Gujiitti hojiirraa dhorkamuun waldaalee albuudaa komii kaase

Magaalaa Shaakkisoo

Madda suuraa, Waajjira Komunikeeshinii Gujii/ Feesbuukii

Gujiitti hayyamni waldaalee albuuda oomishanii 49 haqamuun namoota kuma 49 ta'an hojii malee hambisuun komii kaase.

Xalayaan Abbaa Taayitaa Misooma Albuuda Oromiyaatiin Hagayya 16 bara 2017 ALI barreeffame waldaaleen oomisha albuuda irratti sadarkaa IMX fi SSS'tiin gurmaa'anii hojjechaa jiran hayyamnisaanii waan haqameef torban lama keessatti qabeenya isaanii fudhatanii akka bahan ajaja.

Abbaan taayitichaa xalayaan hayyama waldaalee haqu barreessuun dura yeroo lama koree waldaalee albuudaa waliin marii gaggeessuu himu hoggantoonni waldaalee maricharratti hirmatan. Murteen dhumarratti waldaalee hojii dhaabsise garuu fallaa marii duraanii ta'uus dubbatu.

Hoggantoonni waldaalee albuudaa BBC'n dubbise, waldaaleen albuuda oomishan hojiirraa dhorkamuun jireenya hojjetootaa fi miseensota isaanii irratti dhiibbaa akka uume yoo himatan, itti gaafatamaan misooma albuudaa aanichaa ammoo "karaa mootummaatiin deebii argata jedhanii mootummaa caqasaa jiru" jechuun komiin jedhame akka hin jirre dubbatu.

Waldaaleen oomisha albuudota Taantaalamii, Liitiyeemii fi albuuda biroo jedhamuun gurmaa'an kunneen qabiyyee albuuda lafa isaanii keessatti argamu irratti hundaa'uun albootuta akka Niteenii, Kuwaarz, Warqee, Beerlii fi Emeraald illee kan oomishan jiraachuu ibsu hoggantoonni waldaalee.

Lookoo Waajii, hogganaa waldaa albuuda 'Burqaa Eebbaa' jedhamuuti. Waldaan kun sadarkaa xiqqaa addaa [SSS] yoo ta'u miseensota 217 qaba. Isaan keessaa 37 dubartootadha.

Karaa seera qabeessaan albuudota oomishnee gabayaa giddugaleessaatiif akka dhiyeessinuuf mootummaan hayyama waggaa shanii nuu kennee jira. Hayyamichi duraan sadarkaa IXM'tiin bara 2011 nuu kennamee ture. Waggaa afur erga IMX'dhaan hojjennee duuba bara 2015 gara dhumaa gara SSS'tti guddanne. Waggaa shaniif nuu hayyamame keessaa waggaa lama hojjennee, waggaa sadiitu nu hafa" jechuun waa'ee waldaa albuuda isaanii ibsu.

Amma erga mootummaan xalayaadhaan akka hojii dhaaban ajajee as miseensonni waldichaa 217 fi hojjetoonni waldichaa hundi rakkoof saaxilamuu ibsu hogganaan waldichaa.

Jiruuf jireenyi ummata naannichaa bal'inaan oomisha albuudaatiin akka walqabatu kan kaasan namni kun, "lafti irra jiraannu kunis gammoojjiidha, qonnaaf hin ta'u.

Irra caalmaan ummata naannoo kanaa wantinni jiruu kiyya jedhee ittiin jiraatu hojii albuudaati. Kanaaf, erga hojiin albuudaa dhaabatee as ummanni ofirraa taa'aa jira" jechuun dubbatu.

'Waan qabdan guurradhaatii iddoo gad-lakkisaa'

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Xalaayaan Hagayya 16 bara 2017 ALI Biiroo Misooma Albuuda Oromiyaarraa barreeffame jedhame, "gaafa guyyaa 26/11/2017 ALI'tti waldaa keenya qaqqabe. Xalayichi walumaagalatti hojii akka dhaabnuufi hanga Hagayya 30/2017'tti waan qabdan guurradhaatii iddoo gadlakkisaa jedha" jechuun waa'ee xalayaa ittiin hojiirraa dhaabsifamanii ibsu.

