Hamaas oppireeshiniin Israa'el nama qabamee jiru du'aaf saaxile jedhe

Loltoota Israa'el

Madda suuraa, EFE/REX/SHUTTERSTOCK

Kutaan hidhataa Hamaas viidiyoo Israa'el nama butamee qabamee jiru baasuuf oppireeshinii hin milkoofne taasifteefi booda waan tahe agarsiisu gadhiise.

Viidiyoo kanarratti namni mul'atu guyyaa 40f qabamee turuu himata. Haala kanaan Viidiyichi Sadaasa walakkeessa irratti akka waraabame agarsiisa.

Lafa manichaa irratti dhiigaafi meeshaaleen waraanaa Hamaas booji'e jedhu mul'atu

Viidiyichi gaafa dhumu reeffa nama dhiigaan laaqame, namuma isa dubbachaa ture fakkatutu mul'ata.

Viidiyicharraatii namni kun maqaafi umrii isaa ni hima- ammaaf kan ifa hin taasisnu.

Barreefamni afaan Arabaan mul'atu ammoo loltoonni Israa'el ''nama qabame kanaaf qaqqabuu hin dandeenye,'' jedha. Namni kuni duunaan loltoonni Israa'el ''saffisaan'' achii bahani jedha.

Akka Hamaas jedhutti Humni Waraanaa Israa'el ambuulaansii fayyadamuun namicha kanaaf qaqqabuuf ture.

BBC'n viidiyoo kana walabaan mirkaneessuu hin dandeenye.

Dubbi himaan Humna Waraanaa Israa'el Daani'el Hagaariin ibsa Jimaata kennamerratti oppireeshinii namoota butaman baasuuf Gaazaa keessatti taasifameen loltoonni Israa'el lama madaa'aniiru jedhee ture.

''Shororkeessitoonni namoota butaniifi ukkaamsan ajjeefamaniiru," jechuun namoota butaman keessaa garuu tokkoyyuu akka hin gadhiifamnee dubbataniiru.

Waa'eema taatee Hamaas jedhuuti irratti haasa'aa jira tahee waan biraa garuu waan mirkanaa'e hin jiru.

Humni Waraanaa Israa'el Gaazaa haleeluu kan jalqabe erga Hamaas gaafa Onkololeessa 7 Israa'el haleeleen booda dha.

Israa'el waraana kanaan namoonni 1200 Hamaasiinjalaa ajjeefamuufi 240 butamuu yoo himtu.

Ergasii namoonni baayyeen gadhiifamnillee kanneen Hamaas waraana Israa'el waliin hidhata qabu jedhee amanu garuu ammallee hin gadhiifamne.