Barataa fedhii yunivarsitiif qabu mirkaneeffachuuf bishkiliitidhaan biyyoota jaha qaxxaamure

Mamadou Safayou Barry (R) said he was overjoyed to be studying at the prestigious university

Madda suuraa, NAHLA ELSEIDY/FACEBOOK

Maqaansaa Maamaaduu Saafaayuu Baarii jedhama. Lammii biyya Giinii yoo ta'u, fedhii olaanaa barnoota yunivarsitiif qaburraa ka'uun bishkiliitidhaan biyyoota Afrikaa jaha qaxxaamuree Masirii seene.

Maamaaduun walumaagalatti daandii dheerina kiilomeetira 4,000 Afriikaa Lixaa keessa qaxxamuruun, daandiirratti waa baay'ee dabarse. Karaarrattis hidhamuu fi qilleensa ho'aa hunda dandamachuun bakka hawwii isaa qaqabe.

Maamaaduun baatii Caamsaa keessa ture Giinii irraa ka'uun Masrii keessatti Yunvarsitii beekamaa Al-Azhaar seenuu abdachun kan imala eegale.

Umuriinsaa waggaa 25 kan ta'e daragaggoon kunis bishkiliitiidhaan biyyoota Afrikaa lixaa milishoota Islaamaafi fonqolcha mootummaatiin jeeqamtu keessa baatiiwwan afuriif imale.

Innis erga Kaariyoo qaqabeen booda waan carraan barnootaa (scholarship) kennamuufiitti ''baayyee'' gammaduu himeera.

Gaa'ila dhaabbachuun abbaa daa'ima tokkoo kan ta'e dargaggoon kunis, koorsii qorannoowwan Islaamaa Al-Azhar keessa barachuuf ta'e ykn gara Masriitti balalii'uuf akka hin dandeenye dubbata.

Maqaa guddaa yunivarsitichi qabu irraa ka'uunis imala daandii balaafamaa karaa Maalii, Burkunaa Faassoo, Toogoo, Beeniin, Nijariifi Chaadi qaxxaamuruun carraa isaa yaaluuf murteesse.

Al-Azhar barnoota Islaama Sunniitiif jidduugalawwan beekamoo addunyaa keessaa tokko. Akkasumas Dhaloota Koristoos booda 670 AD hundeeffamuun dhaabbata umurii dheeraati.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Baariin ''beekumsa Islaamaa barbaacha'' biyyasaatii bahuun, garuu biyyoota keessa bishkiliitiin qaxaamureetti shakkiifi rakkoo cimaa dabarse.

Maalii, Burkinaa Faassoo fi Niijar keessatti haleellaan milishoota namoota nagaa irratti raawwatan baay'ee yoo ta'u, fonqolchi dhiheenyaa ammoo jeequmsa siyaasaa uumeera.

''Sababii biyyoonni kunneen tika nageenyaa hin qabneefuu isaan keessa imaluun baayyee cimaadha,'' jedha.

"Rakkoolee hedduu kan qaban yoo ta'u ummanis baayyee sodaateera. Maaliifi Burkinaa Faasootti namoonni akkan waan nama hamaa ta'eetti na ilaalan. Loltoonnis qawwee gurguuddaafi konkolaataa isaaniin yoo socho'aniin arge,'' jedha Baariin.

Imalasaa kanaanis yeroo sadii sababii tokko malee to'atamuun akka ture hima. Yeroo lama Burkinaa Faassoo keessatti, yeroo tokko ammoo Toogoo keessatti hidhame.

Haata'u malee, Baariin wayita Chaad keessa seeneetti ammoo carraa isa qaqabe. Gaazexessaan tokko isa dubbisuun seenaa isaa intarneetii gubbaatti maxxanse. Kunis tola- ooltoonni muraasni akka balaliinsa gara Masrii isaaf deeggaraniif kakaase.

Kana jechuunis daandii silaa karaa Sudaanii kan amma zoonii waraanaa ta'e keessa bishikileetiin imalu qabu oolcheef.

Fulbaana 5, 2023tti Kaayiroo qaqabe. Kutannoon isaa kunis akka Diinii Qorannoowwan Islaamaa, Dr Naahlaa Else'idii waliin walgahii qabaatan dandeessise.

Dr Else'idiinis erga Baarii waliin haasa'aniin booda korsii Qorannoowwan Islaamaa Al-Azhariitti keennamuuf carraa barnootaa bilisaa kennaniif.

Diiniin yunivarsitichaas toorawwan miidiyaa hawaasaasheerratti yunivarisiitchi barattoota addunyaa guutuuf beekumsa kennuuf qophiidha jechuun, falaasamni kunis, ''kan barattoota addunyaa Masrii keessatti qofa haguuguu osoo hin taane, biyya gara biraas kan dabalatuudha,'' jette.

Itti dabalunis, Al-Azhaar barattoota biyya kamuu irraa simachuun kunuunsee carraa barnootaa kennaaf,'' jedhan.

Aab Baariin gamasaatiin, carraa barnootaa argachuukootti ''baayyee, baayyeen gammade'' jedheera.

''Hangam akkan gammade sitti himu hin danda'u. Waaqan galateeffadha,'' jedhe.

Aab Baariin itti dabaluun, bu'aa bahiinsaa irraanfatame. Gammachuu carraa barnootaa al-Azhaariitti argateen haqameefii dubbata.