"Waldaan keenya labsii, dambiif qajeelfama qaba. Waldaa labsiidhaan hundeeffamedha. Akkanumaan xalayaadhaan hojiirraa nu dhaabuun sirrii akka hin taanetti hubanne.

Yeroon hayyamaa nuu kenname jira. Waliigaltee mallatteessinee jirra. Waliigaltee sana yeroo mallatteessinutti, wantoonni akka hojiirraa dhaabannu nu taasisantu jira, seerota achi keessatti tumamanii jiran jechuudha.

Xalayaan nuu barraa'e ammoo seerota sanis hin tuqu.

Akkanumaan waa sadii tuqa: qisaasama albuudaa, hawaasni fayyadamee hin jiru, naannoorratti dhiibbaan geesifamee jira jedha" jechuun xalayichi hojiirraa dhorkamuu waldaasaaniitiif sababa gahaa akka hin keenye himatu Lookoon.

Xalayaan kun waldaa isaanii qofaaf otoo hin taane, waldaalee Gujii Sabbaa Boruutti albuuda gara garaa oomishan 49 irratti xalayaa walfakkaataan barraa'uu kan kaasan hogganaan waldichaa, "waldaan tokko waan kana raawwachuu danda'a. Waldaaleen 49 bakka tokkotti waan kana raawwachuu hin danda'an" jechuun falmu.

"Yakkoonni akkanaa kun osoo raawwatamaniiyyuu seerri ittiin nama gaafachiisu jira. Waldaaleen kunneenis bifa walfakkaatuun yakkoota akkanaa hin raawwatanu.

Kanaaf, xalayaan nutti barreeffame kun sirrii miti karaa jedhuun miseensota keenya waamnee irratti mari'anne" jechuun komiisaanii mootummaa dhiyeessuuf waliigaluu dubbatu.

"Mootummaan hayyama waggaa shanii waan nuu kenneef waggoota muraasa wastage [gataa] ofirraa fageessuu fi waggoota itti aanan ammoo baasii baasne akka deeffannuuf karoora baasnee hojjetaa [turre].

Yeroo nuti silaa galii galfachuuf qophaa'aa jirrutti hojii dhaabaa nuun jedhani. Qarshii baay'ee waan itti kasaarree jirruuf qaama gaafachuu qabnu ni gaafanna.

Qaamni gaafannu ammoo kallattiidhaan yoo deebii nuuf hin kennine, gara seeraatti deemnee wal himachuu dandeenya karaa jedhuun miseensi keenya kallattii kaa'atee jira" jechuun waan akka waldaa isaaniitti maari'atan ibsu hogganaan waldaa kanaa.

Otoo xalayaan hin barreeffamiiniif dura maarii mootummaa waliin taasisuu kan yaadachiisan Lookoon, "guyyaa tokko Shaashamanneetti waltajjii nu waamanii turan.

Hogganaan Abbaan Taayitaa Misooma Albuudaa, lafa albuudni Taantaalamii itti oomishamu waan ilaaleef akkaataa albuudni itti oomishamaa jiru bifa bittinnaa'aan waan ta'eef akkaataa itti walitti deebitanii hojjechuu dandeessan mootummaan qajeelfama haaraa baasaa jira. Kanaaf, sadarkaa IMX, sadarkaa SSS kanarraa walitti deebitanii aksiyoona tokko jalatti humna ijaarrattanii akka hojjettan kan jedhu nu mariisisanii turan" jechuun marii duraan mootummaa waliin taasisan ibsu namni kun.

Mariin hogganaa biirichaa waliin taasisan "yaanni kun akkamalee yaada gaariidha, kopha kophaa deemuurra walitti deebinee hojjechuun gaariidha. Gallee miseensa keenya waliin mari'annee wanni kun sirriidhamoo miti kan jedhu akka mana keenyaatti mari'annee deebii siniif laanna jennee sadarkaa kanatti haasofnee addaan galle" jechuun marii marsaa jalqabaa mootummaa waliin taasisan yaadachiisu.

