Waraana Israa’elifi Gaazaa miidiyaa hawaasaarratti hoo’e

Dargaggessaa ykn dullomaa, deeggaraa Israa’el ykn Filisxeem yoo taatan miidiyaan hawaasa haalli qabiyyee odeeffannoo isiniif dhiyeessu gargaara.
Odeeffannoowwan kun ilaalcha isin waraana Israa’el-Gaazaarratti qabdan irratti dhiibbaa gochuu danda’a?
Tik Tookii koo yeroon banu viiidiyoowwan lama walitti aanee baname.
Viidiyoo jalqabaqarratti loltoonni Israa’el afur qawwee hidhatanii, wayita shubbisan agarsiisa jetti Gabaastuun midiyaa hawaasa BBC Mariyaana Ispiriing.
Viidiyoon inni biraammoo dargaggeetti kutaa ciisicha ishee keessaa teessee haasaftu fi barreeffama Filisxeem deeggaru qabu agarsiisa.
Algorizimiin Tik Took viidiyoowwan ani daawwachuu barbaadu murteessa. Sana booda viidiyoon ani hanga xumuraatti ilaaleerratti hundaa’e qabiyyee viidiyichaan walfakkaatu kan biraa akkan ilaaluuf na affeera.
Algozimiiwwan kunneen miidyaalee hawaasaa biroorrattis haaluma kanaan walfakkaatuun hojjata.
Kana jechuun namni miidiyaa hawaasaa sanatti gargaaramu muraasni qabiyyee Israa’el fi Gaazaa addaan qoodu akka ilaalan jajjabeessa.
Haasaan miidiyaalee hawaasaarratti qoodamu gatii qaba, sababni isaa yaada hawaasaa boca.
Haasaan bakkeetti haasa’amu, hiriira mormiirratti dhagahamu miidiyaa hawaasaatti baha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
UK dabalatee iddoowwan biroottis namoonni siyaasa keessatti baayyee hin hirmaanne tarkaafii akka fudhatan miidiyaalee hawaasaatiin waan kakaafaman fakkaata.
Yuunayitid Kingidamitti miseensi paarlamaa warra Liberaal Dimokiraatotaa Layilaa Mooraan, ishee dabalatee qondaalonni siyaasaa danuun dhukaasni Gaazaatti akka dhaabatu dhaamsa danuu dargaggootarraa argachuu himte. Layilaan haati ishee hawaasa Filisxeem keessaa dhalatte.
Dargaggoonni kun tarii viidiyoowwan TiK Took fi Inistaagiraamiirratti maxxanfamanii, booda gara WhatsApp irratti qooodamaniin waan dammaqan fakkaatu.
Miseensi Paarlaamaa Dhiha Okisfoord fi Abigdoon garuu ''waanta qiqixeeffame hojjatamu hunda hin amaniinaa,'' jedhu.
Miseensi paarlaamaa warreen Konzarvaatiif fi michummaa gartuu Israa'el wajjin hidhata qabu Andiriiw Piirsii, iddoo isaan bakka bu'anitti waraanni Israa'el -Gaazaa jiraattootarraa xiyyeeffannoo guddaa akka hin arganne himan.
Haa ta'u malee, qabiyyeen miidiyaaleerratti qoodaman irra caalaan isaanii jibba warra Yihudootatiin walqabata jedhan.
''Waraana Israa'el Gaazaa amma gaggeeffamaa jiru kana durayyuu yeroo dheeraaf rakkoon mul'atu ture.
Amma ammoo jibbi kun saffisaan akka qoodamu taasise'' jedhu.
Yaadota wal falleessan Tik Took gubbaatti qoodaman
Qabiyyeewwaan viidiyoo Tik Took irratti ittifufinsaan mul'atan kan Israa'el ykn Filisxeem leellisan ykn deeggaraniidha.
Gartuuwwan lachuu qabiyyee viidiyoowwan gadhiifamaniirratti qeequ.
Qabiyyeewwaan Filisxeem deeggaran namoota bara 1997 as dhalatan biratti fudhatama guddaa waan argate fakkaata.
Viidiyoon Tik Took hashtag "istandwithisrael" jechuun qoodamu si'a miliyoona 240 wayita daawwatamu, viidiyoon hashtag "istandwithpalestine'' jechuun qoodamu ammoo si'a miliyoona 870 daawwatameera.
Viidiyoowwan marsariitiiwwan dargaggoonni jaalatanirratti maxxanfaman dawwaattoota kanaan walfakkaatu argataniiru.
Viidiyoowwaan kunneen harka caalan isaanii Hamaas Onkoloolessa7, 2023 Israa'el erga haleele booda maxxanfaman, viidiyoowwan muraasni haleellaa sana dura maxxanfamanis jiru.
Viidiyoowwan Israa'el ykn Filisxeem deeggaran, kanneen namoota hedduun biratti fudhatama argatanillee, waan walfaalleessan fakkaatu.

