TPLF mootummaan federaalaa humnoota Tigraay dirooniin haleeluu himate

Dura Taa'aa TPLF Dr Dabratsiyoon G/Mikaa'el

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, TPLF mootummaan federaalaa waliigaltee Piritooriyaa cabse jechuun himate

Mootumman waliigaltee Piritooriyaa cabsuun miseensota humnoota Tigraay irratti haleellaa diroonii raawwate jechuun Addi Bilisa Baasaa Ummata Tigraay (TPLF) himate.

TPLF ibsa baaseen ALI Jimaata Onkololeessa 28, 2018 bakkee naannoon Tigraay Naannoo Affaar daangessutti haleellaa raawwate jedheen miseensota humnoota Tigraayiifi jiraattota irratti miidhaan dhaqqabuu hime.

Dhimma kanarratti gama mootummaa federaalaa Itoophiyaa wanti jedhame hin jiru.

BBC'nis addatti waan mirkaneeffate hin qabu.

BBC'n dubbii himaa mootummaa Itoophiyaa akkasumas kan raayyaa ittisa biyyaarraa odeeffachuuf yaaliin taasise hin milkoofne.

Dubbiin kuni yeroo humnoonni Tigraay gara Naannoo ollaa Affaaritti ce'uun haleellaa raawwatan jechuun himannaan irratti dhihaate dhagahame.

Wal himannaan gama Kaaba biyyattiitti dhagahamaa jiru walitti bu'iinsatti akka hin ceenes sodaatameera.

Himannaa haleellaa diroonii raawwatuu BBC'n qondaala olaanaa nageenyaa Tigraay irraas odeeffatee ture.

Qondaalli kuni akka jedhanitti, haleellaan kuni buufata waraanaa bakkee daangaa Naannoo Tigraayiifi Affaaritti dhihoo jirutti raawwatame.

Torban kana Naannoon Affaar ibsa baaseen humnoonni Tigraay daangaa ce'uun haleellaa raawwachuufi miidhaas geessisuu himateera.

Naaannoon Affaar ibsa baase keessatti bakkeewwan humnoonni Tigraay to'atan jedhe eereera, lammiileen qe'eerraa buqqa'us ibse.

Dhimma kanaaf deebii kan kenne Naannoon Tigraay waakkateera.

Maaltu ta'e? TPLF maal jedhe?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Akka qondaalli nageenyaa Tigraay BBC'n dubbiseefi maqaa isaanii dhokfachuu fedhan jedhanitti, haleellaan diroonii raawwate jedhan namaafi qabeenyarra miidhaa xiqqoo qofa geessise.

Bakki haleellaa raawwate jedhame kuni Milkaa akka jedhamuu, daangaa Affaaritti dhihoo ta'eefi haleellaan kunis ''buufata waraanaa'' irratti kan qiyyaafate akka ta'e himani.

Qondaalli kuni mootummaan federaalaa haleellaa raawwachuun Waliigaltee Piritoriyaa cabse jechuun himatan.

Bakki haleellaan diroonii raawwatame jedhame kuni bakkee dhihoo Naannoon Affaar haleellaan nurratti raawwate jedhanitti akka dhihaatu BBC'n odeeffateera.

Gama kaaniin TPLF ibsa isaa keessatti bakka haleellaan raawwate maqaan hin dhoofne.

Ta'us, hawaasi idil-addunyaa walitti bu'iinsi haaraa akka hin kaane gahee ofii akka gumaatu waamicha dhiheesse.

TPLF Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii (UN) fi Gamtaan Afrikaa mootummaan Itoophiyaa ''jibbinsa dhiisuun Waliigaltee Piritooriyaa akka kabaju'' dhiibbaa akka irratti godhan waamicha taasiseera.

Xalayaa Barreessaa Olaanaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN) Antooniyoo Gutareez TPLF barreesseen, mootummaan federaalaa gartuu hidhatee Affaaar keessa sosso'u deeggaraa jira jechuun himateera.

