Walakkaan uummata Gaazaa beelaf saaxilameera- UN

Ijoollee Gaazaa

Madda suuraa, Reuters

Uummanni Gaazaa keessa jiraatan walakkaansaanii beelaf saaxilamanii jiraachuu qondaalli olaanan UN akeekkachisan.

UNtti Ittaanaa Daayirektara Dhaabbata Nyaataa Addunyaa kan ta'an Karl Skau, Gaazatti namoota 10 keessaa 9 guyyaatti nyaata malee akka oolan himan.

Gaazatti waraanni itti fufuurraa kan ka'e deeggarsi namoomaa gahaan dhaqqabuu dhabee uummanni beelan rakkataa jiraachuu akeekkachiisan.

Israa'el gamasheen hanga Hamaas Gaazaa keessaa dhabamsiiftutti waraana hin dhaabu jette.

Dubbi Himaa Humna Waraana Israa'el kan ta'an Leetinant Koloneel Richard Hechit,"duutifi rakkinni lammiilee nagaarra gahu nama dhukkuba, garuu filannoo hin qabnu" jechuun BBCtti himan.

Ajajaa walii galaa Humna Waraana Israa'el kan ta'an Herzii Haleevii ammoo, "shorokeessitoonni harka kennataa akka jiran argaa jirra... kuni ammoo caasan isaanii diigamaa jiraachuu agarsiisa waan ta'eef haleella itti cimsaa" jechuun loltootatti osoo dubbatanuu viidiyoon waraabame ni agarsiisa.

Gama biroon ammoo Joo Baayidan rasaasa taankii 14,000 ta'u dolaara miliyeena 106 baasu Israa'elitti akka gurguramuuf ajaja dabarsaniiru.

Ji'a lama dura erga waraanni kun eegalee hanga ammaa namoonni 17,700 ajjeefamuu Ministeerri Fayyaa Gaazaa beeksise. Kanneen du'an keessaa 7,000 kan ta'an ijoolledha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Waraanichi erga eegalee namni Gaazaa keessaa akka hin baanefi hin seennefi Israa'el ugguruun deeggarsi namoomaa xiqqaan karaa ulaa Raafaa- Masirii wajjin kan wal-daangessuu qofa akka seenu hayyamte.

Amma immoo dabalataan ulaa Israa'el wajjin wal-daangessu Karam Shaalom jedhamu guyyoota dhufan keessatti akka bantu beeksifte. Kunis konkolaattota deeggarsa fe'an sakkatta'uuf qofa ta'uu beeksifte.

Qondaalli UN kun torbee kana Gaazaa deemuun waanti argan yaaddessaa ta'uu himan.

Bakkeewwan kuusaa deeggarsa nyaatatti namoonni beela'anii deegarsa eeggatan humnaa ol ta'uu, namoonni heddumminaan bakka tokkotti walitti qabamanii jiraachufi haalli qulqullinaa jirullee yaaddeessaa akka ta'e ijaan arge jedhan.

Dhiibban hawaasa addunyaarraa itti cimee waraanni guyyaa torbaaf dhaabbatee deeggarsi namoomaa Gaazaa akka seenu ta'ee ture.

Dhaabbanni Nyaata Addunyaa garuu deeggarsi namoomaa uummata Gaazaa akka qaqqabuuf ulaan Raafaa qofti gahaa akka hin taane hima.

Uummanni Kaaba Gaazaa kaampii baqattoota Kaan Yuunis keessa jiran kallattii lamaan taankiwwan Israa'elin marfamanii jiran haalli achi jiru baay'ee yaaddeessadha jedhu.

Hospitaala Naasiritti itti gaafatamaa kutaa yaala baqaqsanii hodhuufi waldhaansa miidhaa abiddaa kan ta'an Dr. Ahmad Mograbi haala Kaan Yuunis keessa jiru imimmaanin BBCtti himan.

"Intala ganna sadiin qaba. Yeroo hunda appilii, kuduraafi fuduraa fa'aa akkan bituuf na gaafatti. Ani bituufii hin danda'u."

"Nyaanni gahaan hin jiru. Ruuzii qofa, guyyaatti si'a tokko ruuzii nyaanna," jedhu.

Kaampin Kaan Yuunis bakkeewwan Israa'el irratti xiyyeeffachuun haleellaa gaggeessitu keessaa tokkoodha.

Sababni ishee ammoo gaggeessitoonni Hamaas ulaawwan lafa jalaa Kaan Yuunis jiran keessa dhokachuu hin oolan kan jedhuudha.

Waraanni akka dhaabbatuuf murtee Manni Maree Nageenyaa UN dabarse US mirga sagalee sageen diiguu qabduun kuffisuusheef pirezidaantin Filisxeem Mahammud Abbaas US yakka waraanaa deeggarte jechuun komatan.

Miseensota Mana Maree Nageenyaa UN 15 keessaa 13 Gaazatti waraanni akka dhaabatuuf yoo deeggaran UKn sagalee keennuu didde. US qofaashee waraanni dhaabbachuu hin qabu jechuun mormitee murticha kuffiste.

"Dhiiga ijoollee, dubartootafi jaarrolee Filisxeem Gaazatti humna koloneeffataa Israa'elin dhangala'aa jiruuf US itti gaafatamtuudha," jedhan Mahaammud Abbaas.

Ministeerri Muummee Israa'el Benihaamin Netaaniyaahuu ammoo US murticha kufaa gochuunshee sirriidha jechuun galateeffattan.