Toroontootti xiyyaarri kufee ofirra garagalus imaltoonni lubbuun oolan

XIYYAARA DELTA

Madda suuraa, John Nelson

Buufata xiyyaaraa Piirsan kan magaalaa Toroontootti argamutti xiyyaarri bu'uuf ture kufee erga ofirra garagalee imaltoonnii fi gareen balalii hundi lubbuun ooluu hojii gaggeessaa olaanaan buufata xiyyaarichaa himan.

''Galata qabna. Namni lubbuun darbe hin jiru. Miidhaa salphaatu dhaqabe'' jette Hojii Gaggeesituu Olaantuu buufatichaa Dibooraa Filiinti.

Akka suuraa miidiyaalee hawwaasaa irratti qoodaman agarsiisanitti, daa'ima tokkoo fi ga'eessota lama irra miiidhaa guddaan gaheera.

Xiyyaarichi ammoo ofirra garagalee cabbii keessa karaa baaxii isaa ciiseera.

Koochoo isaa tokko waan dhabe fakkaata. Xiyyaarri Delta Air Lines jedhamu Ameerikaa magaalaa Minaayaapoli irraa ka'uun imaltoota 76 fi garee balaliistotaa 4 dabalatee walumaa gala namoota 80 qabatee balali'aa ture.

Imaltoonni 18 tahan yaaliif hospitaala galaniiru. Tajaajilli Anbulaansi Ontaariyoo anbulaansota qilleensarraa sadii gara bakkichaatti erguun lama bakkichatti bu'aniiru.

Namoonni miidhaa cimaan irra gahe daa'ima tokko, manguddoo waggaa 60 keessaa fu dubartii umuriin ishee waggaa 40 keessa taate irra tahuus ibsameera.

Xiyyaarri balaan kun irra gahes Deltaa Air Lines kan lakkoofsi balalii isaa 4819 tahe akka tahe Abbaan Taayitaa Aviyeeshinii Federaalaa ibseera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Imalttoota xiyyaricha keessa turan keessaa 20 lammiilee Kanaadaati. Kaan lammiilee biyyoota adda addaati jette pirezidaantiin daandii qilleensichaa.

Boordiin Nageenya Geejibaa Kanaadaa [TSB] ''garee sababa balaa dhaqabee odeeffannoo walitti qabee qoratu gara bakkichaatti ergeera'' jedhe.

Itti Gaafatamaan Ittisa Balaa Abiddaa Toroontoo, Tood Aatken, ''sararri xiyyaarri irra buufatu goaa fi homaa bubbee hamaa hin qabu ture'' jedhan.

Imalaan xiyyaaea kufee garagale keessaa bahe tokko ''Amma Toroontoo jirra. Xiyyaarri keenya kufee caccabeera, gadi gargale,'' jedhe.

Namoonni xiyyaaricha keessaa bahaa tmuran nagaa fakkaatu.

Bulchaan Minesootaa, Tiim Waalzi, namoota hatattamaan deeggarsa kennan nan galateeffadha'' jedhan.

Erga balaan kun dhaqabee xiyyaaronni buufatichatti bu'anii fi achii bahan akka tursiifaman taheera.

Imaltoonni baay'een Toroontootti akka danqaman BBC himan. Wiixataa fi Kibxata balaliin achii bahaa akka hin jirre himan.

Buufanni Xiyyaaraa Toroontoo Piirsan, guyyoota muraasa darban sababa haala qilleensaa hamaan balalii hedduu akka turan gochaa ture.

Buufanni Qilleensichaa gaafa Wiixataa '' tempireecherri akka malee diilallaa'uu fi bubbee hamaan jiraachuu'' akeekachiise.

Bubbee hamaan gaafa Roobii fi Dilbataa ture magaalicha cabbii lafarraa hanga cm30-50 ol ka'uun guuteera.

Ameerikaa Kaabaa keessatti dhiyeenyuma balaa xiyyaaraa arfaffaan gahuu isaati.

Balaa hamaan dhaqabe kan xiyyaarri imaltoota fe'ee balali'aa ture xiyyaara waraanaa wlaiin wlaitti bu'uun naannoo Buufata Xiyyaaraa Roonaaldi Reegan Waashingitanitti namoota 67 fixedha.