Waa'ee haleellaa humnoonni Tigraay Affaaritti raawwachuun himatamanii maal beekna?

Madda suuraa, WOW
Gareen humnoota TPLF irraa tahe daangaa Affaar galuun haleellaa raawwachuu Biiroon Komunikeeshinii naannoo Affaar beeksise.
Biirichi ibsa Roobii kaleessa galgala baaseen ''Guujillee ykn gareen balleessaa isaa irraa hin baranne gareen TPLF har'a daangaa naannoo Affaar humnaan seenuun namoota nagaa irratti haleellaa meeshaa waraanaa jabaa akka Moortarii fi Zu-23 jedhamuun raawwateera'' jedhe.
Ibsi kun gareen TPLF ''akkuma barame moortarii fi Zu-23 fayyadamun namoota nagaa dhukaasaan tumuun akkuma barame uummata shororkeesseera'' jedhe.
Dhimma kanarratti kan gaafataman itti-gaafatamaa biiroo nagaafi tasgabbii naannoo Tigraay Birgaadar Jeneraal Takilaay Kidaaneetiif himannaa Naannoo Affaan waakkataniiru.
"Bakki Affaar seennee to'anne tokkollee hin jiru" jechuun BBC'f deebisan.
Gabaasni haleellaan kaaba Itoophiyaa ka'e jedhu, walitti bu'iinsatti ce'uu mala jedhamee sodaatameeraa.
Maaltu ta'e?
Guyyaa kaleessaa Sadaasa 5 bara 2025, halkan keessaa gara sa'a tokkoo keessa haleellaan kun raawwachuu ibse Biiroon Komunikeeshinii naannichaa.
''Gareen Dulloomaa TPLF daangaa cabsanii darbuun, Naannoo Affaar Godina 2 kan jedhamuu keessatti aanaa Magaallee ganda Tonsaa fi Milkii keessatti horsiisee bultoota nagaa Affaar irratti meeshaa waraanaa gurguddaa fayyadamuun dhukaasa bananiiru'' jedhe.
Gareen TPLF daangaa darbee namoota nagaa irratti dhukaasa banuu isaan waliigaltee Piriitooriyaas ifatti diigeera jedhe ibsi kun.
Gareen TPLF dubbii barbaadu kun yeroo daangaa seenan jaarroleen Affaar nagaa barbaadan adaraa deebi'aa jedhanii kadhatanis didanii darbuun haleellicha raawataniiru jedhe.
Mootummaan naannoo Affaar gareen TPLF haleellaa raawwate gochaa isaa kana irraa hin deebi'u taanaan tarkaanfii akka fudhatu akeekkachiise.
''Gareen gochaa isaa kaleessaa irraa hin baranne kun gocha isaa kana irraa of hin qusatu taanaan mootummaan naannoo Affaar nageenya uummata isaa eeguu fi daangaa isaa humna naannicha alaa galu kamirraayyuu tiksuuf tarkaanfii kan fudhatu taha'' jedhe.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Garuu haleellaan kun kan dhagahame waggaa shanaffaa 'humni TPLF Iizii Kaabaa humna waraanaa Itoophiyaa irratti banerrattidha'.
Kana ilaalchisee Itaamaajooriin Waraana Itoophiyaa Fiildi Maarshaal Biraanuu Juulaa yaadannoo waggaa shanaffaa isaa irratti ''nu ganan, humna waraanaa daangaa Tigiraay kabachiisuuf, uummata Tigiraay tiksuuf waggaa hedduu achi ture, misooma hojjechaafii ture duubaan waraanan. Ni ganan. Waan akkasii seenaa Itoophiyaa keessatti tahee hin beeku,'' jedhan.
Naannoo Tigiraay keessas wal qoqqoodaan siyaasaa fi humnoota hidhatan gidduu jiru akka malee babal'ataa dhufeera.
Humni hidhate humnoota TPLF irraa adda bahe naannoo daangaa Affaariifi Tigiraay buufachuun qabsoo hidhannoo gaggeessa jedhee socho'aa jira.
