Sababoota fudhatamni Pirezidant al-Siisii Masrii keessatti hir'ataa dhufeef

Barjaa suura al-Siisii qabu

Madda suuraa, EPA

Yeroo wayii “oolchaa Masrii” jedhamuun namoota baay’een leellifamaa kan turan Pirezidaantiin Masrii Abdul Fattaah al-Siisii, har’a garuu ija addaan ilaalamu.

Lammiileen Masrii waggoota kudhan dura Jeneraala waraanaa kan turan al-Siisii deeggaruuf daandiitti bahan wanti hundi akka abdatanitti hintaane.

Gaaga’amni diinagdee biyyattii mudate dhimmoota namoota hedduuf yaaddoo ta’an keessaa isa tokko ta’eera.

Mootummaan Siisii “rifoormii diinagdee” hojiirra oolchaa akka jiru himullee kunneen gaaga’ama diinagdee biyyattiin miidhaman keessaa tokko kan ta’an Aadde Naadiyaan garuu rakkoo himatu.

Nadia
Ibsa waa'ee suuraa, Naadiyaan haadha ijoollee jahaa abbaan manaa irra hin jirreedha; karaarratti gaazexaa gurgurtee jiratti

Abbaa warraa isaanii du’aan kan dhaban fi haadha ijoollee jahaa kan ta’an Aadde Naadiyaan, ga’eettii waggaa 57 daandii cinaatti gaazexaa gurguruun of jiraachisanidha.

Ollaa rukkataa magaalaa Kaayiroo keessa kan jiraatan Aadde Naadiyaan, yeroo dhumaatiif foon bitanii kan sooratan waggaa sadii dura ta’uu himu.

Hanguma guyyaan darbus jiruunis itti ulfaachaa akka jiru dubbatu.

“Al tokko tokko rafuufillee nan sodaadha, sababnisaas guyyaa itti aanutti gatiin meeshaalee ni dabala waan ta’eef” jechuun miira gaddaan dubbatu.

Ragaan yeroo dhiyoo akka agarsiisutti ji’a Onkololeessaa keessa qaala’insi gatii Masrii keessaa 38.5% yemmuu ta’u, kan ji’a Fulbaanaammoo 40.3% ture.

Lakkoofsonni kun diinagdee Masrii keessatti kana dura galmaa’anii kan hin beeknedha. Qaala’insi gatii lammiileen biyyattii ittiin rakkatanis lakkoofsa mootummaan biyyattii kaa’uu olidha.

Haa ta’u malee, hanguma gatiin omishaalee dabalu galiin Aadde Naadiyaa garuu xiqqaachaa dhufe.

'Namni nu yaadatu hin jiru'

Waggoota 10 dura guyyaatti naannoo gaazexaa 200 gurguraa kan turan Aadde Naadiyaan, amma garuu guyyaatti gaazexaa 20 hincaalle gurguru.

Soorata tokko qopheessuuf Paawundii Masrii 300 hanga 500 (birri 541- 903) akka fudhatu himuun, waggoota muraasa dura garuu soorata kana maallaqa xiqqaan akka qopheessan dubbatan.

“Muduraanillee baay’ee qaala’eera” jedhu Aadde Naadiyaan.

Ji’oota sagal darban keessa dandeettiin waa bituu Paawundii Masrii, Dolaara Ameerikaa waliin yemmuu madaalamu dhibbeentaa 50 oliin hir’ateera.

Qaala'iinsa fuduraafi kuduraa

Madda suuraa, Reuters

Diinagdeen biyyattii meeshaalee alaa bitanii gara biyya keessaa galchuurratti hirkates qaala’insa gatii daran hammaateen ida’amee maatiiwwan baay’eef rakkoo ta’eera, gabaan sharafa biyya alaa seeraan alaas (black market) laliseera.

Sababoonni kunneen ida’amanii abdii Aadde Naadiyaa xiqqeessaniiru. “Namuu waa’ee hiyyeessaa hinyaadu, akka waan nuti hin mul’annetti. Irraanfatamneerra” jechuunis miira gaabbiin dubbatu.

Waadaa Badhaadhinaa…

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Al-Siisiin mootummaa Mohaammad Mursii erga fonqolchanii waggaa tokko booda ALA bara 2014’tti Pirezidaantii biyyattii ta’an.

Erga aangoo pirezidaantummaa qabatanii booda maallaqni guddaan ijaarsa pirojeektota bu’uraalee misoomaaf bahii ta’eera.

Daandiiwwan ijaaramaniiru, jiraattota baay’ee qabaachuu baatus magaalaan guddoon haaraan Doolaarri Biliyoonni hedduun itti bahe dhiyeenya Kaayirootti hundaa’era.

Qeeqxonni Siisii, maallaqa pirojektiiwwan akkanaaf bahe, “murtee faayinaansii abshaalummaa hinqabne” jechuun kan komatan yemmuu ta’u, tarkaanfichi qabeenya diinagdee biyyattii fudhachuusaatiin dabalataan diinagdeen biyyattii idaadhaan akka dadhabu taasiseera.

