Gochaa Hamaas ilaallee Filisxeemota gargaaruu hin dhiisnu- tola ooltota Israa'el

Yaa'el Nooy dhukkubsattoota Weest Baank yeroo ceessiftu

Madda suuraa, AFP

Yaa'el Noo huccuu waraanaa hin uffanne malee keessasheetti sammuushee waliin lolatti jirti. Erga Hamaas haleellaa gaggeessee as 'akkamitti hojii deeggarsaa lammiilee Filisxeemif taasisu itti fufa? kan jedhu wajjin waldhaansoo qabdi.

"Garri lachuu [Israa'elonniifi Filisxeemonni] yeroo rakkoo hamaa keessa jiran kanatti sammuu kootif bitamuun yaalaa jira. Akkuma osoo waraanni hin eegalin dura ture ta'uun yaala," jechuun ija Hamaasin Filisxeemota warra kaan ilaaluu dhiisuuf waldhaansoo itti jirtu himti.

Yaa'el dhaabbata tola ooltummaa Road to Recovery jedhamu gaggeessiti.

Dhaabbatichi tola ooltota Israa'el walitti qindeessun Filisxeemota dhukkubsataniifi waldhaansa barbaadan Weest Baankifi Gaazaa keessa fuudhun gara Israa'elitti geessee yaalchisa.

Erga waraanni eegalee as ammoo gareen tola ooltotaa kun Gaazaa keessaa dhukkubsattoota fudhee gara hopitaalota Israa'el geessun yaalchisuu hin danda'u.

Hamaas gaafa Onkoloolessa 7, 2023 yeroo daangaa Israa'el seenee haleellaa gaggeesse miseensota dhaabba Road to Recovery keessaa nama afur ajjeesera. Miseensota afur biroo jalaa maatii ajjeesera.

Yaa'el Kaaba Israa'el jiraatti; maatinshee ammoo mandara daangaa Gaazatti dhiyoo kan Hamaas haleele keessa jiraatu turan.

Erga haleellaa Hamaasii as garuu akkamittan deebi'ee Filisxeemota gargaara jettee gaaffii keessa akka galte himti.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

"Laphee koo keessaa waa na cite, kana booda namoota Gaazatti hin dubbadhu jedheen murteessee ture," jetti.

Guyyoota muraasa booda garuu haleellan Hamaas ilaalcha nama dhukkubsate gargaaruf qabdu akka jijjiiruu hin qabne murteessite.

Ergasii Yaa'elifi miseensonni dhaabbata tola ooltummaa Road to Recovery heddu Weest Baank irraa lammiilee Filisxeem dhukkubsatanii waldhaansa barbaadan baay'ee gara hospitaalota Israa'elitti geessun yaalchisaniiru.

Keessumaa dhukkubsattoota kaansariifi waldhaansa kalee deebisanii dhaabuun isaan barbaachisu fa'aa yaalchisu.

Gaazatti osoo dafee nagaan bu'ee achis deemtee dhukkubsattoota gara hospitaalota Israa'el geessun yaalchisuuf fedhii guddaa akka qabdu himti.

Lammiilee Filisxeem Gaazaa keessa jiran Hamaas wajjin walitti fakkeessee hin ilaalu jetti.

"Akkuma keenya isaanis [Filisxeemonni] daafii Hamaastu isaan qaqqabe, isaan gargaaruu itti fufuu qabna; sababni isaa dogggorasaanii miti waan ta'eef," jetti.

Yeroo dhukkubsattoota fuudhuf Gaazatti deddeebi'aa turte namoota achitti barteefi firoomfatte sababa waraana kanaa maal-ta'u laata jettee yaaddofti.

Namoota isheen Gaazatti beektu keessaa maatin mucaansaanii waggaa jahaa gargaarsa gareen kun godhuun waldhaansa argatee, "Ammaaf lubbuun jirra, asuma teenyee du'a eeggataa jirra" jechuun akka barreessaniif dubbatti.

Gaazaa bakka haleellan itti qaqqabe

Madda suuraa, ANADOLU AJANSI

Gama biraan ammoo hojjattota tola ooltotaa dhaabbata Road to Recovery lama Hamaas butee deemee yaaddofti Yaa'el.

Yaa'el lammii Israa'el taatus hojiin tola ooltummaa isheen hojjatu Filisxeemota hedduun wal-ishee barsiisera.

"Weest Baankitti loltoonni Israa'el sakattaaf nu dhaabanii yeroo lammiilee Filisxeem wajjin na argan maalif gargaarta jedhanii na gaafatu. Namoonni biroos akkasuma."

"Waa'ee gidiraa daa'imman Gaazaa keessatti arganii [Israa'el keessatti] dubbachuun ulfaatadha- namoonni akkan waanin diina ta'eetti na ilaalu. Garuu ani Filisxeemotaaf jedhee miti kanin kana hojjadhu. Israa'el ta'uu kootti boonufani. Israa'elis taatee Filisxeem, Yihudiis taatee Araba, dhalli namaa wal-hin caalu," jetti Yaa'el.

Maatiwwan Filisxeem tokko tokko ishee qunnamuun haala isheen keessa jirtu kan gaafatan jiru. Namoota akka Yaa'elifi dhaabbata isheen hoggantu garaa garummaa Israa'elotaafi Filisxeemota gidduu jiru hir'isuuf hojjataniif waraanni Gaazaatti gaggeeffamaa jiru haala ture kan durii caala hammeessera.

Gama lachuuyyuu ilaalchi finxaalessummaa dabalaa akka dhufi himti Yaa'el.

"Gara fuulduraatti maaltu akka ta'u dhuguma dubbachuuf hin beeku. Lamaan keenyayyuu [Israa'elifi Filisxeem] asuma jiraanna malee hin bannu; kanaaf furmaata barbaaduu wayya.

Erga Onkoloolessa 7 as miseensonni Road to Recovery tokko tokko dhukkubsattoota Filisxeem fuudhuu dhiisaniiru, kaan ammoo qoricha geessufii qofarratti xiyyeeffatan. Warri kaan ammoo dhukkubsattoota Weest Baank keessaa fuudhanii hospitaalota Israa'elitti geessun yaalchisuu itti fufaniiru.

Yaa'el akka jettutti Israa'el keessaa deeggarsi dhaabbata gargaarsaa kanaaf taasifamu sababa waraanan waan dhaabbateef kanneen Israa'elin ala jiran akka deeggaran gaafatti.

Yeroo dhiyoottis hojii Gaazaa keessa dhukkubsattoota gara Israa'el geessun gargaaruu akka itti fuftu abdii akka qabdu himti.

"Ulfaataa ta'uu mala. Garuu dhaabuu hin dandeenyu. Ergama koo waan ta'eef kana gochuudhuman qaba," jetti.