"Marsaa lammaffaa ammoo Adoolaarratti nu waamanii qajeelfamni bahee jira. Waldaaleen akkaataa kanaan duraatiin itti hin fufani. Akkaataa kamiin itti fufu kan jedhu nuti kallattii isiniif kaaya waan jedhanu nutti himani.

Achiin [booda] akkas goona jedhanii wanni nutti himame tokkollee hin jiru" jechuun mariin mootummaa waliin taasisan otoo murtee wayiirra hin geenye xalayaan waldaalee isaanii hojiirraa dhorke isaan qaqqabuu dubbatu hogganaan waldaa kun.

"Waldaalee 49 kunneen keessaa waldaan miseensa 740 qabu jira, 600, 500… kan qabus jira. Akkaatuma ijaarsaaf bal'ina lafa qabaniitti miseensa baay'eetu jira. Miseensa kana duubammoo maatii baay'eetu jira" jechuun hojiirraa dhorkamuun waldaalee kanneenii hawaasarratti dhiibbaa bal'aa qabaachuu ibsu.

Jiraattota aanichaa qofarraa otoo hin taane "hawaasni naannawaa Oromiyaa hundarraa dhufuun, kan jireenyisaanii [oomisha] albuuda godhatan baay'eetu jiru, yeroo oomishni albuudaa dhaabatu beelaan du'uu kan danda'an nama baay'eetu jira" jechuun waldaalee hojiirraa dhorkamuun namoonni akka miidhaman yaaddoosaanii ibsu.

Mootummaan aangoo qajeelfamoota jijjiiruuf fooyyessuu qabaachuu kan himan Lookoon, "akka ilaalcha kiyyaatti akkaataan amma guutummaatti bahaa jedhanii hawaasa achi keessaa baasan kun sirrii miti" jechuun tarkaanfii mootummaa waldaalee irratti fudhate mormu.

Waldaaleen 49 aanaa Sabbaa Boruutti hojiirraa dhorkaman bal'inaan gosa albuuda Taantaalamii fi Liitiyeemii irratti gurmaa'uu kan himan hogganaan waldaa kun, warqee, Imaraald [dhagaa gatii jabeessa], sookoos dabalatee albudota gosa gara garaa irratti akka gurmaa'an ibsu. Akka waldaa isaaniittis albuudota gosa torba akka oomishaniif hayyamamuufi himu.

"Mootummaan albuuda kana ni barbaada taanaan, akkaataa ummanni itti hin miidhamneen, hin beelofneen hawaasa waliin mari'ataa yoo hin deemne hawaasni ni miidhama. Dhimmicharratti mootummaan hanga yoonaa hawaasa mari'achiisuu hin dandeenye" kan jedhan Lookoon, mootummaan akka isaan mariisisu gaafataniiru.

Hogganaa waldaa nageenya isaaniitiif maqaansaanii akka hin ibsamne gaafatan, waldaansaanii hojiirraa dhorkamuun jireenya miseensotaa fi hojjetoota waldichaa akka miidhe himu. Akka hogganaan waldichaa ibsanitti, waldaan isaanii ganna torbaa hojii oomisha albuudaarra ture, miseensota dhibba saddet ta'an qaba.

Xalayaan Abbaa Taayitaa Misooma Albuuda Oromiyaatiin Hagayya 16 [ALI] barreeffame , "[hayyamni] waldaa keessanii haqamuu beektanii haga Hagayya 30tti qabeenya achirraa qabdan fudhattanii lafa gadhiistanii akka baatan jedha. Baatanii xalayaa qulqullinaa akka fudhattan jedha" jechuun waa'ee xalayaa waldaasaaniif barreeffamee himu namni kun.

"Sababa tokkollee hin qabu" jechuun xalayichi sababa gahaa hojiirraa isaan dhorkisiisu akka hin qabne kan kaasan hogganaan waldichaa, "sadarkaa afaaniitti wanni haasa'amu dhaabbata biraatu lafichatti galee hojii albuudaa hojjeta waan jedhutu odeeffama" jechuun dubbatu.

