Hospitaala Meeggaatti dubartii ganna 80 keessaa xannachi kiiloo 10 ulfaatu bahe

Ogeessa fayyaa wallaansa baqaqsanii yaaluu kennaa jiru

Madda suuraa, Hospitaala Meeggaa

Ogeessonni Hospitaala Jalqabaa Meeggaa waldhaansa baqaqsanii yaaluu dubartii ganna 80tif taasisaniin xannacha kiiloo 10 ta'u keessaa bahuu Daayireektarri Meedikaal hospitaalichaa Dr. Bakkalcha Hayiluu BBCtti himan.

Godina Booranaa Aanaa Diilloo irraa yaaliif garas kan deeman maanguddoon kuni, waldhaansa baqaqsanii yaaluu sa'aatii ja'aa ol fudhateen xannachi kuni kan baafameef.

"Dubartiin kuni gara hospitaala keenyaa dhufanii qorannoo taasifameen booda xannachi kuni baqaqsanii yaaluudhaan bahuu akka qabu murtaa'e. Xannachi kuni xannacha naannoo gadaamessatti uumamedha," jedhan.

Umrii fi sababoota adda addaatiin naannawa gadaamessaatti xannachi uumamuu akka danda'u kan dubbatan Dr. Bakkalchi, yaalii kanaan booda haati kuni fayyummaa gaariirra jiraachuu eeran.

Xannachawwan dubartootarratti naannoo gadaamessaatti uumaman hawaasni ilaalcha dogogoraa 'ulfa seexanaa' jedhuun waama. Kunis dhukkubsataan suni ulfa fakkaata malee hin dhalatu akka jechuuti.

Dr. Bakkalchi garuu ilaalchi akkasii dogogora ta'uu fi saayinsiidhaan waan 'Ulfa Seexanaa'jedhamu akka hin jirre himu.

Kanaafis, dubartoonni rakkoon akkanaa isaan mudate gara dhaabbilee fayya adeemuudhaan baqaqsanii yaaluun fayyuu waan danda'amudha jechuun dhaamu.

Tajaajilli baqaqsanii yaaluu akkanaa ammoo hospitaalota sadarkaa jalqabaa keessattuu kan argamu waan ta'eef yaalii akkasii argachuun waan dadhabsiisaa akka hin taanes himu.

Ogeessonii fayyaa Hospitaala Meeggaa yeroo adda addaatti dubartoota rakkoon akkasii isaan mudate xannacha guddina sadarkaa adda addaa qabu baqaqsanii yaaluudhaan keessaa baasaa turan.

Xannachi miilana dubartii ganna 80 keessaa baafame kuni garuu Hospitaalichaaf isa guddaa akka ta'e himan.

Kanaan dura Kibba Itoophiyaa Godina Hadiyyaa ganda Qacabiraatti dubartiin tokko qaama isaanii keessaa xannachi kg 20 ulfaatu wal'aansa baqaqsanii yaaluun baafamuu gabaafnee turre.

Haadha ijoolle jahaa kan ta'an Aadde Taaggaash Dassaalany wal'aansa baqaqsanii yaaluutiin xannachi qaama isaanii keessaa erga baafamee nagayaan gara mana isaaniitti deebi'uu BBCtti himan.

Bara darbe waldhaansa baqaqsanii yaaluu Caamsaa 8, 2024 Hospiitaala Odaa Hulleetti taasifameen xannachi kg 18 ulfaatu garaa shamarree ganna 23 keessaa keessaa baafamuu, Yunivarsiitii Jimmaatti Ispeeshaalistii ulfaa fi gadameessaa Dr Ahmad Siraaj BBCtti hime ture.

Xannachi gadameessaa maali, ofirraa ittisuun danda'amaa?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dhibeen kun dubartoota dhibbeentaa 75 hanga 80 ni mudata. Mallattoo osoo hin agarsiisin turuudhaanis beekama.

Itoophiyaa bakkeewwan garaa garaatti xannachiwwan keenyan (wall) gadameessaa ulfaatina garaa garaa qaban waldhaansa baqaqsanii hodhuutin yeroo baafaman yeroo garaa garaatti ni dhagahama.

Xannachi gadameessaa keenyaa gadameessaa kun 'Yutiriin Faabrooyids' ykn 'Maayomas' jedhamuun beekama.

Ogeessi baqaqsanii yaaluu Dr Abinnat Adaana BBCtti akka himanitti, namoonni hedduu hordoffii fayyaa waan hin taasisneef sadarkaa xannachi osoo hin guddatiin bahu danda'u tursiisu.

Erga xannachi guddatee booda haa bahu gaafa jedhamu mormii dhageessisu jedhu.

Xannachi sanyiin, hortee seelii (cell mutations) akkasumas sababoota kaaniin uumamuu danda'a.

Keessumaa dubartoota eeruun ''dubartiin hundi xannachaaf kan saaxilamte waan taatef 'fayyaan qaba' osoo hin jedhiin ogeessa gadameessaa bira ji'a jahaan yookiin waggaan akka deemuu qaban,'' gorsu.

Xannachi akka kaansarii fiixee gadameessaa kan hin mul'anne, dhokataa waan ta'ef carraa guddatuu akka qabu ogeeyyiin ni himu.

Kanaafis hordoffii qorannoo fayyaa gochuun akka barbaachisu kan gorsan.