Haa ta’u malee, deeggartoonni Pirezidantichaa garuu babal’achuun magaalummaa jiruu lammiileef haala mijataa akka uumeefii investimantii alaa hawwachuun badhaadhina akka fidu amanu.

Ogeessa diinagdeefii miseensa Hawaasa Siyaasa Diinagdee, Istaatistiksii fi Seeraa Masrii kan ta’an Waalid Gaballah, pirojektiiwwan kunneen carraa hojii uumuun rakkoo hojidhabdummaa Masrii gama salphisuutiin gumaacha taasisuu isaanii dubbatu.

Deeggartoota

Madda suuraa, Getty Images

Kana malees rakkoon diinagdee biyyattii mudate bu’aa humnoota idil-addunyaa akka ta’es amanu.

“Qusannaawwan sagantaalee rifoormii mootummaatiin uumaman weerara Koronaavaayirasiin nyaataman. Itti aansuun waraanni Yukireen invastaroonni biyya alaa maallaqa baankiiwwan Masrii keessaa qaban akka baasan taasiseera” jedhu.

Gama biraatiin mootummaan Siisii sagantaalee wabii hawaasummaa jiruu lammiilee harka qalleeyyii biyyattii deeggaranirratti irra deddeebiin xiyyeeffatus lammiileen biyyattii garuu haalli jireenyaa badaa ture ammammoo caalmaatti hammaachuu himatu.

Ragaaleen akka agarsiisanitti lammiilee Masrii miliyoona 100 keessaa dhibbeentaa 30’tti kan siiqan hiyyummaa keessa jiraatu.

Bara faranjootaa 2016 as mootummaan biyyattii bajatasaa deeggaruuf jecha Fandii Maallaqaa Addunyaa (IMF) irraa Doolaara biliyoona 20 ol liqeeffateera.

Gama biraatiin mootummaan biyyattii diinagdee miidhame dandamachiisuuf tarkaanfii baasii hir’isuu fudhachaa jira.

Kana malees deeggarsa maallaqaa gatii omishaalee bu’uuraa akka boba’aa tasgabbeessuuf taasisaa tures kan dhaabe yemmuu ta’u, kun ammo gatiin omishaalee biroo akka qaala’uuf sababa ta’eera.

Sodaa biyyatti deebi'uu…

Mormitoota siyaasaan cinatti falmitoonni mirga namoomaa Masrii to’annoo nageenyaa cimaa biyyattii keessa jiru qeequ.

Dhiittaawwan mirga namoomaa biyyattii keessatti raawwataman galmeessuunis ulfaataa ta’aa akka jiru himu.

“Masrii keessatti mirgi namoomaa dhimma hamaadha” jedha rogeessi baqaadhaan waggoota jahaaf Yunaayitid Kingidam (UK) keessa jiraate, Mina Taabet.

Bara faranjootaa 2016’tti yakkoota akka odeeffannoo sobaa tamsaasuufi kunneen biroon himatamee Masrii keessatti ji’a tokkoof hidhaarra kan ture Minaan, haala hamaa mana hidhaa keessatti dabarse yaadachuun dubbata.

“Ijjikoo haguugamee harkikoo hidhameera. Poolisiin tokko miidhaa qaamaa narraan gaheera. Uffata narraa baasee akka na dararuus na sodaachiseera” jedha.

Minaan hidhaadhaa erga gadhiifamee booda barnootaaf gara UK’tti imaluus yaaddoo ‘yeroo kamittuu hidhamuun danda’a’ jedhuun gara Masriitti deebi’uu dhiisuuf murteesse.

“Halkan inni jalqabaa hirriiba gaarii itti rafe ergan Masriidhaa bahee booda” jechuunis hima.

Mina Taabet

“Falmitoonni mirgoota namoomaa Masrii keessa jiran qabeenyisaanii akka hinsochoone taasifameera, yookaan immoo biyyaa akka hinbaaneef maqaan isaanii galmaa’ee jira.

''Sodaa himatamuu yookaan ammoo miidhamuurraa bilisa taatee hojiikee hojjechuu hindandeessu” jedha.

Kanaafis gara Masriitti kan deebi’u yeroo yaaddoo nageenyaafii haaloo bahumsa mootummaarraa bilisa ta’ee hojjechuu danda’utti qofa akka ta’es hima.

Haa ta’u malee, angawoonni Masrii qeeqa akkanaa kanaan kaayyoo siyaasaa kan qabu jechuun erga muranii bubbuleera.

Angawoonni biyyattii koree hidhamtoota siyaasaaf dhiifama pirezidaantichaa kennu danda’u hudeessaniiru, fakkii mirga namoomaa biyyattii fooyyessuufis kana caalaatti hojjechuuf waadaa galaniiru.

Haa ta’u malee, falmitoonni mirgoota namoomaa biyya keessaafi idil addunyaa, hidhamtoonni siyaasaa kuma kudhaniin lakkaa’aman ammallee mana hidhaa keessa akka jiran himu.

Mootummaan biyyattii garuu lakkoofsa kanaan walii hingalu.