Waldaaleen xalayaadhaan komii isaanii mootummaaf dhiyeessan jiraachuu kan himan hogganaan waldaa kun, "godina, aanaa gaafannee jirra; deebiin arganne hin jiru. Dursa xalayaan mootummaa, kallattiin mootummaan kaaye hojiirra ooluu qabdi jedhanii hamma ammaatti deebii nuu hin kennine" jechuun waan mootummaarraa arganne jedhan ibsu.

"Hagayya 30 irraa eegallee hojii dhaabneerra" kan jedhan namni kun, "hojii malee taa'aa jirra" jechuun komatu.

"Hojii dhaabuun nu miidhee jira. Guyyuun namni hojjetee kan jiraatu albuuda kanaani. Ummanni naannoo sanii horsiisee bulaa jedhama malee horiis hin qabu. Qonnaan bulaas miti fichaa [oyruu] hin qabu. Hireen ummata naannoo sanii albuuda kan giddugaleeffatedha. Namni tokkichi maatii kudhan, kudha shan kan bulchu jira. Maatiin kun ammoo kan jiraatuun, kan baratuun albuuda kana bu'uureffateetu. Miidhaa gugurdaatu jira; ummanni beela'aa jira. Waliigalaan rakkoo keessa jirra" jechuun rakkoo hawaas-dinagdee waldaaleen hojiirraa dhorkamuun isaanirra gahe ibsu namni kun.

"Waldaan mari'achaa jira. Kan nu gurmeesses, dhaabaas nuun jedhe mootummaadha [waan ta'eef] gaafii keenya karaa seera qabeessaan walitti gurmoofnee mootummaa gaafanna jennee qophaa'aa jirra. Dhuunfaa dhuunfaadhaanis kan gaafate jira" jechuun himu.

"Rifoormii addaatu albuudarratti hojjetama" jechuun mootummaan koree waldaalee waliin magaalaa Shaashamannee fi Adoolaatti mari'achuu kan yaadachiisan hogganaan waldaa kun, "IMX fi waldaaleen jiru bakka tokkotti deebi'ee karaa qulqullina qabuun dhaabbata O mining kan karaa mootummaatiin qophaa'e jira. Albuuda iddoo sanirraa bahu dhaabbata kana waliin akka hojjetanu kallattiin kaa'amee ture. Yeroodhaaf warra kana waliin hojjettu. Gara fuulduraa rifoormichi erga hojjetameen duubatti IMX'n kun walitti dacha'ee dhaabbata guddaa tokko uumee kampaanii humna guddaa qabu waliin akka hojjetu koree waldaa mariisisani. Kan Kan raawwii irratti argame faallaa kanaati. Xalayichi lafarraa ka'aa jedha" jechuun mariin mootummaan dursee koree waldaalee taasiseef, tarkaanfiin waldaalee hojiirraa dhaabsisuu waliif faallaa ta'uu ibsu.

Hogganaan waldaa miseensa 800 qabuu kun murteen waldaalee albuuda oomishan hojiirraa dhorkuun jireenya hawaasa bal'aa miidhuu kaasuun mootummaan murtee dabarse irradeebi'ee ilaalee furmaata akka kennuuf gaafataniiru.

Xalayaan Abbaa Taayiyaa Misooma Albuuda Oromiyaatiin ALI Hagayya 16 mata duree 'hayyama hojii oomisha albuuda Taantaalamii, Liitiyeemii fi albuudota biroo haquu ilaala" jedhuun barreeffame keessatti, "qorannoo fi gamaggama geggeeffameen, haalli waldaan keessan albuuda tarsiimawaa ta'e itti oomishaa jiru qisaasama albuudaa karaa hordofsiisuun, akkasumas hawaasaa fi naannoo irra dhiibbaa geesisaa kan jiru ta'uu waan hubatameef… karaa bu'a qabeessummaan isaa mirkanaa'een misoomsuuf karoora invastimatii tarsiimawaa qopheessuun barbaachisaadha" jechuun ibsa.

