Aappii warra Somaalii dubbisuuf barreessuu barsiisaa jiru

Dubartii Moobaayilii ilaalaa jirtu

Madda suuraa, Sahamiye Foundation

Hodaan Artaan magaalaa guddoo Somaaliland Hargeessaa keessa hojii qulqulleessuu hojjetti. Hadha mucaa kophaa guddiftuufi ijoollummaatti barnoota argachuu dhabuun ishee hiree ishee murteessedha.

Hanga yeroo dhiyootti waan adda biraa abbaltee hin beektu.

''Yeroon ijoollee ture, hiree mana barnootaa deemuu hin arganne, maatiin koos akkasuma,'' jetti.

Artaan barreessuufi dubbisuus hinbarre.

Ji'oota muraasa dura garuu waayee aappii Daariz jedhamuu dhageesse.

Akka ragaan aappii kanaa fayyadamtoota ilaalchisee sassaabame agarsiisutti namootni 410,000 ta'an biyyoota Gaanfa Afrikaa keessatti aappii kanaan baratanii dubbisuufi barreessuu baraniiru.

Hiriyyoota isheen kan jajjabeeffamte Artaan, yeroo boqonnaasheetti bilbilasheerraa qo'achuun, ji'a lama keessati fooyya'insa guddaa agarsiifte.

Haati ganna 23 kun ammaan tana dubbisuu ni dandeessi, barreeffamoota gabaaboo Somaaliin barreeffamanis ni hubatti.

Haallishee Somaaliland keessatti waan addaa miti. Biyyattiin kan hanqinni barnootaa akkaan guddaan keessa jiruudha.

Somaaliland bara 1991 walabummaa goonfattee Somaaliya calattiyyuu karaa dimookraatawaa ta'een mootummaa ijaarratte qabaattus, sadarkaa idila addunyaatti beekamtii garuu hin qabdu.

Dhiibbaan waraana waliinii, hanqinni bu'uura misoomaa fi hongeen itti deddeebi'uun Somaaliland addunyaarratti humna barate xiqqaa qabaachuun adda duree akka taatu sababa ta'eera.

Ejensiin daa'immanii Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii, Unicef, bara 2022 kaasee qaama biroo waliin ta'uun barnootarratti invast gochuuf akka jiru beeksisee ture.

Kaayyoon isaammoo daa'imman hedduu qaqqabuun yoo xiqqaate barnoota sadarkaa tokkoffaa akka xumuran gargaaruudha.

Hodaan Artaan

Madda suuraa, SAHAMIYE FOUNDATION

Haata'uyyuu malee fooyya'insi jiru harkifataafi qormaataan kan guutedha.

''Uummatni hedduun horsiisee bulaafi kan baadiyyaa jiraatu. Fagaatanii argamu. Kaan ammoo sochiirra jiru'' jedhu Somaaliyaatti hogganaan damee barnootaa Unicef Piteer Kuwaamoo.

Akka qondaalli kun jedhanitti Somaaliland qofa osoo hin taane Somaliyaa fi Sudaan Kibbaa keessattis hanqinni barnootaa guddaadha.

Hawaasa kana keessatti sirna barnootaa itti fufinsa qabu mirkanessuun ''baayyee rakkisaadha'' jedhu.

Amma dhimma ijoo aanga'oota naannoo, dhaabbilee miti mootummaa idiladdunyaafi piroojektoota barnootarra hojjetanii kan ta'e akkamiin ijoollee kana qaqqabuun danda'ama kan jedhuudha.

Dubartoota Bilbilarraa waa dubbisan

Madda suuraa, SAHAMIYE FOUNDATION

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dhaabbata tola oolaa Sahamiyee Faawundeeshin jedhamu kan hundeesse Ismaa'el Ahimed garuu dhaabbatni isaanii rakkoo kanaaf hojimaata fala ta'u argachuu ibsa.

Ahimed Somaaliland gadhiisee gara UK kan godaane wayita umriin isa digdamoota keessa tureedha.

Seenaanan nama kanaa fi akkaataan dhaabbatnisaa itti hundaa'e adda.

Ahimed mana barnootaa biiznasaa magaalaa Landan keessa gurguddoodha jedhaman keessaa tokko keessatti barate.

Achiis Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii keessatti hojii argate.

Haata'u malee dhaabaticha keessatti malaammaltummaan himatamee ari'ame.

Booda badii isaa male dogoggoraan ari'amuu isaatiif beenyaa argateen aappii maallaqa daddabarsu Woorliid Remiit jedhamu hundeesse.

Dhaabbaticha hoogganuurraa yeroo ka'u ammoo hawaasasa gargaaruuf jecha faawundeeshinii kana hundeesse.

Bara weerara Koronaa ijoolleesaa Landan jiran Somaalii wayita barsiisu ''rakkoo barnootaa biyya dhalootasaa jiru mobaayila fayyadamuun furuuf'' yaadni dhufeef.

Daariz argannoo isati. Aappiin kun bilisadha. Bakka intarneetni hin jirrettis ni hojjeta.

Kun ammoo hawaasni lafa magaalaarraa fagaatee jiruttis salphaatti akka itti fayyadaman carraa uumeera.

Ahimed daandiin inni sirriin gara fuulduraa nama geessu kana akka ta'e ni amana.

''Afaan abbaa keenyaa baruuf daree gallee barachuun nurra ture, amma garuu mana barnootaa dhaqanii daree osoo hin galiin afaan abbaa isaanii barachuu danda'u.''

Mubaariik Mahdii

Madda suuraa, SAHAMIYE FOUNDATION

Hargessaarraa kiilomeetira 10 fagaatee Mubaariik Mahdii gaala isaa bobbaasaa jira.

Wayita ijoollee ture waggaa lamaaf qofa mana barnootaa gale. Turtisaa waggoota lamaaniirraas waan yaadatu hin qabu.

Amma daldala hojjechuunuu itti ulfaachaa dhufe. Daldalli gama mobaayilaan gaggeeffamu bal'achuusaarraa kan ka'e, namni kun maqaa maamiltoota isaa kaffaltii raawwataniif kaan dubbisuuf rakkata.

Mahdiin gaala isaa bobbaasee gidduu gidduun barata.

Osoo hedduu hin turiin dubbisuu danda'eera, maamiltootasaa waliinis rakkoo malee waliigaluutti jira.

Magaalaa Hargessaa kan jiraattu Artaanis osoodhuma miya dhiqxu aappii bilbilaan dubbisuu danda'uunishee ilaalchashee geeddareera.

''Amma bakkan kaleessa ture turuun naaf hin malu jedheen amana'' jetti.

Fuuladurattis hojii amma hojjetturra kan wayyoo qabu hojjechuun milkaahuu abdatti.