Shamarree ganna 23 keessaa xannachi 18kg ulfaatu waldhaansa baqaqsanii yaaluun bahe

Ogeessonni yeroo wallaansa baqaqsanii yaaluu gaggeessanitti

Madda suuraa, Yunivarsiitii Jimmaa

Zannabech Yemaanee naannoo Kibba Lixa Itoophiyaa magaalaa Miizan jiraachaa turte. Waggoota torba darbaniif ammoo dhiitoo guddaa garaashee keessaatiin dhukkubsachaa turte.

Xannachi dhiiita'e xinnoon handhuurasheetiin gaditti uumame guddachaa deemuudhaan, waggoota lamaan asitti ammoo garmalee guddachuun maatiin furmaata gama amantaatiin barbaachaa turanis furmaata dhabee kan turedha.

Maatiin ‘ni ulfoofte [mana yaalaa] dhaqnee si laalchisna’ jedhanii yeroo ishee gaafatan, aariidhaan ‘akkamitti ni ulfoofte naan jettu, umrii kanatti’ jechuun ‘ofin ajjeesallee’ jettee turte.

Waldhaansa baqaqsanii yaaluu Caamsaa 8, 2024 Hospiitaala Odaa Hulleetti taasifameen dhiitoon yookaan xannachi 18kg ulfaatu garaa dhukkubsattuu kana keessaa baafamuu, Yunivarsiitii Jimmaatti Ispeeshaalistii ulfaa fi gadameessaa Dr Ahmad Siraaj BBC’tti himeera.

Maalummaa dhukkuba kanaa, sababoota dhibichaaf saxilanii fi mala isaas Dr Ahmad gaafanneerra.

Shamarree ganna torbaaf dhukkubsataa turte maaltu mudate?

Dhukkubsattuun kun ni ulfoofte jedhamtee sakkamuun waan ishee aarseef, mana yaalaa dhaquu didde.

Boodarra gaafa waggaan tokko darbu maatiin waansaa wallaalan; intalli dhukkubsattus “anoo xurii [laguu] koo nan argaa eessaan dahaa” jettee maatii sheetti himte.

Achirratti wanti uumame ulfa akka hin taane shakkuun maatiinis karaadhuma amantaa isaanii yaalachisaa turuu maatiin akka itti himan dubbata, Dr Ahmad.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Keessumaa waggoota lamaan asitti ammo dhiitoon garaa keessaa daran dabaluu kan kaasu hakimni, dhukkubsattuun yeroo yaalaaf dhufte garmalee huuqqachuu, fedhiin nyaataa ishees hir’achuu fi hargansuu isheerra illee rakkoon jiraachuu hima.

Magaalaa Miizanitti ilaalamtee, “Garaa keessa bishaan guuteetu jira” jechuudhaan akka ilaalamtuuf Jimmaatti riifariin barreeffameefii dhufuu dhukkubsattuu kan yaadachiisan, hakimni kun, “dhukkubsattuu kana yeroon ilaallu, garaanshee baay’ee dhiita’eetu jira;”

Fedhiin nyaataa isheellee baay’ee gadi bu’uu, ulfaatinni ishee yeroodhaa yerootti gadi bu’uu fi hargansuu isheerra rakkoon akka ture hima.

Jalqaba irratti, altiraasaawondiitiin dhiitoon sun eessaa akka ka’e baruun baay’ee ulfaataa waan tureef, laabiraatooriidhaan hojjechiisnee, Siitii Iskaaniitti ergine. Dhiitoon sun miciree gadameessaa (ovary) irraa akka ka’edha kan agarsiisu.

Mar’immaaniif tiruun nagaadha; ujummoo kaleerra dhiitoon waan ciiseef, fincaan karaa darbu dhabuutiin kalee keessallee bishaan guuteetu ture. Dhiitoon kunis dhiitoo ykn xannacha miciree gadameessaa (ovarian tumor) jedhamuun beekama.

Dhiitoo miciree gadameessaa (ovarian tumor) maali?

Dhiitoo miciree gadameessaa irraa ka’uun guddachaa deemuun qaamota biroollee hubuu danda’udha.

Xannichi ykn dhiitoon kun dubartoota qofa irratti kan uumamu yoo ta’u, “maqumti isaa ‘silent killer’ [dhibee kottee dhokfatee nama ajjeesu] jedhama jedhu Dr Ahmad.

Kunis dhukkubichi, “kaninni mallattoolee tokko tokko agarsiisu, yeroo jabaachaa deemudha.

Naannoo jalqabaa irratti mallattooleen jiran rakkoolee biroo akka infeekshinii gara garaa faana kan walfakkaatan jiru.

Yeroo guddachaa deemanidha mallattoolee agarsiisaa kan deeman, akkuma mucaa [dhukkubsattuu] kanaa waggoota lamaa asitti, ulfaatinni baay’ee gadi bu’uu fi fedhiin nyaataa hir’achaa deemuudha” jechuun ibsu hakimni kun.

