Imaltoonni xiyyaara Ameerikaa gubataa ture keessaa karaa baallee xayyaarichatiin baafaman

Imaltoonni yoo karaa baallee xiyyaaraatiin baafaman

Imaltoonni balalii Daandii Xiyyaaraa Ameerikaa keessa turan erga xiyyaarrichatti ibiddi qabateen booda buufata daandii xiyyaaraa Koloraadotti akka qubatu taasifame.

Warraabbiin viidiyoo taatee kanaa akka agrsiisuutti imaltoonni karaa baallee xiyyaara Booyiing irratti walitti qabamanii, gariin boorsaa qabatanii, jala xiyyaarichaattiin garuu ibiddi boba'aa akka ture agarsiisa.

Bulchiinsi Aviyeeshinii Federaalaa Ameerikaa (FAA) akka jedhetti, imaltoonni buufata xiyyaaraa idil-addunyaa Deenver keessatti mala qilleensaan afuufamuutti fayyadamuun nagaadhaan lafa gahaniiru. Ejensichi sababa taatee kanaa akka qoratu ibseera.

Boodarra buufanni xiyyaaraa namoonni 12 miidhaan salphaan irra gahe gara hospitaalaatti geeffamuusaanii mirkaneesses, miidhaan cimaan namootarra gahe hin jiru.

Xiyyaarri ibiddi itti qabate kunis naannoo Koloraado Ispiring irraa kan ka'e yoo ta'u, gara buufata xiyyaaraa idil-addunyaa Daalaas Foorti Woorz Teeksaas deemaa akka ture FAA ibsa BBC'f ergeen beeksiseera.

Xiyyaarri kun akka sa'aatii biyyatiiitti naannoo sa'aatii 17:15 (23:15 GMT)tti gara Deenveer kan qajeele erga hojjettoonni xiyyaarichaa ''raafama motoraa'' gabaasanii booda ta'uu FAAn ibse.

Xiyyaarri kun erga qubateen booda ammoo buufata xiyyaaraatti daandii xiyyaarri eroo qubatuufi ka'u irra imalurra adeemaa jirutti ibiddaan gubate.

Daandiin Qilleensaa Ameerikaa akka jedhetti, xiyyaara kana keessa imaltoota 172 fi hojjettoota xiyyaarichaa jaha turan hundi isaanii nagaan baafamuu isaanii dhaabbatichi beeksiseera.

Itti dabaluudhaanis, xiyyaarichi Booying 737-800 akka ta'ee fi ''rakkoon motora waliin walqabatee'' akka mudate ibseera.

Dubbi himaan daandii buufata xiyyaarichaa, Maayikil Koonopaaseek akka jedhaniitti, foddaafi karrawwan xiyyaarichaa adda addaa irraa aarriifi laboobaan ibiddaa mulataa ture.

Ibiddii kunis to'annoo jala oolfamuufi garuu balaliinsa kaan irratti rakkoo uumee akka ture ibsameera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Namoonni buufata xiyyaaraa keessa jiran tokko tokko viidiyoowwan imaltoonni yeroo xiyyaaricha gara qarqara baallee saatti baqatan aarri duumessa gurraacha uumuun qilleensa guutee ture agarsiisu maxxansaniiru.

Gareen hojjattoota lafarra turan ammoo yaabbannoo namoonni ittiin bu'an dhiyeessuuf yoo sardamanii gara baalleetti fiigan mul'atu.

Mootara mirgaa xiyyaarichaa jalaa laboobaan ibiddaa osoo mul'atuu imaltoonni karaa karra boodeettiin akka bahaniif sadarkaa soloolaataan diriirfameefii viidiyoorratti mul'ataa ture.

Taateen kunis kan mudate, dhiheenya kana Ameerikaa Kaabaatti taateewwan balaa aviyeeshiinii olaanoon walitti fufiinsaan erga mudataniiin booda yoo ta'u, kunis nageenya aviyeeshinii irratti yaaddoo uumeera.

Xiyyaarri imaltoota daandii qilleensa Ameerikaa tokko erga qilleensa Waashingitan irratti hilikoptara waraanaa Bilaak Haawuk waliin waliitti bu'uun balaa qaqabeen namootaa darbee ture.

Balaan magaalaa guddoo Ameerikaatti mudate kanaanis hanqina to'attoota tiraafikaa qilleensaa fi dhiibbaa hojiisaanii irratti gaaffii kaseera.

Bulchiinsi Pirezidantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp haaluma qaama tattaaffii baasii mootummaan qusachuutiin, hojjettoota yaalii dhabbata Aviyeeshiinii federaalaa (FAA) dhibbaan lakkaa'aman hojii irraa ari'eera.

Tarkaanfiin kunis kan fudhatame erga balaa xiyyaara lubbuu namoota galaafate DCtti mudatee torban muraasa booda ture.

Hojjettoonni dhaabbatichaa hojiirraa ari'aman kunneen keessattis makaanikoota suphaa, hojjettoota eegumsa naannoo fi gargaartota teeknikaa ni argamu.

Tiraamp abbaa qabeenyaa biliyeenarri teeknooloojii Eloon Maask waliin haaluma qaama tattaaffii Ministeera Gahumsa Mootummaa (Doge)tti baasii mootummaa hir'isuuf dhiibbaa taasifamu dursaa jiru.