Qaamni kun 'Humna nagaa Tigiraay' jechuun kan of waamu yoo tahu, "Lafa BilisaaTigiraay" jedhu buufatee bulchiinsa TPLF morma.
Pirezidaantiin Yeroofii Naannoo Tigiraay, Letinaant Jeneraal Taaddasaa warradaa ji'a darbe keessa ''Lafti Bilisaa Tigiraay keessa miti, naannoo Affaar keessatti argama'' jechuun yaada hoggantoota TPLF faalleessu dubbataniiru.
Let. Jeneraal Taaddasaan wal dhabdeen garee hidhatee Affaar jiru waliin jiru karaa nagaa furamuu qaba jedhan.
Garuu ''tuttuqaan naannoo Affaar irraa dhufu akka waan mootummaa naannichaa ykn federaalaa irraa taheetti ilaalama. Akka waan Tegaaruu irraa taheetti ilaalamuu hin qabu'' jedhe.
Let. Jeneraal Taaddasaan ''gareen hidhatee naannoo Affaar keessa socho'u kamuu meeshaa isaanii hiikkachuu qabu'' jedhan.
''Rakkoon naannoo Tigiraay keessaa uummata Tigiraayiin, Tigiraay keessatti furamuu qaba'' jedhan.
Dabalataan Ministirri Gorsaa Dhimmoota Baha Afrikaa tahuun kan hojjetaa jiran Obbo Getaachoo Raddaas paartii haaraa Simiret jedhamu hundeessaniiru.
Wal dhabdee fi wal qoqqooddaan naanichaa gama paartilee siyaasaan qofa osoo hin taane gama qaama hidhateenis bal'ataa dhufeera.
Mootummaan Itoophiyaa gageessitoota TPLF mootummaa Ertiraa waliin hojjetu jechuun himata.
Mootummaan Ertiraa hidhattoota Itoophiyaa keessaa fayyadamuun biyyicha keessa nagaan akak hin jiraanne taasisee jira jechuun himateera.
TPLF mootummaan Waliigaltee Piriitooriyaa kabajaa hin jiru jechuun komata. Mootummaan Itoophiyaa ammoo waliigalticha cabsaa kan jiru TPLF tahuu hima.
Dabalataan, humni biraa hidhate naannoo Affaar keessa buufachuun mootummaa Eertiraa mormus jira.
Geetaachoo Raddaa maal jedhe?
''Gareen TPLF ajandaa Shaabiyaa hojiirra oolchuun, mootummaa federaalaa walitti bu'iinsa keessa galchuuf gama Affaarin qoccolloo raawwachaa jiru'' gocha isaa dhaabuu qaba jedhe Gorsaan Ministira Muummee Dhimma Baha Afrikaa Obboo Geetaachoo Raddaa.
Obboo Geetaachoo Raddaa, "Hoggantoonni waraana Tigraay Fissaa Manjus fi Yohaannis Medid jedhaman hojii walitti bu'iinsa kaasu jalqabdan dhaabaa" jechuun akeekkachiisaniiru.
Obbo Getaachoon gareen hoggansa TPLF kan isaan "garee boodatti hafoo" jechuun waaman, waliigaltee Piriitooriyaa diiguuf tuttuqqaa hedduu raawwachaa jira jedhan.
Garuu mootummaan federaalaa deebii kennuu irraa of qusateera jedhan.
Garichi mootummaa federaalaa walitti bu'iinsa keessa galchuuf gama Affaariin rakkoo uumaa jira, kunis ajandaa ajajaa isaanii Shaabiyaa hojiirra oolchuuf kan raawwatamaa jiru jechuun ibsan.
Eertiraan garuu Itoophiyaan rakkoo qaxanaa Gaanfa Afrikaa keessatti uumaa jirtu balleeffachuuf jecha quba natti qabdi jechuun himata irratti ka'aa ture kana duras kuffiisteetti.
