oonni Dirree Xiyyaaraa akka jedhanitti, cabbiin hamaa dhiyeenya bu'aa ture dhaabbatullee, "haalli qilleensaa cabbaa'aafi qilleensi hamaan deemaa tureera."

Xiyyaarichi yeroo qubachuuf dhufetti, warri tiraafika qilleensaa to'atan, "daandii irra bu'uratti gufachuun xiqqaan" jiraachuu waan maluuf paayiletootatti saffisa 38mph (61km/h) akka fayyadamuu qaban itti himuu isaanii CNN gabaaseera.

Paayileetonni kunneen waan sochii 'crab' jedhamuun beekamu kan yaalan fakkaatu jedhan Mr Roonaan. Kunis xiyyaara gara qilleensaatti jijjiiruu, achiis yeroo dhumaatti kallattiin daandii balalii irratti jijjiiruu kan dabalatudha.

Namoonni xiyyaaricha keessa turan hundi akkamiin oolan?

"Balaa kana fakkaatu keessaa carraan hafuu baayyee kan nama ajaa'ibudha," jechuun BBCtti dbbate Mr Ronaan. Akkasumas ta'ee, qaamni xiyyaarichaa baayyee hin miidhamne.

Ogeessonni biroon ammoo qaamni xiyyaarichaa hangam akka nageenyaaf dursa kennuun qphaa'e jajataniiru.

Yunivarsiitii UK Kiraanfiild keessatti piroofeesara qorannoo nageenyaa fi balaa kan ta'e Graham Braithwaite akka jedhanitti, xiyyaaronni yeroo balaan qaqqabutti akka imaltoonni wantota garagaraatti bu'anii hin miidhamne gochuun hojjetamu.

"Diizaayiniin dugda teessoo ykn minjaala saaniillee hundinuu qaama akkaataa bakka sana lubbuun jiraachuu danda'u gochuuf itti yaadnuudha," jechuun BBCtti himeera. "Akkasumas, qabattoo teessoo namoonni qaban baay'ee barbaachisaadha - sun namoonni yeroo mudannoon akkasii jiraatu akkahin darbatamne dhorkudha," jechuun dabalaniiru.

Hojjettoonni xiyyaaraa kun xiyyaara garagalfame irraa nama hunda dafanii buusuu isaaniif faarfamaniiru. Gareen balaa tasaa lafa irra jiranis daqiiqaa muraasa keessatti bakka balaan kun itti dhaqqabe erga gahaniin booda hogganaa buufata xiyyaaraatiin ''goota'' jedamuun waamamaniiru.

Mr Kaarlsan imaltoonni ofii isaanii haala baayyee bu'a qabeessa ta'een waliin hojjetaniiru jedhan. "Wanti ani arge namoonni xiyyaara sana keessa turan hundi akka tasaa akkaataa wal gargaaruu, akkamitti wal jajjabeessuun baay'ee walitti dhihaachuu isaaniiti," jedha.

Xiyyaara Deltaa balaan mudate

Madda suuraa, John Nelson

Teessumni qophaa'e akkamiin gargaare?

Mr Ronaan eessoo xiyyaarichaa akkaataa balaa hir'isuun waan hojjetameef dhiibbaa guddaa geessisu akka hambise ta'uu kaase.

Teessoowwan kun humna harkisa lafaa dachaa 16n saffisa hir'isuu dandamachuu kan danda'an yoo ta'u, daayinamiksii balaa moodeela gochuuf damee namaa fayyadamuun qorannoo cimaa darbuu qabu.

Miilli teessoo, kan lafa irratti daandii irratti maxxane, akka hin cabneef gama tokkoon digrii 10 gadi bu'ee gama biraatiin digrii 10 gulufuu danda'uu qaba jedhan hundeessaan Aviation Consulting & Engineering Solutions, teessoo dambiiwwan kana eeguun dirqama ta'e raggaasisuuf hayyama FAA qabu Keevin Kaampbeel.

Balaa kanaan dura mudateen FAAn teessoo xiyyaarota fuulduraa irratti tuulamee argee ture, yeroo baayyee reeffi ammallee maxxaneera jedhan Mr Kaampbeel.

Mr Ronaan akka jedhutti, dambiiwwan kun "teessoo bakka isaatii fi lafa irratti kan hidhaman waan ta'eef teessoo keessan ofii isaa keessatti lubbuun jiraachuu ol'aanaa waan qabduuf teessoon sun addaan ba'uuf carraan jiru xiqqaadha," jedhan.

Dambiiwwan kun imaltuun tokko teessoo fuuldura isaa jiru irratti mataa fi miila isaa rukutuu dandamachuu akka danda'us kan gaafatu yoo ta'u, teessoon akka dugda isaa hin cabsineef ulfaatina lafee dugdaa isaanii keessatti qabchuuf gargaaru. Akkasumas, qabattoo teessoo kan duraan ture caalaa diriirsuu xiqqaa waan ta'eef ukkaamsi isaa caalaatti nageenya qaba.

"Sababa kanaan xiyyaaronni baay'ee, baay'ee nageenya qabu," jedhan Mr Kaampbeel, wantootni sun balaa kana keessatti nageenya fooyyessuu keessatti "gutummaatti" tapha keessa turan.

"Dhugumatti teessoowwan sirriitti waan hojjechuu qaban hojjechuun isaanii, akka hin tuqamnetti hafuun isaanii waan ajaa'ibaati... sabbatni teessoo akkuma ta'uu qabutti hojjete, teessoonis lafa irraa adda hin baane," jedhu Mr Roonaan.

"Mee silaa miidhaan mataa, miidhaan lafee dugdaa, osoo teessoo addaan bahee meeqa akka nu mudatu yaadi."

Balaan xiyyaaraa biroo dhiheenya kana mudatan kamfa'i?

Ameerikaa Kaabaa keessatti balaa xiyyaaraa guddaan ji'a tokko hin guunne keessatti isa 4ffaa yoo ta'u, taateewwan dhiheenya kana mudatan biroorratti qorannoon gaggeffamaa jira.

  • Namoonni 67 xiyyaara imaltootaa fi helikooptara waraanaa keessa turan hundinuu erga xiyyaaronni lamaan kun qilleensarratti naannoo Waashingitan DCtti Guraandhala 29 walitti bu'anii booda du'aniiru
  • Fulbaana 1 xiyyaarri geejjibaa yaalaa namoota jaha fe'ee ture Filadelfiyaatti kufee lubbuun namoota 7 darbeera. Namni biraa lafarratti ajjeefame
  • Guraandhala 6 xiyyaarri xiqqaan Alaskaatti kufee namoonni 10 hundi du'aniiru

Taateewwan kunnen balaa olaanaa kan biraa Kooriyaa Kibbaatti Muddee keessa mudate hordofee kan uumame yoo ta'u, balaa kanaan namoonni 179 du'aniiru.

Kun ta'us, ogeeyyiin ammallee akka jedhanitti imalli qilleensaa baayyee nageenya qaba - ittuma fufees kan caalaa naga qabeessa ta'e ta'uun itti fufa.