Fakkeenyaaf viidiyoon biloogaroonni Gaazaa keessaa maxxansanii fi fayyadamtoonni miidiyaa hawaasaa Filisxeem deeggaran kutaa ciisicha isaaniirraa yaadni isaan waraana Israa'el-Gaazaarratti kennan dargaggoota biraa deebii gaarii kan argateera.
Gama kaaniin qabiyyeen viidiyoo loltoota humna ittisa Israa'el keessa jiraaniin hojjatamu ogummaan sirritti gulaalame, itti yaadamee, qindaa'uun Tiktookirraatti dhiyaata.

Israa'elis ta'ee Gaazaa kan bulchu Hamaas qabiyyeewwaan miidiyaa hawaaasaarratti maxxanfaman jajjabeessuu ykn qajeelchuu keessatti qooda hangam akka qaban ifatti waanti beekamu hin jiru.
Loltuun Israa'el Daani'eel jedhamu viidiyoon isaa hunda caala qoodame tokko si'a miliyoona 2.1 daawwatameera.
Viidiyoo kanarratti loltoota Israa'el sadii kanneen waraana Israa'el keessa jiran wajjin Onkoloolessa 7, 2023 otoo Hamaas Israa'el hin haleeliin dura wayita shubbisan ykn ragadan agarsiisa ture. Erga yeroo sanaatii garuu lakkoofsi daawwattoota viidiyoo Daani'eel hirateera, viidiyoon isaa adda addatti si'a 100,000 ol daawwatameera.
Garuu akka viidiyoo isa jalqabaa si'a miliyoona lama daawwatamee hin taane.
Viidiyoon tokko yeroo kam Tik Took gubbaatti baayyee akka qoodamu beekuun rakkisaadha.
Dawwaattoonni hir'achuun kun fayyadamtoonni miidiyaa hawaasaa viidiyoowwan akkasii banuu dhiisuu isaanii agarsiisa.
Keessattuu lola Gaazaatti adeemaa jiruun walqabatee, kana jechuun viidiyoon akkasii namoonni akka ilaalaniif bal'inaan hin jajjabeeffamu.
Namoonni baayyeen viidiyoo tokko daawwachuun simannaa gaarii ta'ee argachuu hin agarsiisu.
Viidiyoon miidiyaa hawaasarraatti qoqqoodamee qeeqamuus nu danda'a.
Qabiyyeewwan loltuun Israa'el maxxansees kanumatu mudate.
Namoonni shubbisa isaanii akka namoota sivilii Gaazaa keessatti du'an kabaja dhorkataniitti qeeqan turaniiru.
Namni qeeqa barreessu tokko'' qaanii kan beekne'' jechuun qeeqe.
''Gara-jabuma keessan caalatti addunyaatti mul'isaa jirta,'' jedhan.
Daani'eel viidiyoo sana ilaalchisuun yaada kenneen, qabiyyeen inni maxxanse ''deggartoota'' fi warreen jibba qoodan, warreen Jiwishoot jibban biratti gargaarte uumera jedhe.