Sababoonni dhibee kanaaf nama saaxilan umuriitti garaagarumaa qabaachuu kan kaasu Dr Ahmad, sababni isaa ‘esrtogenic exposure’ yookaan hormoonii istiroojinii jedhamu kan hanqaaquudhuma irraa burquuf garmalee saaximuudhaan ta’uu hima.

Kanaafis, durboonni otoo umuriinsaanii hin gahiin xuriin [laguun] itti dhufutu jira; ganna 12 dura laguu arginaan, otoo hin dahiinis yeroo dheeraa hanga ganna 30 ykn 35 ol yoo turan, dubartoonni ulfaatinni qama isaanii garmalee yoo dabale akkasuma ammoo tamboo kan xuuxan yoo ta’e carraa dhibee kanaaf saaxilamuu akka qaban hima, Dr Ahmad.

Dabalataan dhibeen kun sanyiidhaan ykn dhalootaan illee saaxilamummaa olaanaa qabaachuu kan kaasan sabispeeshaalistichi, ijoollummaadhaan dhiitoon akkasii yeroo uumamu miseensi maatii kanaan dura dhibichaan qabame yoo jiraate adda baasuudha jechuun gorsu.

Ittisa dhibee kanaa

Akka falaatti, waa’ee dhibee kanaa hubannoo uumuun barbaachisaa ta’uu kan kaasu, hakimni BBC waliin turtii taasise kun, maatiin sababoota dhibee kanaaf nama saaxilan yeroo argu waan biraa yaaduu dhiisee dafee mana yaalaa geessuu akka qabu dhaamu.

Haala jireenya [life style] sirreessuun barbaachisaa akka ta’e kan gorsu, Dr Ahmad, yeroo baay’ee gosoota nyaataa akka kuduraaf muduraa fayyadamuun carraa dhibee kanaaf saaxilamuu hir’isa.

Dubaroonni laguu isaanii ganna 12 dura arganii fi ijoollummaadhaan rakkina kaansarii harmaa fi mar’immaanii qaban gara mana yaalaa deemuun ilaalaamuu akka qabanii fi araada garagaraarraa bilisa of gochuu, akkasumas sochii qaamaa taasisuun ulfaatina hin barbaachisne ittisuun carraa saaxilamummaa akka hir’su hima.

Akka ittisaatti ammoo ‘combined oral contraception’ kan jedhamu istiroojinii fi pirojestiroonii waliin fudhaamus dhibee kanaaf akka hin saaxilamneef ni gargaara jechuun himu, hakimni kun.

Dhibeen dhukkubsattuu kanaa waggoota torbaaf yaala tokko malee irratti waan dhaggeeffatameef fayyaa ishee hubuu kan yaadachiisu, hakimni kun, dhibee kamiyyuu gama amantaatiinis deemaa, cinaatti ammoo mana yaalaatti waldhansisuun gaarii ta’uu kaasa. Dhibeen kun sadarkaa jalqabaatti otoo yaalamee carraa salphaatti fayyuu akka qabus hima.

Dhibeen kun amala kaansarii kan qabuu fi hin qabne yookaan amala qaamota kaanitti daddarbuu qabaachuuf dhabuu ta’uu danda’a kan jedhu, Dr Ahmad Siraaj kan dhukkubsattuu kanaas maal akka ta’e adda baasuuf dhiitoo garaashee keessaa bahe gara laabiraatooriitti akka ergan hima.

Dakaan naannoo gadameessaatiin ka’ee, gararraatiin ammo dhaqee hanga naannoo sombaatti guutee jira.

Kanaaf, qaamashee gara gadiitii ka’ee hanga handhuuraa oliitti akka baqaqsan kan kaasu Dr Ahmad, qaamolee dhiitoo sun irra ciise irraa gargar baasuun baay’ee ulfaataa ture; nama sadii taanee baasne; “miciree gara mirgaa irraa erga [dhiitoo] baasnee booda, mar’immaan gara bukkeetti dhiibamaniiru waan ta’eef garaan mucayyoo [dhukkubsattuu] qullaadhuma hafe” jedha.

Waldhaansa baqaqsanii yaaluu sa’aatii tokkoof walakkaa fudhateen garaa dhukkubsattuu keessaa dhiitoon kiiloogiraama 18 ulfaatu kan bahe yoo ta’u, amma fayyaa gaarii irratti argamuu ishees, Dr Ahmad BBC’tti himaniiru.

‘Yoo duutes dhaqxee achitti haa duutu’ jenneetu as finne’

“Dhugaa dubbaachuuf miira baay’ee addaati. Yeroo si faana haasa’anis, imimmaan isaanii itti dhufa. Dhiitoo sanas arganiiru; ‘waan salpaatti yaalamuu danda’u hamma kana irra tursine’ jechuun, deebi’anii waan ofitti gaabbanis fakkaatu.

Isheen [dhukkubsattuun] ammo dhugaa hin seene. Obboleessishee ‘nuti maatii faana waliigallee gara kana kan finne, manatti callisnee hin ajjeesnu, yoo duutes dhaqxee achitti haa duutu’ jenneetu as finne naan jedhe” jechuun miira gammachuu fi gaabbii maatiin erga mucaan isaanii yaalamte agarsiisan himu, Dr Ahmad.