Mariin nagaa icciitiin WBO fi mootummaa gidduutti jalqabeeraa?

Madda suuraa, Miiidyaa hawwaasaa
Tibbana mariin nagaa mootummaa Itoophiyaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo gidduutti ''icciitiin'' gaggeeffamuu jalqabeera odeeffannoon jedhu miidiyaalee hawaasummaa irratti qoodamaa ture.
Waraanni Bilisummaa Oromoo mariin nagaa ''icciitiin mootummaa waliin gaggeeffamaa jira jedhame soba'' jechuun ibsa baaseera.
Mootummaan Itoophiyaa ifatti WBO waliin marii nagaa gaggeessaa jirra jedhee hin dubbanne.
Garuu ''obboloota gidduutti sagalee qawwee callisiisuu'' sagantaa jedhu akka jiru miidiyaa hawaasummaa irrattis dubbii ijoo tahee ture.
WBO, Ibsa Sadaasa 7 bara 2025 baaseen ''tibbana mootummaan Itoophiyaa odeeffannoon sobaa WBO icciitiidhaan marii nagaa mootummaa waliin gaggeessaa jira jedhu tamsaasaa ture.
''Kun piropaagaandaa gadi aanaa kaadiroonni mootummaa sadarkaa gadii 'obboloota gidduutti sagalee rasaasaa akka hin dhagahamne gochuu' jedhu odeessaa turaniiti aanee kan dhufedha'' jedhe.
WBO odeeffannoon akka kanaa dhufuu akka malu ji'a Eeblaa darbe keessas akeekkachiisnee turre jedhe.
''Mootummaan Abiy Ahimed fudhatama uummataa fi paartilee mormituu argachuuf jecha yaalii taasisaa jirudha,'' jechuun odeeffannichi soba tahuu ibsan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Itti dabaluun odeeffannoon akka kanaa haaraas kan akka tasaa tahes miti jedhe.
''Muuxannoo qabnurraa yoo ilaalle nama gowwoomsaa fi jeequmsa kaasuun tooftaa bulchiinsa isaa tahe waliin nagaa waaraa fiduun hin danda'amu'' jechuun himatu.
WBO ibsa isaa kana keessatti ''WBO, gaggeesitoota paartii mormituu beekamoo fi namoota siyaasaa Paartii Badhaadhinaa keessaa dammaqoo tahan tokkoomsuun ''humni siyaasaa jabaa tahe Oromiyaa fi isaan alattis darbu dhufaa jira,'' jedhe.
Ibsa kana keessatti bal'ina isaa hin ibsine. Gaggeesitoota paartilee siyaasaa kamii akka tahanis ibsa kana keessatti hin eeramne.
Itti dabaluun hawwaasni Iidil-addunyaa callisee ilaaluu hin qabu kan jedhe WBO, ''waraanni daangaa Itoophiyaa irra cehu gaggeeffamuuf jedha'' jechuun sodaa qabu ibse.
Itoophiyaa fi Ertiraa gidduu dhimma hulaa galaanaan wal qabatee muddamni ture dabaleera.
Akkasumas mootummaa fi TPLF wal himachuu itti fufaniiru. Mootummaan Affaar humnoonni TPLF daangaakoo seenuun haleellaa raawwataniiru jechuun himataniiru.
Bulchiinsi Yeroofii naannoo Tigiraay himata kana haala. Garuu mootummaan waliigaltee Piriitooriyaa kabajaa hin jiru jechuun himata.
Kana malees ji'a darbe keessa Arsii keessatti haleellaa dhaqabeen lubbuun namootaa darbuu gabaafameera.
Manni Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa kunneen hordoftoota ishee ta'uufi, sababa amantaa isaaniin irratti xiyyeeffatame jettee akka amantu beeksisteetti.
Haleellaa kana hidhattootatu dhaqqabsiise jedhamuus eenyummaan isaanii hin ibsamne.
WBO ibsa isaa keessatti ajjeechaa kanaaf mootummaatti quba qabe. ''Karaa bakka bu'oota isaa'' ajjeechaa kana raawwate jechuun ofii akka hin raawwanne ibse.
Bulchaan godinichaa BBC'n dubbisuuf yaale garuu odeeffannoo bal'aa osoo hin kenniin ajjeechaan jedhame ''soba'' jechuun darban.
Rakkoon nageenyaa Oromiyaa keessaa waggoota shanii oliif sadarkaa yaaddessaa keessa galeera.
WBO duraan irra caalaan isaanii Lixaa fi Kibba Oromiyaa keessa turan gara godinaalee gidduugaleessaa fi Bahaattis babal'ataa jiraachuu himame.
Uummanni oomishatee jiraachuuf iddoo adda addaatti rakkoo nageenyaa hamaaf saaxilameera.
Mootummaa fi WBO kana dura marsaa lamaan marii nagaa Taanzaaniyaatti erga gaggeessanii osoo walii hin galiin adda bahanii walitti hin deebine.
Qaamoleen isaan walitti fidan akka Ameerikaa, Noorweyii fi kaan garuu qofaa qofaatti akkuma duraanii isaan qunnamaa turuu BBC'n odeeffateera.
Kun garuu akka marii nagaa gaggeessuuf marsaa sadaffaaf haala mijeessuutti osoo hin taane akkuma qaama dippilomaasii baramee fi wal hubannootti kan ilaalamu akka tahe gorsaan ajajaa olaanaa ABO-WBO, Obbo Jireenyaa Guddataa himaniiru.















