Shororkeessitootni Hamaas hedduun qawwee hiikkachuun harka kennachaa jiru'- Beenayim Neetanyaahuu

MM Beenaayim Neetanyaahuu kaabinoota isaaniif haala waraanaa Gaazaa fi michoota isaanii idl-adunyaa irratti ibsa kennan

Madda suuraa, Rooyitarsi

Israa'el Gaazaa akka malee haleelaa jiraachuun waliigaltee dhukaasa dhaabuu haaraa irra gahuuf ''hulaa dhiphiseera'' jedhan Ministirri Muummee Kaataar.

Fooramii Dohaa irratti kan dubbatan MM Kaataar, Sheekh Mohaammed bin Abdulrahman al-Thani, Kaataar lameen isaanii [Israa'elii fi Hamaas] akka waliigaltee dhukaasa dhaabuurra gahaniif dhiibbaa gochuu itti fufti jedhan.

Biyyi Galoo Galaana Eden Kaataar, xumura ji'a Sadaasaa irratti qaamaleen lameen dhukaasa dhaabuun akka namootni butaman gadhiifaman gochuun shoora olaanaa bahatte.

MM Israa'el Beenaayim Neetanyaahuu ''waraanichi humna guutuun itti fufeera'' jechuun Dilbata kaleessaa dubbatan.

Gidduua kana ''shororkeesitootni Hamaas hedduun qawwee isaanii hiikachuun gootota keenyatti harka kennataniiru,'' jedhan.

''Kun jalqabbii badinsa Hamaasidha'' jedhan.

Neetaanyaahuun kana kan dubatan yerootti rakkoon deeggarsa namoomaa Gaazaa keessaa hammatettidha.

Dilbata sa'a booda ejensiin fayyaa Hamaas gaggeessu erga waraanichi jalqabeen as lammiileen Filisxeem gara 18,000 tahan ajjeefamaniiru jedhe.

Dameen waraanaa Hamaas sagalee Al Jaaziiraaf ergeen waliigalteen dhukaasa dhaabuu yeroofii taasifne ''barbaachisummaa isaa mirkaneesseera,'' ammas yoo Israa'eel teesse malee namootni butaman homaayyuu hin gadhiifaman jedhe.

Ergicha keessatti, dubbii himaan Hamaas, Abuu Ubaayidaa, loltootni Hamaas konkolaattota waraanaa Israa'el 180 tahan barbadeessuun, ''loltoota Israa'el hedduu ammoo ajjeesaniiru,'' jedhan.

Ammas Israa'el irratti balaa fidaa jira jedhe. ''Waanti dhufaa jiru ammoo kan caaludha.''

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Konfiransii Dohaatti taa'ame irratti, Hogganaan UNRWA, Jaarmiyaa Baqattoota Filisxeem gargaaruu kan tahan, Filiippee Laazaaranii, naannichi ''jaannama lafarraa taheera'' jedhan.

''Waan akka malee hamaa jireenyakoo keessatti arge isa guddaa'' jechuun ibsan.

Akkasumas Ministirri Muummee Filisxeem Mohaammad Shitaayeh, ''Israa'el akka seera deeggarsa namoomaa idil-adunyaa cabsitu eeyyamamuuf hin qabu'' jedhan.

Qoqqobbiin idil-adunyaa akka irratti darbuuf gaafatan.

Yeroo Dohaatti wal gahichi gaggeeffamaa turetti, Kibba Gaazaatti ammoo waraana hamaatu gaggeeffamaa ture.

Kaan Yuunis kan yeroo waraanni Kaabatti jalqabe namootni akka itti baqatan ajajamn har'a waraana hamaatu keessatti gaggeeffamaa jira.

Israa'el ammas namootni nagaan achii aka bahaniif gaafataa jirti.

Gorsaan Israa'el gameessi Maarki Reegeev, BBC News waliin dubbii taasisan irratti, Kaan Yuunis keessatti ''waraanni ulfaataan gaggeeffamuuf deema'' jedhan.

Dilbata halkan taankotni israa'el qixxa lamaan magaalichaa galaniiru. Kanaaf namootni nagaan magaalichaa bakka naga qabeessatti baqachuu akka qaban dhaaman.

Waliigaltee dhukaasa dhaabuu haaraa irra gahuun ulfaateera jette Kaataar

Madda suuraa, Rooyitarsi

Isa Israa'el iddowan naga qabeessa jettu kam jedhamanii gaafatamanii, hamma danda'ametti namoota siiviliif of eeggannoo guddaan ni godhamaaf jedhan.

Namootni nagaa Gaazaa keessaa duraan gara ''idoo naga qabeessa'' al-Mawaasii jedhamuutti akka baqatan gaafatamaniiru.

Haa tahu malee, bakki kun bal'inni isaa iskuwer kilometiri 8.5 hin caalu. Kun ammoo hamma buufata xiyyaaraa Landan keessa jiru Hiitro hin gahu jechuudha.

Irra caalaan isaa lafa qonnaa yoo tahu, gamoo muraasaa fi lafa cirraachaan guutametu jira.

Kun kanaan osoo jiruu Israa'el hojii dippilomaasiis itti fuftee jirti. Michoota ishee waayillan ishee ejjennoo dhaabbataa agarsiisaa hin jiran jechuunis komatte.

"Harka tokkoon akka Hamaas balleesinuuf nu deeggaraa harka biraan amoo waraana dhaabaa jedhanii dhiibbaa nurraan gahuun hin tahu, kun Hmaasiin badinsa irraa kan oolchudha'' jedhan Beenaayim Neetanyaahuun.

Neetaanyaahuun kana kan dubbatan erga miseensonni Mana Maree Nageenyaa UN, 13 tahan wixinee hatattamaan dhukaasa dhaabuu dhiyaate deeggaraniiti.

Wixinicha US aangoo mana marichaa keessatti qabduun ni kuffiifte, UKn ammoo sagalee hin kenniin hafte.

Dabalataan Israa'el komii hogganaan jaarmiyaa deeggarsaa UNRWA, Laazaranii, lammiilee Filisxeem Gaazaa keessaa dhiibdee gara Masiriitti baasaa jirti jedhan haalte.

Dhaabbanni Fayyaa Adunyaa karaa daariktera olaanaa isaa Dr Teediroos Adaanoom, wixinee dhiyaate deeggaruun hatattamaan qorichi Gaazaaf dhiyaachuu qaba jedhan.

Haalli Gaazaa keessaa ''waan suukaneessadha'' jedhan.