Obbo Geetaachoon ofiiisaaniis yeroo wraana Tigiraay waggoota lamaa oliif gaggeeffamaa ture sana hoggantoota TPLF amma qeeqanii fi boodatti hafoo jedhan waliin waraanicha gaggeessaa turan.
"Waraana kakaastee gidiraa fi ajjeechaa ummata ofii irratti affeeruun gantummaadha," kan jedhan obbo Geetaachoon, Humna Ittisa Tigraay (TDF) fi Humni Nagaa Tigraay (TPF) Tigraay fi Affaar keessa jiran fedhii Shaabiiyaa galmaan gahuuf wal-dhabdee keessa seenuu hin qabani," jedhan.
Gareen Affaar keessa maandheffate humna TPLF irraa citee bahe yoo tahu, gaggeessitoota TPLF morma.
Obbo Getaachoon kana haa jedhan malee qaamoleen lameenuu ergama Shaabiyaa ykn hariiroo isaan waliin qabaachuu ibsanii hin beekan.
"Namni waa'ee Tigiraayiif yaadu fi dhimmamu waliigaltee Piriitooriyaa waggaa sadiif deemu eessaa gahe? jedhee gaaffachuu qofatu gargaara," jedhan obbo Geetaachoo Raddaa.

Madda suuraa, Getty Images
Deebii Naannoo Tigraay
Himannaa Naannoo Affaar irraa dhagahame qondaalli Naannoo Tigraay himataniiru.
Itti-gaafatamaa biiroo nagaafi tasgabbii naannoo Tigraay Birgaadar Jeneraal Takilaay,
"Nuti walitti bu'insa banne akkasii hin qabnu, qophii akkasiis hin qanu," jechuun himan.
Inumaayyuu "humnoonni Affaar" fi "humnoonni Lafa Bilisaa Tigiraay" irra deddeebiin nu tuttuqaa jiru jechuun himatan.
Haa ta'u malee, bulchaan aanaa gama Affaar humnoonni Tigraay itti dhukaasan jedhaman garuu 15km daangaa Affaar keessa seenuu himan.
Naannoo Affaaritti buchaan aanaa Magaalee Abduu Sheek Beraah BBC'tti yoo dubbatan akkana jedhan.
''Sa'aatii 12 irraa kaasanii meeshaalee waraanaa gurguddoo ummatatti darbachuu jalqaban.
''Humna guddaa waan qabuuf moortaariifi Zu-23 fakkaata. Ummannis sagalee dhukaasaa kanaan rifatee bakka sanaa baqateera, garuu citanii kan hafan jiru," jechuun himan.
Humnooonni isin jettan kun hangam guddaadha ykn baayyinni isaanii hangam ta'a? jedhamanii kan gaafataman bulchaan aanaa Magaallee kun akkana jedhan.
"Akkaan baayyeedha. Lakkoofsaan kana jedhamee ibsamuu baatus bakka sana dhuunfatanii jiru. Gandi sun baayyee bal'aadha, gandoota baayyee qaba.
''Gandoota ja'a kan ta'an qabataniiru. Naannoo Affaar keessa kiiloomeetira 15 ol cabsanii seenaniiru. Gandoota baayyeetu qabame," jedhan.
"Ammallee yaaddoon jira. Fuula duraan kan isaan lolu waan hin jirreef malee waan dhaabbatu miti,'' jechuun yaaddoo himatani.
Yoo humni dabalataa bakka sanatti bobba'e yoo jiraate kan gaafataman qondaalli kuni, akka hin jirre himan.
"Lakki, milishaafi ummata bakka sana jirurraa kan hafe nuti humna gara sanatti butne hin qabnu.
''Ummata baasuurratti hojjetamaa jira malee hanga ammaatti humni gama naannootiinis ta'e federaalaatiin garas geeffame hin jiru.
''Waan ta'e garuu ibsineerra. Waraanni akka hin jalqabamneef jedhameeti natti fakkaata hanga ammaatti humni gara sanatti bobbaafame hin jiru,'' jedhan.