Gabaasni haleellaa humnoota mootummaafi humnoota Tigraay gidduu gabaafame erga waraanni lubbuu lammiilee hedduu galaafate booda yeroo jalqabaafi.

Waraanni Kaaba Itoophiyaa waggaa lamaaf Tigraayitti eegalee, boodas gara Affaariifi Amaaraatti ce'e Waliigaltee Piritooriyaan nagaan bu'eera.

Haa ta'u malee, mootummaan Itoophiyaafi TPLF tokko isa kaaniin waliigaltee cabseera jechuun wal himataa turani.

Osoo kuni kanaan jiruuti walitti bu'iinsiifi haleellaan kan dhagahame.

Tibbana Ajajaan Olaanaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa, TPLF qoccollaa taasisee ture waraana eegaluuf gahaa ture, garuu nagaaf dursa kennine jedhan.

Haa ta'u malee, hunduu daangaa qaba jechuun ''qofaa keenya waraana hambisuu hin dandeenyu,'' jechuun akeekkachiisani.

Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa yaadannoo haleellaa Ajaja Kaabaa waraana Itoophiyaa waggaa shanaffaa sababeeffachuun ergaa dhaamaniin kana jedhan.

Dubbiin Fiild Maarshaal kuni yeroo Kaaba Itoophiyaatti muddamni hammaatetti dhagahame.

Mootummaan Itoophiyaafi TPLF tokko isa kaaniin waraanaaf qophaa'aa jiru jechuun wal himachuu itti fufaniiru.

'Federaala waliin hojjechuuf qophiidha'

Torban dura gartuuwwan humnooti ''Haaraa Mareet'' jechuun sosso'an Magaaleefi Tonsaarraa ka'an bakkeewwan ''Dederban, Tsahaafti fi Gerbaagew'' jedhamanitti ''jeequmsa'' uumuuf yaaluu ibse.

Haa ta'u malee, ''keessoon mariin hiikuuf''' jecha dhimma kana ummataaf ifa gochuurra of qusachuu dubbata ibsi bahe.

Waraana Itoophiyaa

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Erga Waliigaltee Piritooriyaatii naannoon Affaariifi Tigraay walitti bu'iinsa eeruun yeroo wal himatan kuni kan duraati

Haa ta'u malee, Naannoon Affaar ibsa baasen humnoonni Tigraay nutti ce'anii haleellaa raawwatuu jedhu eeruun kuni ''bu'uura homaatuu hin qabu'' jedhe.

''Gama kamiinuu, daangaan Affaar-Tigraay cabe hin jiru,'' jedha ibsi bahe.

Naannoon Tigraay ibsa baasen ''yaalii keessoos ta'e alaa kamuu haala rakkisaa jiru fayyadamuun Tigraay jeequuf, lola kaasuuf ykn naannicha adda waraanaatti jijjiiruuf yaalii taasifamu kamuu cimsee akeekkachiisa,'' jedheera.

Naannichi ibsa isaa keessatti, ''rakkoon Tigraay qunname Tigraayiifi dhalattoota Tigraayiin furamuu qaba,'' jedhee akka amanu ibse.

Mootummaa federaalaa waliin hariiroo cimsuufi waliigalteen Piritooriyaa ''osoo hin turiin'' akka hojiirra oolu gochuuf qophii ta'u ibsaniiru.

'15km daangaa keessa seenaniiru'

Naannoon Affaar gareen humnoota TPLF irraa tahe daangaa Affaar seenuun meeshaalee gurguddaan haleellaa raawwachuu himateera.

Naannoo Affaaritti bulchaan aanaa Magaalee Abduu Sheek Beraah BBC'tti yoo dubbatan akkana jedhan.

''Sa'aatii 12 irraa kaasanii meeshaalee waraanaa gurguddoo ummatatti darbachuu jalqaban.