"Rifoormii damee albuudaa keessatti hojjetamaa jiruun, oomisha albuudaa naannoo Qanxichaa aanaa Sabbaa Boruu keessatti geggeeffamaa jiran hunda haquun, karoora invastimantii qopheessuun barbaachisaa akka ta'e waliigalamee jira" jechuun marii kanaan dura Abbaan taayitichaa hoggantoota godinaa, aanaa fi waldaalee hojii albuudaa waliin Waxabajjii 6-7 Adoolaa Woyyuutti taasise jedhe ibsa xalayichi.

'Mootummaan waldaaleen akka [hojii] dhaaban ajaajeera- Aanga'aa Aanaa Sabbaa Boruu

Ittigaafatamaa waajira bishaanii fi albuudaa aanaa Sabbaa Boruu, Gololchaa Haroo "mootummaan waldaaleen akka [hojii] dhaaban ajaajeera. Waldaaleen illee dhaabanii jirani. Deebii fi karoora itti aanuu taa'anii eeggachaa jiran" jechuun waldaaleen aanichatti albuuda oomishaa turan hojiirra dhaabsifamuu mirkaneessaniiru.

"Waldaaleen hojii dhaabsifaman bifa dhiibbaa qabuun otoo hin taane" waan ummataaf biyya fayyadu ta'uu kan ibsan obbo Gololchaan, "waldaalee kan hundeessu, kan haaromsu, kan haqullee mootummaadha. Kun aangoo heerri biyyaallee mootummaaf kenne. Mootumman isarra dhaabatee waldaaleen waan bulchuuf yeroo adda addaatti wanni seerotaaf bulchiinsaa jijjiiramuu danda'a. Waldaaleen naannoo kana jiran baay'inaan bifa aadaatiin, bifa albuudni kun biyyaafillee bu'aa buusuu hin dandeenyeeni… Mootummaan gatii albuuda kanaa karaa dabalee fi biyyaaf ummatallee fayyaduun waan yaade qabaachuu danda'a. Ammatti wanti komii addaa uumee mootummaaf ummata irratti dhiibbaa fidee jirullee hin jirtu" jechuun ibsu aanga'aan aanichaa.

"Waldaalee keessa ummatuma naannootu hojjeta. Ummata akkas beela'aaf rakkataa miti. Akkuma ummata kamii jireenya ofii geggeeffatuu danda'a. Jireenya baay'ee beeka. Horii horsiifatee, lafa qotatee [jireenyasaa] geggeeffata. Albuuda jireenyuma dabalataatiif hojjetata; bu'aaf galii ummataa inuma ta'a malee akka arge sodaan addaa hin jiru" jechuun dubbatu aanga'aan kun.

Waldaaleen erga hojiirraa dhaabsifamanii deebii mootummaa eeggachaa jiru kan jedhan itti gaafatamaan misooma albuuda aanichaa, ummanni "amma rakkannee, beelofne jedhee" ummata gaafatu akka hin taane ibsu. "Ummati kaayoon bula. Karaa mootummaatiin deebii argata jedhee mootummaa caqasaa jira" jechuun komii waldaaleen hojiirraa dhaabsifamuu isaaniitiin himatan akka hin jirre himu, itti gaafatamaan kun.

Dhimma kanarratti, ammatti wanni ifoome akka hin jirree fi mootummaan fuulduratti kan beeksisu ta'uu kan himan itti gaafatamaan misooma albuuda aanichaa dhiyeenya gara waajirichaatti dhufuu dubbatan kun, "ammatti sana ta'u kana ta'u jedhee qaamni hundi waan irratti mari'ataa jiru miti" jedhu.

Tarkaanfiin waldaalee hojii dhaabsise hawaasa miidhuuf akka hin taane ibsuun ammatti wanti ifoome akka hin jirree fi karoora mootummaan gara fuulduraatti ifoomsu eeggataa jiraachuu BBC'tti himaniiru.

Dhiyeenya gara itti gaafatamummaa kanaatti dhufuu kan dubbatan aanga'aan aanichaa, dhimmicha bal'inaan akka keessa hin beeknes himu. Dhimmicharratti yaalii BBC'n odeeffannoo dabalataa misooma albuuda Godina Gujii fi biiroo misooma albuuda Oromiyaarraa argachuuf taasise hin milkoofne.