''Humna guddaa waan qabuuf moortaariifi Zu-23 fakkaata. Ummannis sagalee dhukaasaa kanaan rifatee bakka sanaa baqateera, garuu citanii kan hafan jiru," jechuun himan.

Humnooonni isin jettan kun hangam guddaadha ykn baayyinni isaanii hangam ta'a? jedhamanii kan gaafataman bulchaan aanaa Magaallee kun akkana jedhan.

"Akkaan baayyeedha. Lakkoofsaan kana jedhamee ibsamuu baatus bakka sana dhuunfatanii jiru. Gandi sun baayyee bal'aadha, gandoota baayyee qaba.

''Gandoota ja'a kan ta'an qabataniiru. Naannoo Affaar keessa kiiloomeetira 15 ol cabsanii seenaniiru. Gandoota baayyeetu qabame," jedhan.

"Ammallee yaaddoon jira. Fuula duraan kan isaan lolu waan hin jirreef malee waan dhaabbatu miti,'' jechuun yaaddoo himatani.

Yoo humni dabalataa bakka sanatti bobba'e yoo jiraate kan gaafataman qondaalli kuni, akka hin jirre himan.

"Lakki, milishaafi ummata bakka sana jirurraa kan hafe nuti humna gara sanatti butne hin qabnu.

''Ummata baasuurratti hojjetamaa jira malee hanga ammaatti humni gama naannootiinis ta'e federaalaatiin garas geeffame hin jiru.

''Waan ta'e garuu ibsineerra. Waraanni akka hin jalqabamneef jedhameeti natti fakkaata hanga ammaatti humni gara sanatti bobbaafame hin jiru,'' jedhan.

Humni Tigiraay 'TPF' eenyu?

Kana dura TPLF mootummaan federaalaa marii siyaasaa gaggeessuun rakkoowwan jiran furuurra ''Affaariifi gama Lixa Tigraay hidhattoota leenjisuufi deeggaruun,'' himateera.

Humnoota Tigraay keessaa bahanii waraana ofii ijaaraa kan jiran Birgaader Janaraal G/Igzaaber Bayyanaa (Waddi Anxiruu) garuu ''waan haaraa uumuuf'' gara gammoojjii seenuu BBC'tti himanii turan.

Janaraalichi BBC Afaan Tigriffaa waliin turtii taasisaniin waan haaraa jedhan yeroo ibsan ''humna paartiirraa [TPLF] adda ta'e uumuuf,'' socho'aa akka jiran dubbatani.

TPLF kuffisuuf yaada akka qaban kan dubbatan janaraalichi ''Paartiis ta'e mootummaa waraanaa hundeessinu hin qabnu,'' jedhaniiru.

Naannolee Affaariifi Tigraay keessatti waraana kutaa waraanaa afur qabu hundeessuu isaaniis himan.

Dhaabi TPLF hidhattooti kuni mootummaa federaalaan akka tumsa argatan himatus, janaraalli hidhattoota kana hoogganan garuu ni waakkatu.

Teessoon isaanii Affaar fi Tigraay ta'uu kan ibsan Jeneraal G/Igzaaber ''gara Affaar gadi buunee akka ijaaramnuuf sababi ijoon Affaar fi Tigraay maatii tokko waan ta'aniif,'' jedhan.

''Nu dhibee ture. Qaamoleen naannawa kana jirru haa gurmoofnu moo bakka tokkotti wal haa geenyu jennee wal gaafanne. Wal haa geenyu jedhan. Kun bar waan guddaa miti. Qarqara Tigraay jirra. Eeyyama gaafachuun nurra hin jiru.''

Adda waraanaa afur irraa loltoota qabaachuu kan ibsan Jeneraal G/Igzaaber ''humni keenya guddaan Tigraay keessatti argama,'' jedhan.

Hariiroo mootummaa federaalaa waliin qaban gaafatamanii ''akka as jirru ni beeku,'' jechuun deebisan. Deeggarsi argatan tokkollee akka hin jirre garuu cimsanii dubbatan.